LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 141
  • Lafti ni Balleeffamtii Laata?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Lafti ni Balleeffamtii Laata?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Ilmaan namootaa lafa ni balleessuu laata?
  • Kitaabni Qulqulluun lafti ibiddaan akka gubattu ni barsiisa mitii?
  • Addunyaan kun ni Badaa?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Lafti Ni Baddii Laata?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Lafti Ni Baddii?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Lafa Badiisa Irraa Kan Oolchu Eenyu?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 141
Lafti yommuu caccabdu

Lafti ni Balleeffamtii Laata?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Lakki; Lafti kun matumaa ibiddaan gubamtee hin balleeffamtu ykn lafa kan biraatiin bakka hin buufamtu. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo lafa kan uume bara baraaf akka irra jiraatamuuf akka taʼe barsiisa.

  • “Warri qajeelonni [“lafa ni dhaalu,” hiika bara 1899], yeroo hundumaafis keessa in taaʼu.”—Faarfannaa 37:29.

  • “[Waaqayyo] lafa hundee isaa irra [dhaabe], innis yeroo hundumaa baruma baraan iddoo isaatii hin butatu.”—Faarfannaa 104:5.

  • “Lafti . . . yeroo hundumaaf dhaabatee in hafa.”—Lallaba 1:4.

  • “Waaqayyo inni bantiiwwan waaqaa uume . . . lafa bifa itti godhee, tolchee jabeessee yommuu dhaabe akka irra jiraataniif malee, bifa hin qabnee fi onaa akka taʼuuf hin uumne.”—Isaayaas 45:18.

Ilmaan namootaa lafa ni balleessuu laata?

Waaqayyo ilmaan namootaa faalama naannootiin, waraanaan ykn karaa kan biraa kamiin iyyuu lafa guutummaatti akka balleessan hin heyyamu. Kanaa mannaa, inni ‘warra lafa balleessan balleessuuf murteesseera.’ (Mulʼata 11:18) Kana kan godhu akkamitti?

Waaqayyo, mootummaa ilmaan namootaa karaa sirrii taʼeen lafaaf eegumsa gochuu hin dandeenye Mootummaa samii isa mudaa hin qabneen bakka buusa. (Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:9, 10) Mootiin Mootummaa kanaa Yesuus Kiristoos isa Ilma Waaqayyoo taʼe dha. (Isaayaas 9:6, 7) Yesuus yeroo lafa irra turetti, humnoota uumamaa toʼachuu akka dandaʼu argisiiseera. (Maarqos 4:35-41) Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef, lafas taʼe humnawwan uumamaa lafa irra jiran guutummaatti ni toʼata. Haalawwan lafa irra jiran akka fooyyaʼanii fi akka sirreeffaman gochuudhaan, guutummaan lafaa akkuma haala iddoo biqiltuu Eeden keessa ture sanaa akka taatu taasisa.—Maatewos 19:28; Luqaas 23:43.

Kitaabni Qulqulluun lafti ibiddaan akka gubattu ni barsiisa mitii?

Lakki, hin barsiisu. Yeroo baayʼee yaanni akkasii yaada 2 Pheexiros 3:7 isa, “Samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiranis ibiddaaf kaaʼaman” jedhu dogoggoraan hubachuu irraa kan dhufu dha. Qabxii guguddaa hiika yaada kanaa hubachuuf nu gargaaru lama haa ilaallu:

  1. Kitaabni Qulqulluun jechoota, “samiiwwan,” “lafa,” akkasumas, “ibidda” jedhan wantoota adda addaa argisiisuuf itti fayyadama. Fakkeenyaaf, Faarfannaa 33:8, “Biyyi lafaa guutummaatti Waaqayyoon haa sodaatu” jedha. As irratti “lafa” kan jedhame hawaasa ilmaan namoota ti.

  2. Yaanni naannoo 2 Pheexiros 3:7⁠rra jiru hiika samiiwwan, lafaa fi ibiddaa caqasicha irratti ibsamanii hubachuuf nu gargaara. Lakkoofsi 5 fi 6 haala raajiin kun itti raawwatamu, haala Bishaan Badiisaa bara Nohitti turee wajjin wal bira qabanii ibsu. Yeroo sanatti addunyaan bara durii sun kan balleeffame taʼus lafti kun hin badne. Kanaa mannaa, Bishaan Badiisaa sun haxaaʼee kan balleesse hawaasa ilmaan namootaa isa hamaa taʼe ykn “lafa” jedhame sana dha. (Uumama 6:11) Bishaan Badiisaa sun wanta akka “samiiwwanii” taʼe, jechuunis warra hawaasa ilmaan namootaa lafa irraa bulchaa ture sanas balleesseera. Kanaaf, yeroo sanatti kan balleeffame namoota hamoo malee lafa kana hin turre. Nohii fi maatiin isaa badiisa addunyaa sanatti dhufe irraa lubbuudhaan oolanii Bishaan Badiisaa booda lafa irra jiraataniiru.—Uumama 8:15-18.

Bishaan badiisa sana geessise wajjin haaluma wal fakkaatuun, badiisni ykn “ibiddi” 2 Pheexiros 3:7 irratti ibsame kan balleessu addunyaa namoota hamoo taʼaniiti malee lafa kana miti. Waaqayyo “samiiwwan haaraa fi lafa haaraa warra qajeelummaan keessa jiraatu” akka fidu waadaa galeera. (2 Pheexiros 3:13) “Lafa haaraa” ykn hawaasa ilmaan namootaa haaraa kan bulchu “samiiwwan haaraa” ykn bulchiinsa haaraa, jechuunis Mootummaa Waaqayyoo ti. Bulchiinsa Mootummaa sanaa jalatti lafti jannata nagaan keessatti dagaage taati.—Mulʼata 21:1-4.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi