LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 143
  • Tamboo Xuuxuun Cubbuu Dhaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Tamboo Xuuxuun Cubbuu Dhaa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Kitaabni Qulqulluun Bashannanaaf jecha qoricha akka maariwaanaa fi kan biroo fudhachuu ilaalchisee maal jedha?
  • Sijaaraa Xuuxuu Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Gufuu Si Mudachuu Dandaʼu Moʼuuf Qophaaʼi
    Dammaqaa!—2010
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 143
Nama sijaaraa xuuxu

Tamboo Xuuxuun Cubbuu Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni Qulqulluun tamboo xuuxuua ykn karaa biraatiin tambootti fayyadamuu ilaalchisee kallattiidhaan waan ibsu hin qabu. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun qajeelfama barsiifatawwan fayyaa keenya miidhanis taʼe qulqulluu hin taane, kanneen Waaqayyo duratti fudhatama hin qabne qabateera; kanaaf tamboo xuuxuun Waaqayyo duratti cubbuu dha.

  • Lubbuudhaaf ulfina kennuu. ‘Waaqayyo namoota hundumaaf jireenyaa fi hafuura ni kenna.’ (Hojii Ergamootaa 17:24, 25) Lubbuun kennaa Waaqayyo biraa argame waan taʼeef, tamboo xuuxuu dabalatee wantoota umurii keenya gabaabsan raawwachuu irraa of qusachuu qabna. Tamboo xuuxuun sababiiwwan guguddaa utuu hin barbaachisin umuriin keenya akka gabaabbatu taasisan keessaa isa tokko dha.

  • Jaalala namootaaf qabnu. “Nama akka ofii keetti jaalladhu.” (Maatewos 22:39) Iddoo namni jirutti tamboo xuuxuun namootaaf jaalala akka qabnu kan argisiisu miti. Namoonni yeroo baayʼee aara sijaaraatiif saaxilaman, carraan isaan dhukkuba namoota tamboo xuuxan qabataniin qabamuuf qaban baayʼee guddaa dha.

  • Qulqulluu taʼanii jiraachuu. ‘Qaama keessan aarsaa jiraataa, qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu godhaa dhiheessaa.’ (Roomaa 12:1) “Waaqayyoon sodaachuu fi caalaatti qulqulloota taʼuudhaan, wanta foonii fi hafuura xureessu hunda irraa of haa qulqulleessinu.” (2 Qorontos 7:1) Tamboo xuuxuun uumamaan ala siʼa taʼu, qulqulluu taʼuu wajjin wal faallessa; sababni isaas namoonni tamboo xuuxan taʼe jedhanii summiiwwan qaama isaanii mancaasan fudhatu.

Kitaabni Qulqulluun Bashannanaaf jecha qoricha akka maariwaanaa fi kan biroo fudhachuu ilaalchisee maal jedha?

Kitaabni Qulqulluun maariwaanaa (wiid ykn poot jedhamees ni waamama) dabalatee, waaʼee qorichoota sammuu nama hadoochan kan biroo wanta ibsu hin qabu. Haa taʼu malee, qajeelfamawwan wantoota araada nama qabsiisan bashannanaaf jecha fudhachuun sirrii akka hin taane ibsan qabateera. Qajeelfamawwan olitti caqasaman malees, kanneen armaan gadiitti ibsamanis kanaaf ni hojjetu.

  • Barbaachisummaa dandeettii yaaduu keenya toʼachuu. “Waaqa kee Yihowaa . . . sammuu kee guutuudhaan jaalladhu.” (Maatewos 22:37, 38) “Dandeettii hubannaa keessan guutummaatti eeggadhaa.” (1 Pheexiros 1:​13) Namni qoricha sammuu namaa hadoochu fudhatu sammuu isaa guutummaatti toʼachuu hin dandaʼu; kanaa mannaa namoonni baayʼeen araada qoricha sammuu namaa hadoochan kanaan qabamaniiru. Sammuun isaanii wantoota gaarii irratti utuu hin taʼin, qoricha sammuu namaa hadoochan sana argachuu fi fayyadamuu qofa irratti xiyyeeffata.​—Filiphisiyus 4:8.

  • Abbootii taayitaa mootummaatiif ajajamuu. ‘Mootummootaa fi abbootii taayitaatiif ajajamaa.’ (Tiitoo 3:1) Biyyoota hedduu keessatti qoricha sammuu hadoochan fudhachuun seeraan dhorkamaa dha. Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaanne, abbootii taayitaa mootummaatiif ajajamuu qabna.​—Roomaa 13:1.

Miidhaa Tamboo Xuuxuun Fayyaa Keenya Irraan Geessisu

Akka tilmaama Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti, waggaa waggaadhaan namoonni gara miliyoona jaʼaa taʼan sababii dhukkuba tamboo xuuxuu wajjin walqabateen duʼu; kun namoota aara tambootiif saaxilamuu isaaniitiin miidhaan isaan irra gaʼuu fi 600,000 ol taʼan kan dabalatu dha. Tamboon namoota xuuxan irrattis taʼe namoota aara isaatiif saaxilaman irratti miidhaa akkamii akka geessisu haa ilaallu.

Kaansarii. Aarri tamboo keemikaalota dhibee kaansariitiif sababii taʼuu dandaʼan 50 ol taʼan kan qabate dha. Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaan aarri tamboo “dhukkuba kaansarii sombaatiin qabamuuf harka 90 gumaacha akka godhu amanama” jedheera. Kana malees, aarri tamboo kutaalee qaamaa akka afaan, ujummoo qilleensaa fi nyaanni keessa darbuu, laagaa, qoonqoo, liqimsituu, tiruu, rajiijii fi afuuffee dabalatee kutaalee qaamaa kan biroon dhukkuba kaansariitiif akka saaxilaman taasisa.

Dhukkuboota qaama sirna hargansuu. Aarri tamboo carraa dhibee qaama sirna argansuu akka dhukkuba sombaa fi Influweenzaa jiraniin qabamuu akka dabalu taasisa. Ijoolleen yeroo hunda aara warra tamboo xuuxaniitiif saaxilaman, carraan dhukkuboota akka asmii fi qufaa cimaadhaan qabamuuf qaban balʼaa dha; akkaataa sombi isaanii itti guddatuu fi itti hojjetus baayʼee harkifataa taʼa.

Dhukkuba onnee. Namoonni tamboo xuuxan carraan isaan itti dhukkuba akka dhiigni sammuu keessatti dhangalaʼuu fi dhukkuba onneetiin qabamuuf qaban balʼaa dha. Karboon monooksayidiin tamboo keessatti argamu, somba keessa darbuudhaan salphaatti hidda dhiigaatti galuudhaan bakka oksijiinii buʼa. Oksijiiniin dhiiga keenya keessa jiru muraasa yoo taʼe immoo, onneen keenya oksijiinii gara kutaalee qaamaa adda addaatti geessuuf hojii cimaa hojjechuuf dirqama.

Miidhaa dubartii ulfaa irraan geessisu. Dubartiin ulfi tamboo xuuxxu takka carraan daaʼimni ishii utuu yeroon isaa hin gaʼin akka dhalatu gochuuf qabu balʼaa dha; kana malees ijoolleen dhalatan hidhiin isaanii kan baqaqe, ulfaatinni isaanii baayʼee xinnoo ykn dhibeewwan fayyaa kaan kan qaban taʼuu dandaʼu. Akkasumas daaʼimman akkasii rakkoowwan sirna hargansuu wajjin wal qabataniif ykn daaʼimummaa isaanitti duʼa akka tasaa uumamuuf saaxilamuu dandaʼu.

a Xuuxuu jechuun tamboo fi gaayyaa xuuxuu, tamboo waraqaadhaan maranii xuuxuu ykn meeshaalee akka shiishaa fayyadamanii xuuxuu dabalata. Haa taʼu malee, qajeelfamni kun tamboo alaanfachuu ykn funyaaniin fuunfachuu ykn sijaaraa elektiroonikii niikootiinii qabu xuuxuu fi wantoota wal fakkaatoo kan biraatti fayyadamuufis wal qixa hojjeta.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi