Baafata Mataduree
Caamsaa 15, 2011
Maxxansa Qayyabannaa
TORBAN MATADUREEWWAN ITTI QAYYABATAMAN
Waxabajjii 27, 2011–Adoolessa 3, 2011
Maatiiwwan Kiristiyaanaa—‘Dammaqoo Taʼaaʼ
FUULA 7
Adoolessa 4-10, 2011
Maatiiwwan Kiristiyaanaa—‘Qophaaʼaa Taaʼaaʼ
FUULA 11
Adoolessa 11-17, 2011
Jireenyakee Keessatti Qaamni Hunda Caalu Eenyudha?
FUULA 16
Adoolessa 18-24, 2011
‘Ogummaan Waaqayyoo Hammam Gad Fagaata!ʼ
FUULA 21
Adoolessa 25-31, 2011
Guutummaatti Yihowaatti Amanamuun Tasgabbii Nuuf Argamsiisa
FUULA 28
Kaayyoo Matadureewwan Qayyabannaa
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA 1, 2 FUULA 7-15
Matadureen jalqabaa, itti gaafatamummaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsameefi miseensonni maatii Kiristiyaanaa hundi dammaqinaan jiraachuuf raawwachuu qaban addeessa. Mataduree lammaffaanimmoo, ija fayyaa qabaachuun, galmawwan hafuuraa hordofuufi Waaqeffannaa Maatii qabaachuun, nageenya hafuuraa guutummaa maatichaatiif barbaachisaa kan taʼe akkamitti akka taʼe ibsa.
MATADUREE QAYYABANNAA 3 FUULA 16-20
Yihowaan, jireenya tajaajiltootasaa keessatti Qaama hunda caalu taʼuu qaba. Matadureen kun, kana ilaalchisee wanta dubartii jalqabaa Hewwaanirraa, Iyoob isa nama amanamaa tureefi Yesus Kiristos Ilma Waaqayyoo isa mudaa hin qabnerra gaʼee turerraa barumsa argachuu dandeenyu ibsa.
MATADUREE QAYYABANNAA 4 FUULA 21-25
Phaawulos ergamaan, Roomaa boqonnaa 11rratti waaʼee muka ejersaa fakkeenyaan ibsamee dubbateera. Qaamonni garaagaraa muka kanaa maal bakka buʼu? Mataduree kana keessatti waaʼee hiikasaanii yommuu qorru, waaʼee kaayyoo Yihowaa beekuu qofa utuu hin taʼin, ogummaasaa isa gad fagoo taʼes ni dinqisiifanna.
MATADUREE QAYYABANNAA 5 FUULA 28-32
Matadureen kun, Faarfannaawwan 3fi 4 Daawit Mootichi barreesserratti ibsa kenna. Faarfannaawwan geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun, gargaarsa Yihowaa argachuuf yoo kadhanne, akkasumas guutummaatti yoo isatti amanamne tasgabbiin nutti dhagaʼamuu akka dandaʼu argisiisu. Daawit, ilmisaa Abiishaalom isa ganuusaatiin yommuu rakkinni isarra gaʼetti akkas godheera.
MATADUREEWWAN DABALATAA
3 Dubbii Waaqayyootti Dhugumaan Ni Gammaddaa?
6 “Ilaaltuu Olaanaa Dinqisiisaa Taʼeefi Michuu Jaallatamaa”
26 Kiristos Isa Geggeessaa Mudaa Hin Qabne Duukaa Buʼuu