LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 10/1 ful. 22-23
  • Waaqeffannaa Dhugaa Akkamitti Beekuu Dandeessa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqeffannaa Dhugaa Akkamitti Beekuu Dandeessa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqeffannaa Dhugaa Beekuu Kan Dandeessu Akkamitti?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Waaqeffannaa Waaqayyo Biratti Fudhatama Qabu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Amantii Dhugaa Beekuu Kan Dandeessu Akkamittii?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Amantii Dhugaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 10/1 ful. 22-23

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Waaqeffannaa Dhugaa Akkamitti Beekuu Dandeessa?

Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Amantii dhugaan tokko qofadhaa?

Yesus duuka buutotasaa amantii dhugaan tokko qofa akka taʼe barsiiseera. Amantiin kunis karaa gara jireenyatti nama geessudha. Yesus waaʼee karichaa yommuu dubbatu, “Namoonni isa argatan muraasa” jedheera. (Maatewos 7:14) Waaqayyo amantii Dubbiisaa isa dhugaarratti hundaaʼe qofa fudhata. Namoonni waaqeffannaa dhugaa hordofan amantii tokko qabu.—Yohannis 4:23, 24; 14:6; Efesoon 4:4, 5 dubbisi.

2. Amantiiwwan Kiristiyaana jedhaman hedduun kan jiraatan maaliifi?

Raajonni sobduun Kiristiyaanummaa mancaasaniiru; akkasumas fedhii ofiisaanii babalʼisuuf itti fayyadamaniiru. Akkuma Yesus raajiidhaan dubbate, isaan ‘hoolotasaa’ fakkaatu, hojiinsaanii garuu akka yeeyyii beelaʼeeti. (Maatewos 7:13-15, 21, 23) Kiristiyaanummaan sobaa kan babalʼate, keessumaa erga ergamoonni Yesus duʼanii boodadha.—Hojii Ergamootaa 20:29, 30 dubbisi.

3. Karaawwan waaqeffannaan dhugaa ittiin beekamu tokko tokko kamfaʼi?

Waaqeffattoonni dhugaan, Macaafa Qulqulluu akka Dubbii Waaqayyootti fudhatu. Seerawwan buʼuuraa achi keessatti argaman eeganii jiraachuuf carraaqqii godhu. Kanaaf, amantii dhugaan amantii yaadawwan namootaarratti hundaaʼerraa addadha. (Maatewos 15:7-9) Waaqeffattoonni dhugaan wanta lallaban hojiirra ni oolchu.—Yohannis 17:17; 2 Ximotewos 3:16, 17 dubbisi.

Amantii dhugaan, maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamuuf ulfina kenna. Yesus, maqaan Waaqayyoo akka beekamu godheera. Inni namoonni akka Waaqayyoon beekan gargaareera; maqaan Waaqayyoo akka qulqullaaʼuu akka kadhatanis isaan barsiiseera. (Maatewos 6:9) Naannoo ati jiraattutti, amantiin maqaa Waaqayyootti fayyadamuu jajjabeessu isa kami?—Yohannis 17:26; Roomaa 10:13, 14 dubbisi.

4. Waaqeffattoota dhugaa beekuu kan dandeessu akkamitti?

Kiristiyaanonni dhugaan, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ni lallabu. Waaqayyo waaʼee Mootummichaa akka lallabu Yesusiin ergeera. Abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofadha. Yesus hanga guyyaa duʼasaatti waaʼee mootummichaa dubbachuusaa itti fufeera. (Luqaas 4:43; 8:1; 23:42, 43) Duuka buutonnisaas waaʼee Mootummaa Waaqayyoo akka lallaban itti himeera. Namni tokko waaʼee Mootummaa Waaqayyoo yoo sitti hime, namni kun nama amantii isa kam hordofudha jettee yaadda?—Maatewos 10:7; 24:14 dubbisi.

Duuka buutonni Yesus, kutaa biyya lafaa isa hamaa kanaa miti. Dhimmawwan siyaasaarrattis taʼe walitti buʼiinsa hawaasaarratti hin hirmaatan. (Yohannis 17:16) Akkasumas, gochaafi ilaalcha biyya lafaa isa hamaa taʼe kanaa hin hordofan.—Yaaqoob 1:27; 4:4 dubbisi.

5. Wanti Kiristiyaanonni dhugaan itti beekaman inni guddaan maalidha?

Kiristiyaanonni dhugaan jaalala guddaa waliif qabu. Namoota sanyii garaagaraa qaban akka kabajan Macaafa Qulqulluurraa barataniiru. Amantiin sobaa yeroo baayʼee waraana addunyaa kan deggeru taʼus, waaqeffattoonni dhugaa akkas gochuurraa ni fagaatu. (Miikiyaas 4:1-4) Miseensonni amantii dhugaa haala ofittummaarraa walaba taʼeen, yeroofi qabeenyasaanii warra kaan gargaaruufi jajjabeessuuf itti fayyadamu.—Yohannis 13:34, 35; 1 Yohannis 4:20, 21 dubbisi.

Amantiin, barumsisaa hundi Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe, maqaa Waaqayyoo kabajuufi abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe lallabu isa kamidha? Amantiin jaalala argisiisuufi waraana hin deggerre isa kami? Dhugaan jiru, kana kan godhan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuusaanii mirkaneessa.—1 Yohannis 3:10-12.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 15⁠ffaa ilaali.

[Fakkii fuula 22⁠rra jiru]

“Isaan Waaqayyoon in beekna jedhu, hojii isaaniitiin garuu isa in ganu.”—Tiitoos 1:16

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi