Barumsa 13
Amantii Dhugaa Beekuu Kan Dandeessu Akkamittii?
Waaqayyoon kan gammachiisu amantii tokko qofa moo, amantii hundaatii? (1)
Amantiiwwan Kristiyaana ofiin jedhan baay’een kan jiraatan maaliifii? (2)
Kristiyaanota dhugaa addaan baaftee beekuu kan dandeessu akkamittii? (3-7)
1. Amantiin Kristiyaanaa inni dhugaan Yesus gurmeesse tokko qofa. Kanaafuu har’as dhugaadhaan Yihowaa waaqeffachuuf kan gurmaa’uu qabu amanttiin dhugaa tokko qofa. (Yohannis 4:23, 24; Efesoon 4:4, 5) Macaafni qulqulluun, karaa jireenyatti geessu isa dhiphoorratti kan argaman namoota muraasa ta’uusaanii mirkaneessa.—Maatewos 7:13, 14.
2. Ergamoonni Yesus eega du’anii booda, barumsi sobaafi gochawwan sirrii hin taane gara gumii Kristiyaanaatti suuta suutaan hulluuqanii akka lixan Macaafni qulqulluun dubbatee ture. Namoonni tokko tokko duuka buutota Kristos utuu hin ta’in kan mataasaanii taasisachuuf amantoota gowwomsanii garasaaniitti fudhatu. (Maatewos 7:15, 21-23; Hojii 20:29, 30) Amantiiwwan Kristiyaana ofiin jedhan hedduun kan jiraatan sababii kanaafi. Egaan Kristiyaanota dhugaa akkamitti addaan baafnee beekuu dandeenyaa?
3. Karaan Kristiyaanonni dhugaa addaan baafamanii ittiin beekaman inni guddaan jaalala dhugaa gidduusaanitti argamuunidha. (Yohannis 13: 34, 35) Namoota sanyiin ykn biftisaanii isaanirraa adda ta’ee akka chaalan barumsi taasisu hin kennamuuf. Barumsa lammiiwwan biyya biraa akka jibban isaan godhu hin baratan. (Hojii 10:34, 35) Kanaan kan ka’e waraanarratti hin hirmaatan. Kristiyaanonni dhugaa akka obbolaatti wal ilaalu.—1 Yohannis 4:20, 21.
4. Karaa garabiraan amantii dhugaa walii maksinee beekuuf nudandeessisu, miseensoonni amantichaa Macaafa qulqulluudhaaf ulfina guddaa kennuusaaniitiini. Macaafni qulqulluun Sagalee Waaqayyoo ta’uusaafi wanta inni dubbatu hundumaatti ni amanu. (Yohannis 17:17; 2 Ximotewos 3:16, 17) Sagalee Waaqayyootiif duudhaa ykn ilaalcha namaa caalaatti iddoo kennu. (Maatewos 15:1-3, 7-9) Yeroo hundumaa Sagalee Waaqayyoo jireenyasaanii keessatti hojiirra olchuuf carraaqu. Kanaafuu wanti labsaniifi wanti hojjetan wal hin faallessu.—Tiitoos 1:15, 16.
5. Kana malees amantiin dhugaa maqaa Waaqayyootiif ulfina kennuu qaba. (Maatewos 6:9) Yesus maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu beksiseera. Kristiyaanonni dhugaas akkasuma gochuu qabu. (Yohannis 17:6, 26; Roomaa 10:13, 14) Naannoo keetti namootatti waayee maqaa Waaqayyoo kan himan eenyu fa’ii?
6. Kristiyaanonni dhugaa waayee Mootummaa Waaqayyoo lallabuu qabu. Yesus akkas godheera. Yeroo hundumaa waayee Mootummattii dubbata ture. (Luqaas 8:1) Bartoonnisaas waayee Mootummattii kanaa biyya lafaa hundumaatti akka labsan ajajeera. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Kristiyaanonni dhugaa lafa kanaaf nagaafi tasgabbii kan fiduu danda’u Mootummaa Waaqayyoo qofa akka ta’ee amanu.—Faarfannaa 146:3-5.
7. Bartoonni Yesus hojii biyya lafaa isa hamaarratti hirmaachuun irra hin jiru. (Yohannis 17:16) Siyaasa biyya lafaafi jeeqama hawaasaa kessatti hin hirmaatan. Ilaalcha, gochaafi amalawwan gadhee addunyaa kana keessatti babal’achaa jiranirraa ni fagaatu. (Yaaqoob 1:27; 4:4) Naannoo keetti amantiin mallattoo Kristiyaanummaa dhugaa kana argisiisu jiraa?
[Fakkii fuula 27rra jiru]
Kristiyaanonni dhugaa wal jaallatu, Macaafa qulqulluu ni kabaju, waayee Mootummaa Waaqayyoo ni lallabu