LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 7/1 ful. 5-7
  • Armaagedooniin Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Armaagedooniin Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Iddoo Armaagedoon Jedhamutti Walitti Qabaman
  • Armaagedoon Israaʼelitti Jalqabaa?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Waraanni Armaagedoon Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Armaagedoon Misiraachoo Dha!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 7/1 ful. 5-7

Armaagedooniin Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?

“Isaan hafuurota Seexanaa . . . mootota, guutummaa biyya lafaa . . . iddoo afaan Ibrootaat[iin] ‘Armaagedoon’ jedhamutti walitti in qaban.”​—MULʼATA 16:14, 16.

ARMAAGEDOON, al tokko tokko “Harmaagedoon” jedhamees kan waamamu siʼa taʼu, maqaa iddoo tokkoo argisiisa. Haataʼu malee, iddoon kun lafarra waan jiru hin fakkaatu.

Kanaaf jechi “Armaagedoon” jedhu hiika maalii qaba? Yeroo baayʼee haala tokko jechuunis, kan akka waraanaa wajjin haala wal qabateen kan caqasamu maaliifi?

Iddoo Armaagedoon Jedhamutti Walitti Qabaman

Jechi afaan Ibrootaa Har–Maagedoon jedhu hiiknisaa “Gaara Megidoo” jechuudha. Gaarri akkas jedhamu jiraachuu baatus, iddoon Megidoo jedhamu garuu jira. Iddoon kun kaaba dhihaa Israaʼeloonni jiraachaa turaniifi bakka karaan itti wal qaxxaamurutti argama. Waraanni gurguddaa hedduun iddoo kanatti dhihoo taʼetti godhamaniiru. Maqaan Megidoo jedhu waraanaa wajjin haala wal qabateen kan caqasamu kanaafidha.a

Haataʼu malee, Megidoon hiika guddaa akka qabaatu kan godhe waraanota achitti geggeeffaman utuu hin taʼin, sababiiwwan waraanonni sun itti godhaman ture. Megidoon kutaa Biyyattii Abdachiifamteefi Yihowaan Israaʼelootaaf kenne turte. (Baʼuu 33:1; Iyaasuu 12:7, 21) Yihowaan sabicha diinotasaaniirraa akka isaan eegu waadaa galeefii ture; waadaa kanas eegeera. (Keessa Deebii 6:18, 19) Fakkeenyaaf, Israaʼeloota dinqiidhaan Yaabiin Mootichaafi angafa loltootaa Kanaʼaanotaa kan taʼe Siiseraarraa kan isaan oolche Megidootti ture.​—Abboota Firdii 4:14-16.

Kanaaf, jechi “Armaagedoon” jedhu akka fakkeenyaatti hiika guddaa qaba. Jechi kun lola humnoonni gurguddaan lama godhanii wajjin kan wal qabatedha.

Raajiin kitaaba Mulʼataa keessa jiru, dhiheenyatti Seexanniifi hafuuronni hamoon, mootummoonni ilmaan namootaa fedhii Waaqayyoo mormuuf jecha humna waraanaasaanii walitti qabachuuf akka isaan kakaasan ibsa. Waaqayyo loltoota sanarratti yommuu tarkaanfii fudhatu, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ni ajjeefamu.​—Mulʼata 19:11-18.

Waaqni inni Macaafni Qulqulluun, ‘araara qabeessa, ooʼa qabeessa, dheekkamsaaf suuta jedhaafi gaarummaansaa guddaa akka taʼe’ ibsu namoonni hedduun akka duʼan kan godhu maaliifi? (Nahimiyaa 9:17) Sababii itti Waaqayyo tarkaanfii akkasii fudhatu hubachuuf gaaffiiwwan sadiif deebii argachuun keenya barbaachisaadha: (1) Waraanicha eenyutu jalqaba? (2) Waaqayyo waraanicha gidduu kan seenu maaliifi? (3) Waraanni kun lafaafi namoota isheerra jiraataniif, barabaraaf faayidaa akkamii argamsiisa?

1. WARAANICHA EENYUTU JALQABA?

Waraana Armaagedoon kan jalqabu Waaqayyo miti. Kanaa mannaa, Waaqayyo namoonni gaariin harka warra isaan balleessan jalaa akka oolan gargaara. Lola kana kan jalqaban bulchitoota jechuunis, “mootota, guutummaa biyya lafaa[ti].” Waraana kana kan banan maaliifi? Seexanni, mootummootaafi humnoota waraanaa akka garaasaatti itti fayyadamu namoota Yihowaa waaqefatan guutummaatti akka balleessan waan isaan kakaasuufidha.—Mulʼata 16:13, 14; 19:17, 18.

Yeroo harʼaa biyyoonni tokko tokko mirga yaada ofii ibsuufi amantiin bilisummaa akka qabaatuuf iddoo guddaa waan kennaniif, mootummoonni amantii kamiyyuu hojiisaa dhorkuu ykn guutummaatti balleessuu dandaʼu jedhanii yaaduun waan hin taane fakkaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, haalli akkasii jaarraa 20⁠ffaatti taʼeera; ammas taʼaa jira.b Taʼus, haala kanaan dura gaʼeefi Armaagedoonitti gaʼu gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Tokkoffaa, waraanichi kan godhamu addunyaa marattidha. Lammaffaa, tarkaanfiin Yihowaan fudhatu, wanta inni kanaan dura raawwate hunda baayʼee kan caaludha. (Ermiyaas 25:32, 33) Macaafni Qulqulluun lola kana, “guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa dandaʼu sanaa” jedhee ibsa.

2. WAAQAYYO WARAANICHA GIDDUU KAN SEENU MAALIIFI?

Yihowaan namoonni isa waaqeffatan, naga qabeeyyii akka taʼaniifi diinotasaanii akka jaallatan barsiiseera. (Miikiyaas 4:1-3; Maatewos 5:43, 44; 26:52) Kanaaf yommuu waraanni cimaan kun isaanirratti banamu, ofirraa ittisuuf meeshaa lolaatti hin fayyadaman. Waaqayyo sabasaa oolchuuf utuu gidduu hin seenu taʼee, lafarraa balleeffamu turan. Balleeffamuun isaaniimmoo maqaa Yihowaa isa gaariirratti arrabsoo fida. Hamoonni kun sabasaa balleessuu yoo dandaʼan, Yihowaan jaalala kan hin qabne, murtoo sirrii kan hin goone ykn humna guddaa kan hin qabne akka fakkaatu godha. Kunimmoo matumaa taʼuu hin dandaʼu!​—Faarfannaa 37:28, 29.

Waaqayyo eenyuuniyyuu balleessuu waan hin barbaanneef, namni tokko badiisarraa ooluuf maal gochuu akka qabu akeekkachiisa gaʼaa kennaa jira. (2 Phexros 3:9) Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa jirutti fayyadamuudhaan, yommuu sabasaarra miidhaan gaʼetti, tarkaanfii fudhachuusaa namoonni hundi akka beekan godheera. (2 Mootota 19:35) Macaafni Qulqulluun gara fuulduraattis, yommuu Seexanniifi namoonni toʼannaasaa jala jiran saba Waaqayyoorratti lola banan, Yihowaan gidduu seenee humnoota sanarratti tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiisa. Dubbiin Waaqayyoo, bara dheeraa dura Yihowaan hamoota akka balleessu raajii dubbatee ture. (Fakkeenya 2:21, 22; 2 Tasaloniiqee 1:6-9) Yeroo sanatti loltoonni sun Waaqayyo isa Hundumaa Dandaʼu lolaa akka jiran akka beekan hin shakkisiisu.​—Hisqiʼel 38:21-23.

3. WARAANNI KUN FAAYIDAA BARABARAA AKKAMII ARGAMSIISA?

Waraanni Armaagedoon namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman akka oolan godha. Akkasumas yeroo nagaan lafarratti buufatuuf seensa taʼa.​—Mulʼata 21:3, 4.

Macaafni Mulʼata waaʼee namoota “tuuta sonaan baayʼee” lakkoofsisaanii hangana hin jedhamneefi lola kanarraa oolanii dubbata. (Mulʼata 7:9, 14) Namoonni kun qajeelfama Waaqayyo isaaniif kennuun, akka Yihowaan jalqaba yaadetti lafti gara Jannataatti akka deebitu godhu.

Waraanni kun, saba Waaqayyoorratti yoom akka banamu beeknaa?

[Miiljaleewwan]

a Iddoo tokko waraanaa wajjin haala wal qabateen caqasuun haaraa miti. Fakkeenyaaf magaalaan Jaappaan Hirooshimaa jedhamtuufi boombii atoomikiitiin balleeffamtee turte, yeroo ammaa waraana nuukileerii argisiisuuf akka fakkeenyaatti caqasamti.

b Ajjeechaan Naaziin Jarman namoota hedduurratti raawwate, yaalii mootummaan tokko amantiiwwaniifi gareewwan amantii balleessuuf godhuuf fakkeenya taʼa. Sooviyeet durii keessattis, gareewwan amantiirra hacuuccaa guddaan gaʼeera. Mataduree, “Namoonni Naga Qabeeyyiin Raashiyaa Keessa Jiraatan Maqaasaaniitiif Falman” jedhuufi Masaraa Eegumsaa Caamsaa 1, 2011, Dhugaa Baatota Yihowaatiin maxxanfame ilaali. (Amaariffa)

[Fakkii fuula 6⁠rra jiru]

Yihowaan kanaan dura sabasaa oolcheera

[Fakkii fuula 7⁠rra jiru]

Yihowaan waraana Armaagedoonirrattis sabasaa ni oolcha

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi