LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 7/1 ful. 23
  • ‘Kan Biyya Lafaa Miti’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Kan Biyya Lafaa Miti’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhugaa Baatota Yihowaa fi Duguuggaa Sanyii Warri Naazii Raawwatan—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Warri Naazii Ajjeechaa kan Raawwatan Maaliifi? Waaqayyo Kan hin Dhaabsisne Maaliifi?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • ‘Isaan Kan Biyya Lafaa Miti’
    Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
  • Siyaasaa fi Waraana Irratti Hirmaachuu Dhiisuun Maalfaa Dabalata?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 7/1 ful. 23

‘Kan Biyya Lafaa Miti’

“Kan biyya lafaa waan hin taʼiniif, biyyi lafaa isaan jibbe.”​—YOHANNIS 17:14.

Kun Hiika Maalii Qaba? Yesus kan biyya lafaa waan hin turreef, walitti buʼiinsa hawaasaafi siyaasaa barasaatti ture keessa hin seenne. Kanaaf Yesus, “Mootummaan inni kan kootii . . . utuu mootummaa biyya lafa kanaa taʼee, akka ani warra Yihudootaatti hin kennamneef, namoonni koo anaaf in lolu turan; garuu mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti” jechuudhaan ibseera. (Yohannis 18:36) Akkasumas ilaalcha, dubbiifi amala Dubbiin Waaqayyoo balaaleffaturraa akka fagaatan duuka buutotasaa gorseera.​—Maatewos 20:25-27.

Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Akkamitti? Namni Jonaataan Daayimandi jedhamaniifi waaʼee amantii barreessan akka jedhanitti Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, “salphina, hidhaa ykn duʼa kan isaanitti fidu taʼullee [waraanarratti] hin hirmaatan turan.” Siyaasa keessa galuu mannaa dhiphachuu filataniiru. Seerri buʼuuraa isaan ittiin jiraatanis namoota kaanirraa adda kan isaan godhu ture. Kiristiyaanonni, “Isa isin amma isaanitti dabalamtanii lolaa jireenya ittisa hin qabneetiin fudhatamuu dhiiftan in dinqifatu, maqaa keessanis in balleessu” jedhamanii turan. (1 Phexros 4:4) Hayyuu seenaa kan taʼan Wiil Duuraanti Kiristiyaanonni “ejjennoo hafuuraafi amalasaanii isa gaariitiin biyya lafaa gammachuun macheesse ceephaʼaa turan” jedhanii barreessaniiru.

Yeroo Harʼaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Eenyufaʼi? Kiristiyaanota siyaasa keessa hin galle ilaalchisee kitaabni Niiwu Kaatolik Insaayikilooppeediyaa jedhamu, “Yaanni garaasaanii waan isaan ceephaʼuuf waraanarratti hirmaachuu dhiisuun karaa amalaa fudhatama hin qabu” jechuudhaan falmii kaaseera. Matadureen gaazexaa Reefoormiirtee Pireesee jedhamuufi gabaasa Mirga Uummata Afriikaa ilaalchisee barreeffamerratti dhaabbanni mirgoota namummaa tokko, qomoo balleessuu Ruwaandaatti bara 1994⁠tti raawwatamerratti “Dhugaa Baatota Yihowaarraa kan hafe” dhaabbileen amantii hundi irratti akka hirmaatan ibseera.

Barsiisaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa tokko dhumiinsa warri Naazii geessisan ilaalchisee gaddasaa yeroo ibsu, “sobaafi gara jabina, akkasumas dhumiinsa ittaansuudhaan raawwatame gareen ykn dhaabbanni ija jabinaan morme tokkollee hin turre” jedheera. Barsiisaan kun, Godambaa Yaadannoo Namoota Naaziitiin Dhumaniifi Yunaayitid Isteetis jiru erga daawwatee booda “amma deebiisaa argadheera” jedhee barreesseera. Namni kun, Dhugaa Baatonni Yihowaa gidiraa guddaan isaanirra gaʼuyyuu amantiisaaniitti jabaatanii akka dhaabatan hubachuu dandaʼeera.

Seera buʼuuraa isaan ittiin jiraatan ilaalchiseehoo maal jechuutu dandaʼama? Barruun Yu.Eess. Kaatolik jedhamu, “Dargaggoota amantii Kaatolikii hordofan keessaa garri caalaansaanii, utuu seeraan wal hin fuudhin waliin jiraachuufi saalqunnamtii raawwachuu ilaalchisee barumsa waldaan kun barsiistu hin fudhatan” jedheera. Barruun kun daaqoniin waldaa tokko, “Namoonni wal fuudhan hedduun, tariimmoo harka 50 ol kan taʼan waliin jiraachaa kan turanidha” jechuusaa caqaseera. Haala kanarraa adda taʼeenimmoo, kitaabni Za Niiwu Insaayikilooppeediyaa Biritaanikaa jedhamu, Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee “akkaataa jireenyaasaaniitiin seera buʼuuraa olaanaa taʼe hordofu” jedheera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi