LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 7/1 ful. 24
  • ‘Jaalala Waliif Qabaadhaa’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Jaalala Waliif Qabaadhaa’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Jaalalaan Deddeebiʼuu Kee Itti Fufi’
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Jaalala Waliif Qabnu Cimsachuu Keenya Itti haa Fufnu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Jaalalli Keessan Akka Qabbanaaʼu hin Heyyaminaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • “Namoonni Hundi Akka Isin Barattoota Koo Taatan Kanaan ni Beeku”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 7/1 ful. 24

‘Jaalala Waliif Qabaadhaa’

“Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku.”​—YOHANNIS 13:34, 35.

Kun Hiika Maalii Qaba? Kiristos akkuma inni isaan jaallatetti akka wal jaallatan duuka buutotasaatti himeera. Yesus akkamitti isaan jaallate? Haala yeroo sanatti turerraa faallaa taʼeen, namoota qomoo ykn saalaan utuu hin qoodin hundasaaniitti jaalala argisiiseera. (Yohannis 4:7-10) Jaalalli, namoota gargaaruuf yeroo, humnaafi fedhii dhuunfaasaa aarsaa gochuuf isa kakaaseera. (Maarqos 6:30-34) Dhumarrattis, Kiristos karaa hundarra caaluun jaalalasaa argisiiseera. Kanaan kan kaʼes, “Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna” jedheera.​—Yohannis 10:11.

Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Akkamitti? Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, “obboleessa” ykn “obboleettii” jedhanii wal waamu turan. (Filemon 1, 2) “Warra Yihudootaa fi warra Yihudoota hin taʼin gidduu garaagarummaan [akka hin jirre]” waan amananiif, namoota saba garaagaraa keessaa dhufan gumii Kiristiyaanaatti simataniiru. (Roomaa 10:11, 12) Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee booda bartoonni magaalaa Yerusaalem keessa jiraatan, “araddaa isaaniitii fi qabeenya isaanii gurguranii, horii isaas hundumaafuu, akka isa barbaachisetti in hiru turan.” Kana kan godhan maaliifi? Kiristiyaanonni haaraa cuuphaman Yerusaalem keessa turanii, ‘barsiisa ergamootaatti qabamanii jiraachuusaanii’ akka itti fufaniifidha. (Hojii Ergamootaa 2:41-45) Bartoonni kana akka godhan kan isaan kakaase maalidha? Ergamoonni Yesus erga duʼanii waggoota 200 booda, barreessaa seenaa kan taʼe Tartuuliyaan wanta warri kaan waaʼee Kiristiyaanotaa dubbatan caqasuudhaan, “Akkamitti akka wal jaallatan . . . akkasumas waliisaaniitiif duʼuufillee hangam qophaaʼoo akka taʼan hubadhaa” jedheera.

Yeroo Harʼaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Eenyufaʼi? Kitaabni Za Histirii oov za Diklaayin eend Fool oov za Roomaan Impaayar (1837) jedhamu jaarraa darban maratti namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhan hundi, “gocha gara jabinaa [namoonni kaan] isaanirraan geessisan caalaa waliisaaniirratti raawwataniiru” jedheera. Qorannaan dhiheenyatti Yunaayitid Isteetisitti godhame akka argisiisetti namoonni amantii, Kiristiyaanota ofiin jedhan sanyiidhaan wal qoodu. Namoonni biyya tokkotti amantii tokko hordofan yeroo baayʼee namoota amantiisaanii hordofaniifi biyya biraa jiranii wajjin tokkummaa waan hin qabneef, namoota hidhata amantiisaanii taʼan yeroo rakkinni mudatu gargaaruu hin barbaadan ykn hin gargaaran.

Bara 2004 jiʼa lama gidduutti obomboleettiin al afur Filooriidaa yeroo rukutu, dura taaʼaan Koree Gargaarsa Balaa Tasaa Filooriidaa, gargaarsi isaan kennan sirriitti faayidaarra ooluusaa mirkaneessuuf qorannaa godhanii turan. Namni kun dhaabbata amantii akka Dhugaa Baatota Yihowaa sirriitti qindeeffame akka hin argine erga dubbatanii booda, Dhugaa Baatotaaf gargaarsa isaan barbaachisu akkamiiyyuu kennuuf fedhii akka qaban ibsaniiru. Isaan dura bara 1997, Kiristiyaanonni garee gargaarsaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessa tajaajilan, gara Koongoo Diimokiraatiik Rippuublikii deemanii obbolootasaaniifi namoota gargaarsi isaan barbaachisuuf qoricha, nyaataafi uffata geessaniiru. Dhugaa Baatonni hidhata amantiisaanii taʼaniifi Awurooppaa keessa jiraatan, dimshaashumatti doolaara Ameerikaa gara miliyoona tokkoo gumaachaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi