LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 7/1 ful. 25
  • ‘Maqaankee Akka Beekamu Godheera’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Maqaankee Akka Beekamu Godheera’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maqaa Waaqayyoo
    Dammaqaa!—2017
  • Maqaa Yihowaa Isa Guddaadhaaf Ulfina Kennaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Maqaan Waaqayyoo Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Maqaa Waaqayyoo Beeksisuu
    Tajaajila Mootummaa—2003
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 7/1 ful. 25

‘Maqaankee Akka Beekamu Godheera’

“Biyya lafaa keessaa warra ati anaaf laattetti maqaa kee beeksiseera . . . Maqaan kee isaan biratti akka beekamu godheera . . . Ammas akka beekamu nan godha.”​—YOHANNIS 17:6, 26.

Kun Hiika Maalii Qaba? Yesus, maqaa Waaqayyoo tajaajilarratti itti fayyadamuudhaan akka beekamu godheera. Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo dubbisus, maqaa Waaqayyoo siʼa baayʼee caqaseera. (Luqaas 4:16-21a) Duuka buutonnisaas, “Yaa abbaa . . . maqaan kee haa qulqullaaʼu!” jedhanii akka kadhatan barsiiseera.​—Luqaas 11:2.

Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Akkamitti? Phexros ergamaan Waaqayyo saba hundumaa keessaa ‘saba maqaasaatiif taʼu tokko’ akka fudhate jaarsolii Yerusaalemitti himeera. (Hojii Ergamootaa 15:14, hiika bara 1899) Ergamoonnis taʼan Kiristiyaanonni kaan “Maqaa [“Yihowaa,” NW] kan waammatu hundinuu . . . in oola” jedhanii lallabaniiru. (Hojii Ergamootaa 2:21; Roomaa 10:13) Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikiitiin barreessanirrattis maqaa Waaqayyootti fayyadamaniiru. Kitaabni Ze Tooseftaa jedhamuufi seerawwan Yihudootaa afaaniin dubbataman guutummaatti qabate, akkasumas Dh.K.D. bara 300⁠tti barreeffamee xumurame, barreeffamoota Kiristiyaanaa mormitootaan gubaman ilaalchisee, “Kitaabota namoota Wangeela lallabaniifi kitaabota warra miniim [Yihudoota Kiristiyaanota taʼan jedhamee yaadama] ibiddarraa oolchuun hin dandaʼamne. Kanaa mannaa kitaabota kana maqaa Waaqayyoo keessasaaniitti argamuu wajjin . . . gubaniiru” jedheera.

Yeroo Harʼaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Eenyufaʼi? Macaafni Qulqulluun Waldaa Kiristos Yunaayitid Isteetis heyyama Mana Maree Biyyoolessaatiin qophaaʼeefi Rivaayizid Istaandaardi Varshin jedhamu seensasaarratti akkas jedheera: “Akka waan waaqayyoliin Waaqa tokkicharraa adda baafamuu qaban baayʼeen jiranitti, Waaqayyoon maqaa dhuunfaasaatiin waamuun amantii Yihudootaa keessatti, jechuunis Kiristiyaanummaan hundeeffamuusaa dura hafeera. Amantiin Kiristiyaanaa addunyaa maratti argamus maqaa kanaan fayyadamuunsaa sirrii miti.” Kanaaf hiikni Macaafa Qulqulluu kun maqaa Waaqayyoo maqaa ulfinaa “GOOFTAA” jedhuun bakka buuseera. Dhiheenyatti Vaatikaan phaaphaasonni Kaatolikii waaqeffannaarratti, “Faarfannaafi kadhannaasaaniirratti maqaan Waaqayyoo inni tetiraagiraamaataniitti YHWHb jedhamu akka hin waamamneefi akka itti hin fayyadamne” ajajjeetti.

Yeroo harʼaa namoonni maqaa Waaqayyootti fayyadamaniifi beeksisaa jiran eenyufaʼi? Sargeen, yommuu umrii waggoota kurnanii keessa ture fiilmii maqaan Waaqayyoo Yihowaa taʼuusaa ibsu tokko ilaalee ture. Ergasii gara waggoota kurnaniif namni tokkoyyuu maqaa kanaan yeroo fayyadamu dhagaʼee hin beeku. Yeroo booda Yuunaayitid Isteetis keessa jiraachuu kan jalqabe siʼa taʼu, gaaf tokko Dhugaa Baatonni lama dhufanii Maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluurraa isatti argisiisan. Sargeen, jaarmiyaa amantii maqaa Yihowaa jedhuun fayyadamu argachuusaatti baayʼee gammade. Kan nama dinqisiisu galmeen jechootaa Weebistarsi Sardi Niiwu Intarnaashinaal Dikshinarii jedhamu toora “Jehovah God,” jedhu jalatti “hundumaa ol kan taʼeefi Waaqa tokkicha Dhugaa Baatonni Yihowaa waaqeffatan” jedhe hiikeera.

[Miiljaleewwan]

a Yesus yaada Luqaas 4:18⁠rra jiru kan caqase, Isaayaas 61:1 isa afaan Ibrootaa jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffameen maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhu qaburraa ture.

b Afaan Oromootiin, maqaan Waaqayyoo “Yihowaa” jedhama.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi