LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/03 ful. 8
  • Maqaa Waaqayyoo Beeksisuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maqaa Waaqayyoo Beeksisuu
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan Maqaasaa Ol Ol Godha
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Maqaa Yihowaa Isa Guddaadhaaf Ulfina Kennaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Maqaa Waaqayyoo
    Dammaqaa!—2017
  • Maqaan Waaqayyoo Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2003
km 6/03 ful. 8

Maqaa Waaqayyoo Beeksisuu

1 Jalqaba yeroo maqaa Waaqayyoo barte maaltu sitti dhaga’ame? Namoonni baay’een akka dubartii akkas jette tokkootti itti dhaga’ama, “jalqabarratti Macaafa qulqulluu keessatti maqaa Waaqayyoo yeroon argu nan boo’e; maqaa Waaqayyoo sirriitti beekuufi ittiin gargaaramuu akkan danda’u yeroon hubadhu baay’een xuqame.” Isheedhaaf maqaa Waaqayyoo baruun, Yihowaan akka qaama qabu beekuufi isaa wajjin walitti dhufeenya uumuuf tarkaanfii barbaachisaa ture.

2 Beeksisuun Maaliif Barbaachisee? Maqaa Waaqayyoo beekuun amalawwan, kaayyoofi gochawwansaa beekuu dabalata; fayyina wajjiinis walqabata. Phaawulos, “Namni maqaa gooftaa [‘Yihowaa’ NW] waammatu hundinuu in oola” jechuudhaan barreesseera. Phaawulos namoonni jalqaba waa’ee Yihowaa barataniifi isatti amanan malee “Attamitti waammatu ree?” jechuudhaan gaafateera. Kanaafuu, Kristiyaanonni maqaa Waaqayyoofi wanta inni iddoo bu’u hatattamaan warra kaanitti himuu qabu. (Rom. 10:13, 14) Kanaafuu, maqaa Waaqayyoo beeksisuuf sababii guddaa qabna.

3 Bara 1920 keessa, sabni Waaqayyoo caaffata qulqulluurraa gaaffiin guutummaa lafaafi samii, morkii olaantummaa Waaqayyoofi qulqulluummaa maqaasaarratti ka’e akka dabalatu hubataniiru. Yihowaan komii maqaasaarra ga’e hambisuuf jedhee hammeenya lafarraa balleessuusaa dura, dhugaan waa’eesaa dubbatu ‘guutummaa biyya lafaa irratti beekamuu qaba.’ (Isa. 12:4, 5; His. 38:23) Kanaafuu, sababii guddaan lallaba keenyaa, saba hundumaa duratti Yihowaa ol ol gochuufi maqaasaa qulqulleessuudha. (Ibr. 13:15) Jaalalli Yihowaafi ollaawwan keenyaaf qabnu hojii Waaqayyo ajaje kanarratti guutummaatti akka hirmaannu nukakaasa.

4 Saba Maqaasaatiif Ta’u: Bara 1931 eegalee maqaa Dhuga-baatota Yihowaa jedhamuun waamamuu jalqabneerra. (Isa. 43:10) Yeroo sanaa jalqabee sabni Waaqayyoo maqaasaa beeksisaa waan jiraniif, kitaabni Labsii Himtoota (Ingiliffa) jedhamu fuula 124 irratti, ‘Addunyaa maratti namni maqaa Waaqayyootiin yeroo hunda fayyadamu Dhuga-baatuu Yihowaa ta’uunsaa ni beekama’ jedheera. Ati maqaa kanaan beekamteettaa? Gaarummaa Yihowaatiif galatni qabnu, carraa arganne hundumaatti waa’eesaa namootatti himuudhaan ‘maqaa isaa eebbisuuf’ nukakaasuu qaba.—Far. 20:7; 145:1, 2, 7.

5 ‘Saba maqaasaatiif ta’u’ waan taaneef sadarkaa ejjennoosaa kabajuu qabna. (HoE. 15:14; 2 Xim. 2:19) Yeroo baay’ee namoonni Dhuga-baatota Yihowaa kan beekan amalasaanii isa gaariidhaani. (1 Phe. 2:12) Sadarkaa ejjennoo inni baase tuffachuudhaan ykn Waaqeffannaasaatiif iddoo lammaffaa kennuudhaan maqaasaa arrabsiisuu hin barbaannu. (Lew. 22:31, 32; Mil. 1:6-8, 12-14) Kanaa mannaa, haalli jireenyaa keenya maqaa Waaqayyootiin waamamuuf mirga guddaa arganne kana kan kabajnu ta’uu keenya kan argisiisu haata’u.

6 Yeroo har’aa “Maqaan koo ba’a-biiftuutii saba biyya lafaa gidduutti guddaa in ta’a” jedhee raajii Yihowaan dubbate raawwii argachuusaa ilaalaa jirra. (Mil. 1:11) Dhugaa waa’ee Yihowaa dubbatu beeksisuu keenya itti fufuudhaan “yeroo hundumaa, baruma baraan maqaa isaa isa qulqulluu haa eebbisnu.” —Far. 145:21.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Maqaa Waaqayyoo beekuun jireenya namootaarratti dhiibbaa akkamii geessisaa?

2. Warra kaan waa’ee Yihowaa barsiisuun ariifachiisaa kan ta’e maaliifii?

3. Sababiin lallabaaf nukakaasu inni guddaan maali innii?

4. Dhuga-baatonni Yihowaa maqaasaatiin beekamuu kan danda’an maaliifii?

5. Amalli keenya maqaa Waaqayyootiin waamamuu wajjin kan walqabatu akkamittii?

6. Ammas ta’e barabaraaf mirga addaa kamiin gammaduu dandeenyaa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi