LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 4/15 ful. 13-17
  • Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajiluu Keessan Itti Fufaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajiluu Keessan Itti Fufaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • GARAAN FAKKEENYAAN ITTI HOJJETAME MAALIDHA?
  • GARAA KEENYA EEGUU KAN QABNU MAALIIFI?
  • MALA GAARII GARAA KEENYA QORUUF NU GARGAARU
  • ‘WANTA GAARII TAʼETTI QABAMNEE JIRAACHAA’ JIRRAA?
  • DAMMAQOO TAʼAA JIRAADHAA!
  • KADHANNAAN BAAYʼEE BARBAACHISAADHA
  • ‘Garaa Ittiin’ Yihowaa ‘Beektan’ Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Garaa Keenya Eeggachuu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 4/15 ful. 13-17

Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajiluu Keessan Itti Fufaa

‘Ilmako, Waaqayyo isa ani abbaankee waaqessuuf garaa guutuudhaan hojjedhu!ʼ—1 SEN. 28:9.

DEEBII GAAFFIIWWAN KANAA ARGACHUUF YAALI:

Garaan inni fakkeenyaan ibsame maalidha?

Garaa keenya qoruuf mala kamitti fayyadamuu dandeenya?

Garaan keenya Yihowaa duratti guutuu akka taʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

1, 2. (a) Dubbii Waaqayyoo keessatti kutaan qaamaa isa kaan caalaa siʼa baayʼee fakkeenyaan caqasame kamidha? (b) Garaan inni fakkeenyaan itti hojjetame hiika maalii akka qabu hubachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

DUBBIIN WAAQAYYOO kutaa qaama namaa yeroo baayʼee fakkeenyaan itti fayyadama. Fakkeenyaaf abbaa amantii kan taʼe Iyoob, ‘Jallinni tokkollee harkakoo keessa hin jiru’ jedheera. Solomoon Mootichis, “Oduun gaariin lafee namaa in cimsa” jedhee waan hubate dubbateera. Yihowaan, “Adda kees akka dhagaa almaazii isa dhagaa qara qabu caalaa jabaatuu nan jabeessa” jedhee Hisqiʼeliif mirkaneessee ture. Namoonni Phaawulos ergamaadhaan, “Dubbiin ati fidde kun gurra keenyatti keessummaa dha” jedhanii turan.—Iyo. 16:17, hiika bara 1899; Fak. 15:30; His. 3:9; HoE. 17:20.

2 Haataʼu malee, Macaafa Qulqulluu keessatti kutaan qaamaa tokko warra kaan caalaa yeroo baayʼee fakkeenyaan caqasameera. Haannaa isheen amanamtuun kutaa qaamaa kana, “Garaan koo isatti in gammada” jettee kadhannaashee keessatti caqasteetti. (1 Sam. 2:1) Barreessitoonni Macaafa Qulqulluu jecha garaa jedhu al kuma tokkoo ol kan caqasan siʼa taʼu, yeroo hunda fakkeenyaan itti hojjetameera jechuun ni dandaʼama. Macaafni Qulqulluun garaa keenya eeguun akka nu barbaachisu waan dubbatuuf, jechi garaa jedhu maal akka argisiisu beekuun keenya baayʼee barbaachisaadha.— Fakkeenya 4:23 dubbisi.

GARAAN FAKKEENYAAN ITTI HOJJETAME MAALIDHA?

3. Macaafa Qulqulluu keessatti jechi “garaa” jedhu hiika maalii akka qabu hubachuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

3 Dubbiin Waaqayyoo ‘garaan’ hiika maalii akka qabu kallattiidhaan ibsuu baatus, hiika jechi kun qabu hubachuuf nu gargaara. Akkamitti? Fakkeenyaaf, fakkii bareedaa dhagaawwan xixinnoo kumaan lakkaaʼamanirraa hojjetame tokko yaadaa. Namni tokko fakkii kanarraa fagaatee guutummaasaa ilaaluudhaan, dhagaawwan of eeggannoodhaan wal cina naqaman hundi wal duukaa fakkii tokko akka uuman hubachuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, nuyis Macaafa Qulqulluu keessatti bakka hedduu jechi “garaa” jedhu itti caqasame yoo ilaalle, jechi kun hiika maalii akka qabu hubachuu dandeenya. Jechi garaa jedhu hiika maalii qaba?

4. (a) Jechi “garaa” jedhu maal argisiisa? (b) Yaanni Yesus inni Maatewos 22:37⁠rra jiru hiika maalii qaba?

4 Barreessitoonni Macaafa Qulqulluu jecha “garaa” jedhu guutummaa keessa nama tokkoo ibsuuf itti fayyadamaniiru. Jechi kun fedhii, yaada, amala, dandeettii, kakaʼumsaafi galma keenya argisiisuuf itti hojjetameera. (Keessa Deebii 15:7; Fakkeenya 16:9; Hojii Ergamootaa 2:26 dubbisi.) Galmeen jechootaa tokko, garaan “guutummaa keessa nama tokkoo” akka argisiisu ibseera. Iddoo tokko tokkotti garuu hiika balʼaa hin qabu. Fakkeenyaaf Yesus, “Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼa” jedheera. (Mat. 22:37) Caqasa kanarratti jechi “garaa” jedhu miiraafi fedhii keessa nama tokkoo argisiisa. Yesus garaa, jireenyaafi yaada addaan baasee caqasuudhaan, miira, akkaataa jireenyaafi dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamnee Waaqayyoon jaallachuu akka qabnu ibseera. (Yoh. 17:3; Efe. 6:6) Haataʼu malee, jechi “garaa” jedhu kophaasaa yommuu caqasamu guutummaa keessa nama tokkoo argisiisa.

GARAA KEENYA EEGUU KAN QABNU MAALIIFI?

5. Garaa keenya guutuu Yihowaa tajaajiluuf waan dandeenye hunda gochuu kan barbaannu maaliifi?

5 Daawit Mootichi garaa ilaalchisee akkas jechuudhaan Solomooniin gorseera; “Yaa ilma ko, Waaqayyo inni ani abbaan kee waaqessu garaa nama hundumaa qoree waan ilaaluuf, wanta yaadni namaa itti hidhamee jiru hundumaas waan hubatuuf, gooftummaa isaa beekiitii garaa guutuudhaan, fedha guutuudhaanis isaaf hojjedhu!” (1 Sen. 28:9) Dhugumayyuu Yihowaan kan keenya dabalatee garaa hundumaa in qora. (Fak. 17:3; 21:2) Wanti Yihowaan garaa keenya keessatti argus hariiroo nuyi isaa wajjin qabnuufi jireenya keenya gara fuulduraarratti dhiibbaa guddaa geessisa. Kanaaf, garaa keenya guutuu Yihowaa tajaajiluuf waan dandeenye hunda gochuudhaan, gorsa Daawit geggeessaa hafuuraatiin kenne hordofuuf sababa gaʼaa qabna.

6. Murtoo Yihowaa tajaajiluuf goone ilaalchisee maal hubachuu qabna?

6 Saba Yihowaa taʼuu keenyaan sochiin hinaaffaadhaan goonu, garaa keenya guutuu Waaqayyoon tajaajiluuf fedhii guddaa akka qabnu argisiisa. Haataʼu malee, dhiibbaan addunyaa Seexanaa inni hamaaniifi foon keenya inni cubbuu dhaale, garaa keenya guutuu Waaqayyoon tajaajiluuf murtoo goone laaffisuuf humna guddaa akka qaban beekna. (Er. 17:9; Efe. 2:2) Kanaaf, murtoon Waaqayyoon tajaajiluuf goone laafaa akka hin jirre, jechuunis of eeggannoo gochuu keenya akka hin dhiisne beekuuf, yeroo hunda garaa keenya qoruu nu barbaachisa. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

7. Wanti haala garaa keenyaa ibsu maalidha?

7 Akkuma wiirtuun muka tokkoo hin mulʼanne, keessi namummaa keenyaas mulʼachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Taʼus, akkuma Yesus Lallabasaa isa Gaaraarratti mukti tokko gaariifi gadhee taʼuusaa kan ibsu ijasaa akka taʼe dubbate, sochiin goonu haalli garaa keenyaa dhugumaan maal akka taʼe argisiisa. (Mat. 7:17-20) Mee gocha bakkeedhaan mulʼatu akkasii tokko haa qorru.

MALA GAARII GARAA KEENYA QORUUF NU GARGAARU

8. Yaanni Yesus inni Maatewos 6:33⁠rra jiru wanta garaa keenya keessa jiru kan argisiisu akkamitti?

8 Yesus jalqaba lallabasaa isa gaaraarratti, gochi garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluuf keessasaaniitti hawwii akka qaban argisiisu maal akka taʼe namoota isa dhaggeeffatanitti himee ture. “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama” jedheera. (Mat. 6:33) Dhugumayyuu, wanti jireenya keenya keessatti iddoo guddaa kenninuuf, garaan keenya maal akka hawwu, akka yaaduufi akka karoorfatu argisiisa. Kanaaf, karaa gaariin garaa keenya guutuu Waaqayyoon tajaajilaa jiraachuu keenya beekuuf nu gargaaru wanta dursa kenninuuf qoruudha.

9. Yesus namoota tokko tokkoof afeerrii akkamii dhiheessee ture? Deebiin isaan kennanoo maal argisiiseera?

9 Yesus gorsa “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo . . . barbaaduutti hidhaa!” jedhu kennee ture. Gorsa kana kennee utuma baayʼee hin turin, haalli wanti namni tokko jireenyasaa keessatti dursa kennuuf waan garaasaa keessa jiru akka argisiisu mulʼisu tokko uumamee ture. Barreessaa Wangeelaa kan taʼe Luqaas, Yesus wanta iddoo kanatti isa eeggatu kan beeku taʼullee, gara “Yerusaalem dhaquudhaaf murtoo godhee kaʼe” jechuudhaan haala kana ibseera. Inniifi ergamoonnisaa utuu “karaa irra adeemaa jiranii,” Yesus namoota tokko tokkoo wajjin wal argee, ‘Na duukaa buʼaa!’ jedhee isaan afeere. Namoonni sun afeerrii Yesus kan fudhatan taʼus, dura garuu wanta tokko tokko raawwachuu barbaadan. Namni inni tokko, “Dura dhaqee abbaa koo akkan awwaalladhu sin kadhadha” jedhe. Namni inni kan biraammoo, “Yaa gooftaa, si duukaa nan buʼa, garuu dura dhaqee warra mana kootti nagaa akkan dhaamuuf sin kadhadha” jedhe. (Luq. 9:51, 57-61) Murtoo Yesus garaa guutuudhaan godheefi sababii namoonni sun dhiheessan gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Namoonni kun fedhii Mootummichaa caalaa wanta isaan yaaddessuuf dursa kennuudhaan, Waaqayyo duratti garaa guutuu akka hin qabne argisiisaniiru.

10. (a) Afeerrii Kiristos dhiheesseef deebii akkamii kennuu qabna? (b) Yesus fakkeenya gabaabaa akkamii dubbate?

10 Namoota gara fuulduraatti bartoota taʼuu barbaadan sanarraa haala adda taʼeen, afeerrii Yesus duuka buutotasaa akka taanu dhiheesse ammuma fudhannee guyyaa guyyaadhaan Yihowaa tajaajiluun keenya gaariidha. Karaa kanaan Yihowaadhaaf garaa keenya keessatti maal akka nutti dhagaʼamu argisiisna. Gumii keessatti dammaqinaan deddeebiʼaa kan jirru taʼus, haalli garaa keenyaa balaadhaaf nu saaxiluu akka dandaʼu beekuun keenya barbaachisaadha. Balaan kun maalidha? Yesus maree namoota gara fuulduraatti bartoota taʼuu barbaadan sanaa wajjin godherratti balaa kana, “Namni hordaa harkaan qabatee wantoota gara booddeesaa jiran ilaalu, mootummaa Waaqayyootiif kan malu miti” jedhee ibseera. (Luq. 9:62, NW) Fakkeenya kanarraa barumsa maalii arganna?

‘WANTA GAARII TAʼETTI QABAMNEE JIRAACHAA’ JIRRAA?

11. Hojiin nama fakkeenya Yesus keessatti caqasamee maal taʼe? Maaliif?

11 Barumsa fakkeenya gabaabaa Yesus dubbaterraa argannu ifatti hubachuuf, jechoota achi keessa jiran tokko tokko balʼinaan haa ilaallu. Namni maasii keessa jiru tokko dhimmee qotaa jira haa jennu. Haataʼu malee utuu qotaa jiruu waaʼee maatiisaa warra mana jiranii, waaʼee michootasaa, waaʼee nyaataa, waaʼee muuziqaa, kolfaafi gaaddisa argachuu yaaduusaa hin dhiisu. Wantoota kana ni hawwa. Hamma tokko erga qotee booda, fedhiin inni jireenyasaa keessatti wantoota gaggaarii kana argachuuf qabu baayʼee waan guddatuuf, ‘wantoota gara booddee jiran’ kana argachuuf garagalee ilaala. Maasii sanarratti midhaan facaafamuusaa dura wanti hojjetamu baayʼeen kan jiru taʼus, namni kun yaannisaa waan hihhiramuuf hojiinsaa ni miidhama. Hojjetaan kun hojiisaa dhimmee utuu hin hojjetin waan hafeef, gooftaansaa akka isatti aaru hin shakkisiisu.

12. Wanti nama fakkeenya Yesus keessatti hojii qonnaarra akka jiru ibsameefi Kiristiyaanota yeroo harʼaa wal fakkeessu maalidha?

12 Mee yeroo keenyatti haala kanaa wajjin wal fakkaatu tokko haa ilaallu. Qonnaan bulaan asirratti caqasame Kiristiyaana akka gaariitti tajaajilaa jiru fakkaatus, haala karaa hafuuraa balaadhaaf isa saaxilu keessa jiru tokko argisiisuu dandaʼa. Kana walbira qabnee ilaaluuf, obboleessi tokko tajaajilarratti dhimmee hirmaachaa jira haa jennu. Walgaʼiirratti kan argamuufi tajaajilarratti kan hirmaatu taʼus, akkaataa jireenyaa biyya lafaa baayʼee isa gammachiisan tokko tokkoo yeroo hundaa ni hawwa. Waggoota hedduudhaaf erga tajaajilee booda dhumarratti, hawwiin inni wantoota biyya lafaa tokko tokkoof qabu garmalee waan guddatuuf, ‘wantoota gara booddee jiran’ garagalee ilaala. Tajaajilarratti hojiin hojjetamu baayʼeen kan jiru taʼus, ‘dubbii jireenyaa jabeessee waan hin qabanneef’ hirmaannaan inni sochii tiʼookraasiirratti godhu ni hirʼata. (Filp. 2:16) Yihowaan inni “abbaa midhaanichaa” taʼe obsa dhabuu akkasiitti ni gadda.—Luq. 10:2.

13. Garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluun maal dabalata?

13 Barumsi kanarraa argannu ifadha. Sochiiwwan gaarii nama gammachiisan, jechuunis walgaʼiirratti argamuufi tajaajilarratti hirmaachuun keenya kan nu galateeffachiisudha. Taʼus, garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluun waan dabalatu qaba. (2 Sen. 25:1, 2, 27) Kiristiyaanni tokko akkaataan jireenyaa biyyaa lafaa tokko tokko baayʼee kan isa gammachiisu yoo taʼe, ‘wantoota gara booddee jiran’ jaallachuusaa itti fufuudhaan ejjennoo gaarii Waaqayyo duratti qabu dhabuu dandaʼa. (Luq. 17:32) ‘Mootummaa Waaqayyootiif kan mallu’ taʼuu kan dandeenyu dhugumaan ‘waan hamaa jibbinee, wanta gaarii taʼetti qabamnee yoo jiraanne’ qofadha. (Rom. 12:9; Luq. 9:62) Kanaaf hundi keenya wanti addunyaa Seexanaa keessa jiru kamiyyuu, faayidaa kan qabu ykn gaarii fakkaatullee, fedhii Mootummichaa garaa guutuudhaan raawwachuurraa akka nu hin dhowwine of eeggachuu nu barbaachisa.—2 Qor. 11:14; Filiphisiiyus 3:13, 14 dubbisi.

DAMMAQOO TAʼAA JIRAADHAA!

14, 15. (a) Seexanni garaa keenyarratti dhiibbaa geessisuuf kan yaalu akkamitti? (b) Malli Seexanaa miidhaa guddaa akka geessisu kan godhe maal akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

14 Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu akka isaaf of murteessinu nu kakaaseera. Erga of murteessinee kaasnee baayʼeen keenya, Yihowaa duratti garaa guutuu qabaachuuf murteessuu keenya mirkaneessineerra. Haataʼu malee, Seexanni abdii kutatee nu hin dhiisne. Ammayyuu garaa keenyarratti xiyyeeffata. (Efe. 6:12) Dhugaadha takkaatti akka nuyi Yihowaa hin dhiisne beeka. Kanaaf suutuma suuta hinaaffaan Yihowaadhaaf qabnu akka laafu gochuuf haxxummaadhaan ‘biyya lafaatti’ fayyadama. (Maarqos 4:18, 19 dubbisi.) Malli Seexanaa kun buʼa qabeessa kan taʼe maaliifi?

15 Gaaffii kana deebisuuf, ampoolii humna ibsaa waatii 100 qabuun kitaaba dubbisaa utuu jirtuu akka si jalaa dhaame godhii yaadi. Waan sitti dukkanaaʼeef, yeruma sana wanta taʼe hubachuudhaan ampoolii gubate sana haaraatti jijjiirta. Kutaan ati keessa jirtu deebiʼee ifa argata. Galgala ittaanuttis ampooliidhuma kanaan fayyadamtee dubbisaa jirta. Haataʼu malee, utuu ati hin beekin namni tokko ampoolii humna ibsaa waatii 100 qabu sana isa humna ibsaa waatii 95 qabutti jijjiireera. Garaagarummaa humna ibsaa kanaa hubachuu dandeessaa? Tarii hin hubattu taʼa. Guyyaa ittaanuttimmoo namni tokko ampoolii humna ibsaa waatii 90 qabutti yoo jijjiirehoo? Ammas jijjiiramni godhamuusaa hin hubattu taʼa. Maaliif? Ifni ampoolii sanaa utuu ati hin beekin suuta suuta xiqqaachaa waan adeemuufidha. Haaluma wal fakkaatuun dhiibbaan biyyi lafaa Seexanni bulchu geessisu hinaaffaan keenya suuta suuta hirʼachaa akka adeemu godha taʼa. Haalli akkasii yoo nu mudate, Seexanni hinaaffaa tajaajila keenyaa isa humna ibsaa waatii 100 taʼu qabu gara isa gadaanaa taʼeetti hirʼisuun isaa milkaaʼeera jechuudha. Kiristiyaanni tokko dammaqaa taʼuu baannaan jijjiirama suuta suutaan taʼu kana hubachuu dhiisuu dandaʼa.—Mat. 24:42; 1 Phe. 5:8.

KADHANNAAN BAAYʼEE BARBAACHISAADHA

16. Haxxummaa Seexanaarraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

16 Haxxummaa Seexanaa akkasiirraa of eeguufi Yihowaa duratti garaa guutuu qabaannee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? (2 Qor. 2:11) Kadhannaan baayʼee barbaachisaadha. Phaawulos ‘Haxxummaa Seexanaatiin mormaa’ jedhee namoota hidhata amantiisaa taʼan jajjabeesseera. Ittaansuudhaanis, “Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa!” jedhee isaan gorseera.—Efe. 6:11, 18; 1 Phe. 4:7.

17. Kadhannaan Yesus maal nu barsiisa?

17 Kadhannaadhaan Yesus, Yihowaa duratti garaa guutuu qabaachuuf fedhii akka qabu kan mulʼise siʼa taʼu, nuyis fakkeenyasaa hordofuun keenya haxxummaa Seexanaatiin mormuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf Luqaas akkaataa Yesus galgala duʼuusaa dura turetti itti kadhate ilaalchisee, “Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate” jedhee barreesseera. (Luq. 22:44) Yesus sanaan dura dhimmee kadhachaa kan ture taʼus, yeroo qorumsi cimaan lafarratti isa mudate kanatti “ittuma cimsee” kadhateera; kadhannaansaas deebii argateera. Fakkeenyi Yesus kadhannaan sadarkaa akka qabu argisiisa. Kanaaf, yommuu qorumsi cimaan nurra gaʼuufi Seexanni caalaatti haxxummaatti fayyadamu, eegumsa Yihowaa argachuuf ‘ittuma cimsinee’ kadhachuu qabna.

18. (a) Kadhannaa ilaalchisee maal of gaafachuu qabna? Maaliif? (b) Garaa keenyarratti dhiibbaa kan geessisan wantoota akkamiiti? Karaawwan kamiin? (Saanduqa fuula 16⁠rra jiru ilaali.)

18 Kadhannaan akkasii dhiibbaa kan nurratti godhu akkamitti? Phaawulos, “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa; nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, garaa keessan . . . in eega” jedhee dubbateera. (Filp. 4:6, 7) Eeyyee, Yihowaa duratti garaa guutuu qabaachuuf yeroo hunda cimsinee kadhachuu qabna. (Luq. 6:12) Kanaaf, ‘Irra deddeebiʼuudhaan yeroo hangamiin cimse kadhadhaa?’ jedhaa of gaafadhaa. (Mat. 7:7; Rom. 12:12) Deebiin isin gaaffii kanaaf kennitan, garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluuf fedhiin qabdan hangam cimaa akka taʼe waan hedduu mulʼisa.

19. Yihowaa duratti garaa guutuu qabaattee jiraachuuf maal gochuu qabda?

19 Akkuma olitti ilaalle, wantoonni jireenya keenya keessatti dursa kenninuuf haala garaa keenyaa ilaalchisee waan baayʼee ibsu. Wantoonni boodatti dhiisnes taʼe haxxummaan Seexanaa, murtoo nuyi garaa keenya guutuudhaan Yihowaa tajaajiluuf goone akka nu jalaa hin laaffisne of eeggachuu barbaanna. (Luqaas 21:19, 34-36 dubbisi.) Kanaaf akkuma Daawit, “Nama garaa tokkichaa na godhi!” jennee Yihowaa kadhachuu keenya itti fufna.—Far. 86:11.

[Fakkii fuula 16⁠rra jiru]

WANTOOTA SADAN GARAA KEENYARRATTI DHIIBBAA GODHAN

Akkuma fayyaa qaama keenyaa eeguuf tarkaanfii barbaachisaa taʼe fudhannu, garaa keenya isa fakkeenyaan ibsame eeguufis tarkaanfii wal fakkaatu fudhachuu qabna. Mee qabxiiwwan sadan kana ilaali:

1 Soora: Fayya buleessa taʼuuf qaamni keenya nyaata madaalamaa argachuu qaba. Haaluma wal fakkaatuu, qayyabannaa dhuunfaa dhaabbataa qabaachuu, xiinxaluufi walgaʼiirratti argamuudhaan nyaata hafuuraa gaʼaa taʼe argachuuf carraaqqii gochuun keenya barbaachisaadha.—Far. 1:1, 2; Fak. 15:28; Ibr. 10:24, 25.

2 Sochii gochuu: Fayya buleessa taʼuuf, yeroo yerootti sochii qaamaa gochuu nu barbaachisa. Tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuuniifi sochiiwwan hafuuraa goonuun guddina argisiisuunis fayyaa garaa keenya isa fakkeenyaan ibsamee eega.—Luq. 13:24; Filp. 3:12.

3 Haala naannoo: Namoota Waaqayyorraa fagaatanii wajjin jiraachuuniifi hojjechuun keenya, garaa keenya isa fakkeenyaan ibsamerratti dhiibbaa cimaa geessisa. Taʼus hamma nuu dandaʼame namoota hidhata amantii keenyaa garaadhaa nuu yaadaniifi garaa guutuudhaan Waaqayyoof bulanii wajjin taʼuudhaan dhiibbaa nurra gaʼu ni salphisna.—Far. 119:63; Fak. 13:20.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi