LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 4/15 ful. 27-31
  • Yihowaan Fayyina Akka Argannuuf Nu Eega

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Fayyina Akka Argannuuf Nu Eega
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • GARA WAAQAYYOOTTI HARKIFAMUU
  • TARKAANFII DOGOGGORAA FUDHACHUURRAA OOLUU
  • GORSAAN EEGUMSA ARGACHUU
  • JAJJABINNI OBSAAN DHAABACHUUF NU GARGAARA
  • “Hubannaa Kee Kana Nan Jajadha”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Yihowaan Isin haa Tasgabbeessu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Hubannaadhaan Tarkaanfii Fudhatteetti
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • “Fedha Kee Gochuu Na Barsiisi!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 4/15 ful. 27-31

Yihowaan Fayyina Akka Argannuuf Nu Eega

“Isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mulʼachuuf qophaaʼee taaʼu sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtani[dha.]”—1 PHE. 1:5.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

Yihowaan gara waaqeffannaa dhugaatti kan nu harkise akkamitti?

Yihowaan gorsasaatiin akka nu geggeessu heyyamuu kan dandeenyu akkamitti?

Yihowaan jajjabina kan nuu kennu akkamitti?

1, 2. (a) Waaqayyo amanamummaa keenya eeguuf akka nu gargaaru maal jedhee nuu mirkaneesseera? (b) Yihowaan tokkoon tokkoon keenya hangam beeka?

“NAMNI hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya.” (Mat. 24:13) Jechoonni Yesus dubbate kun badiisa biyya lafaa Seexanni bulchaa jirurra gaʼu jalaa ooluuf, hanga dhumaatti Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu akka qabnu kan ibsanidha. Akkas jechuun garuu Yihowaan ogummaa ykn jabina keenyaan akka dhaabannu nurraa eega jechuu miti. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo amanamaa waan taʼeefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna” jedhee nuu mirkaneessa. (1 Qor. 10:13) Jechoonni kun hiika maalii qabu?

2 Yihowaan rakkina nurra gaʼu dabalatee, waaʼee tokkoon tokkoon keenyaa, qorumsa nurra gaʼuu dandaʼuufi uumama keenya waan beekuuf, humna keenyaan ol akka qoramnu akka hin heyyamne nuu mirkaneesseera. Maarree Waaqayyo akka gaariitti nu beekaa? Eeyyee! Caaffanni Qulqullaaʼoon Yihowaan dhuunfaatti akka gaariitti kan beeku taʼuusaa ibsu. Wantoota guyyaa guyyaadhaan raawwannuufi amala keenya beeka. Yaada qalbiifi yaada garaa keenyaas beeka.—Faarfannaa 139:1-6 dubbisi.

3, 4. (a) Muuxannoon Daawit, Yihowaan dhuunfaatti namootaaf xiyyeeffannaa akka kennu kan argisiisu akkamitti? (b) Yeroo harʼaa Yihowaan hojii dinqisiisaa akkamii raawwachaa jira?

3 Dhugumaan Waaqayyo ilmaan namootaa iddoo guddaa hin qabneef hangana yaadaa? Daawit faarfatichi dhimma kanarratti yaaduudhaan, “Ani gara bantiiwwan waaqa keetii warra harka keetiin hojjetamanii, gara jiʼaa fi urjoota warra ati dhaabdee yeroon ilaalu, “Ati akka isa yaadattuuf namni maali?” jedhee Yihowaa gaafatee ture. (Far. 8:3, 4) Daawit gaaffii kana kan kaase muuxannoosaarraa kaʼee taʼuu dandaʼa. Yihowaan, Daawit ilmaan Isey keessaa isa quxisuu “nama akka garaa isaatii” taʼee waan argateef, isa filachuudhaan “geggeessituu saba isaatii godhee” Israaʼelirratti isa muude. (1 Sam. 13:14; 2 Sam. 7:8) Daawit, Uumaan uumama cufaa, yaadaafi miira tiksee daaʼima taʼe tokkootiif xiyyeeffannaa akka kennu yommuu hubatu wanta isatti dhagaʼamuu dandaʼu yaadaa!

4 Yeroo harʼaattis Yihowaan dhuunfaatti waaʼee keenya kan yaadu taʼuusaa beekuun kan nama gammachiisudha. “Miʼa babbareedaa saba lafarraa hundumaa” keessaa walitti qabuudhaan gara waaqeffannaa dhugaatti fidaa, akkasumas tajaajiltoonnisaa amanamoo akka taʼan gargaaraa jira. (Hag. 2:7, NW) Yihowaan amanamummaa keenya eegnee akka jiraannu kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe hubachuuf, jalqaba namoota gara waaqeffannaa dhugaatti akkamitti akka harkisu haa ilaallu.

GARA WAAQAYYOOTTI HARKIFAMUU

5. Yihowaan, namoota gara Ilmasaatti kan harkisu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

5 Yesus, “Abbaan inni ana erge yoo isa harkisuu dhaabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin dandaʼu” jedheera. (Yoh. 6:44) Jechoonni kun bartoota Kiristos taʼuuf gargaarsa Waaqayyoo argachuu akka qabnu kan argisiisanidha. Yihowaan namoota hoolotatti fakkeeffaman gara Ilmasaatti kan harkisu akkamitti? Karaa misraachoo wangeelaafi gargaarsa hafuura qulqulluutiinidha. Fakkeenyaaf, Phaawulosiifi namoonni hojii misiyoonummaarratti hidhatasaa turan Filiphisiiyusitti dubartii Liidiyaa jedhamtu kan argatan ennaa taʼu achiis misraachicha isheetti himan. Macaafni Qulqulluun, “Gooftaan gurra qalbii ishee baneefii waan tureef, isheen waan Phaawulos dubbate dhimmitee dhaggeeffatte” jedha. Eeyyee, Waaqayyo ergaa misraachichaa sirriitti akka hubattuuf hafuura qulqulluutiin kan ishee gargaare siʼa taʼu, kanaan kan kaʼes isheefi warri manashee keessaa hundi ni cuuphaman.—HoE. 16:13-15.

6. Waaqayyo hunda keenya gara waaqeffannaa dhugaatti kan harkise akkamitti?

6 Muuxannoon Liidiyaa adda kan taʼedhaa? Matumaa. Atis Kiristiyaana Yihowaadhaaf of murteessite yoo taate, Waaqayyo gara waaqeffannaa dhugaatti si harkiseera jechuudha. Abbaan keenya inni samii akkuma garaa Liidiyaa keessatti wanta gaarii arge si keessattis waan arge qaba. Jalqaba yommuu misraachicha dhageessetti, Yihowaan akka hubattuuf hafuura qulqulluutiin si gargaareera. (1 Qor. 2:11, 12) Wanta baratte hojiirra oolchuuf yommuu carraaqxu, fedhiisaa raawwachuuf tattaaffii ati goote sii eebbiseera. Yihowaan yommuu ati isaaf of murteessite gammadeera. Guyyaa karaa jireenyaarra deddeebiʼuu jalqabdee kaasee Yihowaan yeroo hunda si wajjin jira.

7. Waaqayyo amanamoo taanee jiraachuuf akka nu gargaaru akkamitti beekna?

7 Yihowaan isa duukaa deemuu akka jalqabnu erga nu gargaaree booda, dandeettii keenyaan amanamoo taanee akka itti fufnu nu hin dhiisu. Akkuma ofii keenyaan gara dhugaatti hin dhufne, ofii keenyaan mana dhugaa keessa turuu akka hin dandeenye beeka. Phexros ergamaan Kiristiyaanota dibamoodhaaf, “Isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mulʼachuuf qophaaʼee taaʼu sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in taʼa” jedhee barreesseera. (1 Phe. 1:5) Seerri buʼuuraa yaada kana keessa jiru Kiristiyaanota hundaaf kan hojjetu siʼa taʼu, yeroo harʼaatti tokkoon tokkoon keenya kan ilaallatudha. Akkas kan jennu maaliifi? Waaqayyoof amanamoo taanee jiraachuuf hundi keenya gargaarsisaa waan nu barbaachisuufidha.

TARKAANFII DOGOGGORAA FUDHACHUURRAA OOLUU

8. Tarkaanfii dogoggoraa fudhachuurraa of eeguun kan nu barbaachisu maaliifi?

8 Dhiibbaan jireenyaafi cubbuun dhaalle, utuu hin beekin wantoota hafuuraarratti xiyyeeffachuurraa duubatti akka jennuufi tarkaanfii dogoggoraa akka fudhannu nu gochuu dandaʼu. (Galaatiyaa 6:1 dubbisi.) Balaan jireenyasaa keessatti Daawitiin mudate kanaaf fakkeenya taʼa.

9, 10. Yihowaan, Daawit tarkaanfii dogoggoraa akka hin fudhanne kan isa dhowwe akkamitti? Yeroo harʼaattoo kan nu gargaaru akkamitti?

9 Daawit, Saaʼol Mootichaan ariʼatamaa siʼa turetti, mootii hinaaffaadhaan guutame kana haaloo baʼuurraa of qusateera. (1 Sam. 24:2-7) Haataʼu malee, sana booda utuma hin turin cubbuu inni dhaale isa moʼeera. Nyaata namootasaatiif barbaachisu waan dhabeef, namni Israaʼel Naabaal jedhamu tokko akka isa gargaaru kabajaan isa gaafate. Naabaal deebii hin taane yeroo isaaf kennetti, Daawit dhiiga namoota balleessaa hin qabnee dhangalaasuun Waaqayyo biratti akka isa gaafachiisu dagachuudhaan aaree guutummaa namoota Naabaal haaloo baʼuuf kaʼe. Haataʼu malee, Abigaayil haati manaan Naabaal daftee gaʼuudhaan dogoggora cimaa kanarraa isa oolchiteetti. Daawit dhimma kana keessa harki Yihowaa akka jiru hubachuudhaan, “Waaqayyo gooftichi Israaʼel inni harʼa gara kootti si erge haa jajamu! Ani hubannaa kee kana nan jajadha; harʼa dhiiga dhangalaasuu irraa, harka kootiinis ijaa baafachuu irraa waan na oolchiteef sin jajadha!” jedheera.—1 Sam. 25:9-13, 21, 22, 32, 33.

10 Seenaa kanarraa maal baranna? Yihowaan Abigaayilitti fayyadamee Daawit tarkaanfii dogoggoraa akka hin fudhanne godheera. Yeroo harʼaattis akkasuma nuu godha. Taʼus, Waaqayyo yommuu dogoggora cimaa raawwachuuf jennu hundaatti nama taʼe tokko erguudhaan irraa nu dhowwa jennee eeguu akka hin qabne beekamaadha. Akkasumas Yihowaan haala akkamii keessattiyyuu akkamitti tarkaanfii akka fudhatu ykn kaayyoosaa galmaan gaʼuuf wanta inni heyyamu hunda sirriitti beekuu qabna jennee eeguu hin qabnu. (Lal. 11:5) Taʼus, Yihowaan yeroo hundumaa haala keenya akka beekuufi isaaf amanamoo taanee jiraachuuf akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. “Waan gochuun siif taʼu sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif taʼu sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin toʼadha” jedhee nuu mirkaneesseera. (Far. 32:8) Yihowaan gorsa kan nuuf kennu akkamitti? Gorsa kanarraahoo faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo harʼaa Yihowaan sabasaa geggeessaa akka jiru mirkanaaʼoo kan taanu maaliifi? Gaaffiiwwan kun Macaafa Mulʼataa keessatti akkamitti deebii akka argatan hubadhaa.

GORSAAN EEGUMSA ARGACHUU

11. Yihowaan wanta gumiiwwan sabasaa taʼan keessatti raawwatamu hangam beeka?

11 Mulʼanni, Macaafa Mulʼataa boqonnaa 2fi 3⁠rratti galmeeffame, Yesus Kiristos inni ulfina gonfate wanta gumiiwwan torban Asiyaa Ishee Xinnoo keessatti raawwatame akka ilaale ibsa. Mulʼanni kun Yesus wanta raawwatamu dimshaashaan qofa utuu hin taʼin tokko tokkoon akka ilaalu kan argisiisudha. Namoota tokko tokko dhuunfaadhaan kan caqase siʼa taʼu, galateeffateera ykn gorsa barbaachisu kenneera. Kun maal argisiisa? Gumiiwwan torban kun Kiristiyaanota dibamoo bara 1914 kaasee jiran kan argisiisan siʼa taʼu, gorsi gumiiwwan torbaniif kennamemmoo akka seera buʼuuraatti gumiiwwan saba Waaqayyoo yeroo harʼaa addunyaa maratti argaman hundaaf kan hojjetudha. Kanaaf yeroo harʼaa Yihowaan Ilmasaatti fayyadamee sabasaa geggeessaa jira jechuun ni dandaʼama. Maarree qajeelfama inni kennurraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

12. Yihowaan akka nu geggeessu heyyamuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Karaan itti qajeelfama Yihowaan jaalalarratti hundaaʼee kennurraa faayidaa argannu tokko qayyabannaa dhuunfaadha. Yihowaan karaa barreeffamoota kutaa hojjetaa amanamaafi ogeessi qopheessuun gorsa Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe hedduu nuu kenna. (Mat. 24:45) Haataʼu malee faayidaa irraa argachuuf, barreeffamoota kana yeroo fudhannee qayyabachuufi hojiirra oolchuu qabna. Karaa Yihowaan “akka hin gufanne” ittiin nu eegu keessaa tokko qayyabannaa dhuunfaadha. (Yih. 24) Barreeffamoota keenyarraa yaada, ‘Kun anumaaf barreeffame’ akka jettan isin godhe dubbistanii beektuu? Sirreeffama argattan akka waan Yihowaa biraa dhufeetti fudhadhaa. Akkuma michuun keessan tokko xiyyeeffannaa keessan argachuuf harkasaa gatiittii keessanirra kaaʼu, Yihowaan amala isinis taʼe namoonni akka keessanii fooyyessuun isin barbaachisu akka hubattan isin gargaaruuf hafuurasaatti fayyadama. Qajeelfama hafuura qulqulluurraa argannuuf dammaqoo taʼuudhaan, Yihowaan akka nu geggeessu heyyamuu dandeenya. (Faarfannaa 139:23, 24 dubbisi.) Gama kanaan qayyabannaa ilaalchisee amaleeffannaa qabnu qoruun keenya gaariidha.

13. Qayyabannaa ilaalchisee amaleeffannaa qabnu qoruun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?

13 Bohaartiirratti yeroo dheeraa dabarsuun keenya qayyabannaa dhuunfaaf yeroo akka dhabnu gochuu dandaʼa. Dhimma kana ilaalchisee obboleessi tokko, “Qayyabannaan dhuunfaa salphaadhumatti dagatama. Yeroo harʼaa wanta itti bohaaran yeroo kamiiyyuu caalaa balʼinaafi gatii rakasaan argachuun ni dandaʼama. Kanas televijiinii, kompiitara ykn moobaayiliidhaan argachuun ni dandaʼama. Bohaartiidhaan marfamnee jirra” jedheera. Of eeggannoo hin goonu taanaan, yeroon itti qayyabannaa dhuunfaa gad fageenya qabu goonu xiqqaachaa deemuudhaan guutummaatti dhabuu dandeenya. (Efe. 5:15-17) Tokkoon tokkoon keenya akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan qayyabachuuf yeroo hangamiin dabarsa? Yeroon kutaa qabu ykn walgaʼiif qophaaʼu qofattan gad fageenyaan qayyabadhaa?’ Taanaan, yeroo qayyabannaa dhuunfaatiif ykn waaqeffannaa maatiitiif ramannetti akka gaariitti itti fayyadamuudhaan beekumsa hafuuraa Yihowaan fayyina akka argannuuf ittiin nu eegu horachuu dandeenya.—Fak. 2:1-5.

JAJJABINNI OBSAAN DHAABACHUUF NU GARGAARA

14. Caaffanni Qulqullaaʼoon, Yihowaan miira keenyaaf xiyyeeffannaa akka kennu kan ibsan akkamitti?

14 Daawit jireenyasaa keessatti wantoonni nama dhiphisan hedduun isa mudatanii turan. (1 Sam. 30:3-6) Macaafni Qulqulluun Yihowaan miira Daawit kan beeku taʼuusaa ni ibsa. (Faarfannaa 34:18; 56:8 dubbisi.) Waaqayyo miira keenyas beeka. Inni yommuu ‘garaan keenya cabu’ ykn ‘yaadni keenya caccabee bullaaʼu’ nutti dhihaata. Yaanni Daawit, “Ati gadadamuu koo argiteetta, muddama lubbuu koos anaaf beekteetta; kanaaf sagalee gammachuu nan dhageessisa, gaarummaa keettis nan gammada” jechuudhaan faarfate nu jajjabeessa. (Far. 31:7) Haataʼu malee, Yihowaan dhiphina nutti dhagaʼamu hubachuurra darbee wanta godhu qaba. Jajjabina akka argannu gochuudhaan nu gargaara. Karaan inni itti kana godhu keessaa tokko walgaʼiiwwan Kiristiyaanaati.

15. Muuxannoo Asaafirraa maal baranna?

15 Muuxannoon Asaaf faarfatichaa faayidaa walgaʼiirratti argamuun qabu hubachuuf nu gargaara. Asaaf jalʼina raawwatamurratti xiinxaluunsaa Waaqayyoon tajaajiluun gatii kan hin qabne godhee akka yaadu isa godheera. Asaaf abdii kutatee kan ture siʼa taʼu, ‘jireenyi anatti hadhaaʼee, onnee na tumate’ jedhee wanta isatti dhagaʼame ibseera. Kanaan kan kaʼes Yihowaa tajaajiluu hanga dhaabutti gaʼeera jechuun ni dandaʼama. Ilaalchasaa deebisee akka sirreessu wanti isa gargaare maalidha? ‘Mana qulqullummaa Waaqayyootti galuunsaa’ akka isa sirreesse dubbateera. Achitti namoota akkumasaa Yihowaa waaqeffatanii wajjin taʼuun ilaalchasaa sirreessuuf isa gargaareera. Asaaf jalʼoonni milkaaʼina kan argatan yeroo muraasaaf qofa akka taʼeefi Yihowaan waan hundumaa yeroosaatti akka sirreessu hubateera. (Far. 73:2, 13-22) Haalli keenyas kanaa wajjin wal fakkaata. Jalʼinni biyya lafaa Seexanni bulchu keessatti raawwatamu abdii nu kutachiisuu dandaʼa. Taʼus, obboloota keenyaa wajjin walgaʼiirratti argamuun nu haaromsa, akkasumas humna Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf nu gargaaru nuu kenna.

16. Fakkeenya Haannaarraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Haataʼu malee haalli gumii keessa jiru tokko walgaʼiirratti argamuun rakkisaa akka isinitti taʼu yoo godhe maal gootu? Tarii mirga tajaajilaa tokko waan dhabdaniif qaaniin isinitti dhagaʼameera ykn obboleessa ykn obboleettii tokkoo wajjin yaadaan wal dhabdaniittu taʼa. Taanaan, fakkeenyi Haannaa gama kanaan isin gargaaruu dandaʼa. (1 Saamuʼel 1:4-8 dubbisi.) Haannaan masaanuushee Phiniinaa wajjin haala wal qabateen maatiishee keessatti dhiphinni cimaan ishee mudatee akka ture yaadadhaa. Haalli kun keessumaa yeroo maatichi waggaa waggaadhaan Shiilootti Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuu dhaqu kan isheetti ulfaatu ture. Haannaan baayʼee dhiphachuu isheerraan kan kaʼe ‘boossee midhaan lagatti turte.’ Taʼus, haalli kun Yihowaa waaqeffachuurraa akka fagaattu ishee hin goone. Yihowaan amanamummaa isheen agarsiiste hubachuudhaan ishee eebbiseera.—1 Sam. 1:11, 20.

17, 18. (a) Walgaʼii gumiirraa karaawwan kamiin jajjabina arganna? (b) Gargaarsa Yihowaan fayyina akka argannuuf jaalalaan kakaʼee nuu godhuuf maaltu sitti dhagaʼama?

17 Kiristiyaanonni yeroo harʼaa fakkeenya Haannaa hordofuuf sababii gaʼaa qabu. Yeroo hundumaa walgaʼiiwwanirratti argamuu qabna. Walgaʼiin jajjabina guddaa akka nuu kennu muuxannoo keenyarraa hubachuu dandeenya. (Ibr. 10:24, 25) Jaalalli hoʼaan obboloonni keenya nutti argisiisan nu jajjabeessa. Yaanni haasaarratti dhihaate ykn yaanni dhaggeeffattoonni kennan tokko garaa keenya tuquu dandaʼa. Walgaʼii dura ykn walgaʼii booda obboloota nu dhaggeeffatanii wajjin maree gochuun jajjabina nuu kenna. (Fak. 15:23; 17:17, hiika bara 1899) Sagalee keenya ol kaasnee Yihowaa yeroo faarfannu jajjabinaafi gammachuutu nutti dhagaʼama. Keessumaa yeroo “yaaddoon” nutti dhagaʼamu jajjabinni Yihowaan karaa walgaʼii Kiristiyaanaa nuu kennu nu ‘jajjabeessa,’ amanamoo taanee jiraachuufis nu gargaara.—Far. 94:18, 19.

18 Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe eegumsa waan nuu godhuuf, akkuma Asaaf faarfatichaa, ‘Ati harkakoo mirgaa in qabda; ati gorsa keetiin ana in geggeessita’ jedhee faarfatee nutti dhagaʼama. (Far. 73:23, 24) Yihowaan fayyina akka argannuuf kan nu eegu taʼuunsaa baayʼee nu gammachiisa!

[Fakkii fuula 28⁠rra jiru]

Yihowaan siinis ofitti harkiseera

[Fakkii fuula 30⁠rra jiru]

Gorsa Waaqayyoo hojiirra oolchuudhaan eegumsa arganna

[Fakkii fuula 31⁠rra jiru]

Jajjabina nuu kennamuun humna arganna

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi