LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 8/15 ful. 16-19
  • Walgaʼii Tokkummaafi Karoora Gammachiisaa Taʼeen Beekame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Walgaʼii Tokkummaafi Karoora Gammachiisaa Taʼeen Beekame
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MEKSIIKOO ILAALCHISEE GABAASA DHIHAATE
  • GABAASA JAAPPAANIRRAA DHIHAATE
  • INJIFANNOO KARAA SEERAA ARGAME
  • IJAARSAWWAN GEGGEEFFAMUUF JEDHAN
  • LEENCA AADAA NAANNAʼURRAA OF EGGADHAA
  • IDDOO MANA DHUGAA KEESSATTI QABDAN DINQISIIFADHAA
  • KIRISTIYAANONNI DUBBII WAAQAYYOOTIIF ULFINA KENNU
  • SIRREEFFAMA LEENJIIFI TAJAAJILARRATTI GODHAME
  • Walgaʼii Seena Qabeessa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Jaalalaan Tokko Taʼuu—Gabaasa Walgaʼii Waggaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Yeroo Ammaatti Saba Waaqayyoo Geggeessaa kan Jiru Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 8/15 ful. 16-19

Gabaasa Walgaʼii Waggaa

Walgaʼii Tokkummaafi Karoora Gammachiisaa Taʼeen Beekame

WALGAʼII Waach Taawor eend Tiraakti Soosaayitii oov Pensilvaaniyaan waggaa waggaadhaan godhurratti yeroo hunda gammachuun ni mulʼata. Walgaʼii waggaa 127⁠ffaa Sanbadduraa Onkoloolessa 1, 2011 geggeeffamerratti kun dhugaa taʼuunsaa mulʼateera. Keessummoonni addunyaa maraa afeeraman kun kan walitti qabaman, Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa Yuu.Essi.Ee. Niiwu Jeersii, Jeersii Siitii jiru keessatti ture.

Namoota gammachuu qabaniifi achitti argaman kana, ‘Baga nagaan dhuftan!’ jechuudhaan kan simate miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Geerit Loosh ture. Achiis bakka buutonni gara biyyoota 85 keessaa dhufan addunyaa maratti tokkummaa addaa akka qaban isaaniif ibse. Tokkummaan akkasii warra kaaniif dhugaa kan baʼu taʼuusaarrayyuu Yihowaadhaaf ulfina fida. Ijoon walgaʼii kanaa waaʼee tokkummaa kan ibsu ture jechuun ni dandaʼama.

MEKSIIKOO ILAALCHISEE GABAASA DHIHAATE

Kutaan sagantichaa inni jalqabaa tokkummaa saba Yihowaa gidduu jiru kan ibsu ture. Baaltaasaar Peerlaan waajjiroota damee jaʼan Ameerikaa Giddu Galeessaa keessa jiraniifi waajjira damee Meksiikoo jala galan ilaalchisee, miseensota maatii Meksiikoo Betʼel sadiif gaafannoo godhee ture. Waajjiroonni kun waan walitti makamaniif, waajjirri damee Meksiikoo obboloonni aadaa garaagaraa qabaniifi biyya addaddaatii dhufan kan keessatti argaman taʼeera. Obboloonni biyya addaddaatii walitti makaman kun karaa addaddaa wal jajjabeessuu dandaʼaniiru. Haalli kun Waaqayyo akka biyyaatti garaagarummaa gidduusaanii jiru akka isaanii balleessetti kan ilaalamudha.

Rakkina waajjiroota damee walitti makuun fide keessaa tokko babalʼistoonni jaarmiyaa Yihowaarraa akka adda baʼan akka isaanitti dhagaʼamu gochuusaati. Kanaaf, babalʼistoonni waajjirri damee biyyasaanii cufamus jaarmiyaa Yihowaa keessa jiraachuusaanii akka hubatan isaan gargaaruun barbaachiseera. Kana gochuufimmoo gumiiwwan fagoo jiranillee waajjira damee wajjin kallattiidhaan wal qunnamuu akka dandaʼaniif, iimeelii amansiisaa taʼe akka qabaatan godhameera.

GABAASA JAAPPAANIRRAA DHIHAATE

Obboleessi waajjira damee Jaappaanirraa dhufeefi Jamsi Liintan jedhamu, kirkira lafaafi sunaamii Bitootessa 2011 Jaappaanirra gaʼeen obboloonni keenya hangam akka miidhaman ibse. Obboloonni baayʼeen nama jaallataniifi qabeenyaasaanii duʼaan dhabaniiru. Obboloonni naannoo balaan kun hin qaqqabne keessa jiran manneen 3,100 ol taʼaniifi konkolaattota dhibbatti lakkaaʼaman kennaniiru. Obboloonni fedhaan of dhiheessan Koree Ijaarsaa Naannoo wajjin taʼuudhaan boqonnaa tokko malee mana obbolootaa suphaniiru. Naannoo gargaarsi barbaachisu hundumaa gargaaruuf, obboloonni 1,700 ol taʼan fedhaan of dhiheessaniiru. Hojjettoonni Yunaayitid Isteetisii dhufan Galma Mootummaa haaromsuurratti gargaarsa kan godhan siʼa taʼu, 575 kan taʼan hojii kanarratti fedhaan hirmaataniiru.

Obboloota karaa hafuuraafi miiraa miidhaman gargaaruuf xiyyeeffannaa guddaan kennameera. Jaarsoliin 400 ol taʼan obboloota karaa hafuuraa jajjabinni isaan barbaachisu gargaaraniiru. Ilaaltonni olaanaa zoonii lama waajjira muummeetii naannoo balaan gaʼe kana dhaqanii obboloota jajjabeessuunsaanii, Qaamni Olaanaan obboloota miidhamaniif baayʼee kan yaadu taʼuusaa kan argisiisu ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman akka isaanii yaadan isaanii ibsuunsaanii baayʼee isaan jajjabeesseera.

INJIFANNOO KARAA SEERAA ARGAME

Miseensa waajjira damee Biritaaniyaa kan taʼe Isteefan Haardiin haala seeraa wajjin wal qabateen injifannoo dhihootti argame yommuu ibsu dhaggeeffattoonni xiyyeeffanaadhaan hordofaa turan. Fakkeenyaaf, mootummaan Faransaay waajjirri damee Faransaay jiru gibira doolaara Ameerikaa miliyoona 82 akka kaffalu itti murteessee ture. Dhimmi kun furmaata kan argate, Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa, mootummaan Faransaay Waltaʼiinsa Biyyoonni Awurooppaa Mirgoota Namummaarratti godhan, Keeyyata 9 isa mirga amantii eegsisu akka cabse ibsuudhaan yommuu murtoo nu deggeru godhettidha. Murtoon manni murtichaa dabarse, “Dhaabbata amantii tokko beekamummaa dhowwachuun, diiguun, jecha amantii tokko akka tuffatan argisiisutti fayyadamuun, seera Mirgoota Namummaa Awurooppaa Keeyyata 9⁠rratti ibsame cabsuudha” waan jedhuuf dhimmi kun qarshii wajjin kan wal qabate hin turre.

Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa, falmii mootummaa Armeeniyaa wajjin gochaa turrerrattis nuuf murteesseera. Bara 1965 kaasee Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaafi Waltaʼiinsi Biyyoota Awurooppaa mirga namni tokko waraanarratti hirmaachuu dhiisuuf qabu keessa hin galu ture. Haataʼu malee, kutaa olaanaa Mana Murtii Biyyoota Awurooppaa kan taʼe Manni Maree Guddichi, “namni tokko sababa cimaa taʼeen kakaʼee waraanarratti hirmaachuu yoo dide” Waltaʼiinsi Biyyoota Awurooppaa heyyamuufii akka qabu murteesseera. Murtoon darbe kun, Armeeniyaafi biyyoonni akka Azarbaajaaniifi Turki jiran mirga akkasiitiif beekamummaa akka kennan kan dirqisiisudha.

IJAARSAWWAN GEGGEEFFAMUUF JEDHAN

Ittaansuudhaan haasaa kan dhiheesse miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Gaay Piirsi siʼa taʼu, namoonni achitti argaman hundi waaʼee ijaarsa Niiwu Yoorki Isteetis keessatti hojjetamuuf jiruu dhagaʼuuf akka hawwan ibse. Hojiin ijaarsaa Woolkiil, Paatarsan, akkasumas dhiheenyatti Niiwu Yoorki, Waarwiikiifi Tuksiidoo keessatti geggeeffamuuf jiru viidiyoodhaan akka dhihaatu beeksise. Manni jireenyaa haaraan Woolkiilitti jalqabameefi bara 2014⁠tti xumuramu, kutaalee dabalataa 300 ol kan qabudha.

Iddoo Waarwiikitti argamuufi balʼina hektaara 100 taʼu qaburratti hojii ijaarsaa geggeessuuf karoorfameera. Obboleessi keenya Piirsi “Waarwiikiin ilaalchisee fedhi Yihowaa maal akka taʼe hanga ammaatti beekuu baannuyyuu, waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa achitti dabarsuuf jecha hojii ijaarsaa keenya itti fufneerra” jedheera. Maashinoota addaddaafi meeshaalee ijaarsa kanaaf taʼan achitti kuusuuf akka nu gargaarutti, iddoo kibba Waarwiikirraa kiilomeetira 10 fagaatee argamuufii balʼina hektaara 20 qabutti fayyadamuuf karoorfameera. Obboleessi keenya Piirsi, “Akkuma heyyamni ijaarsaa nuu kennameen, ijaarsa kana waggaa afur keessatti guutummaatti akka xumurru abdii qabna. Achiis qabeenyi keenya inni Biruukiliin keessa jiru gurguramuu dandaʼa” jedheera.

Obboleessi keenya Piirsi itti fufuudhaan, “Kun, Qaamni Olaanaan rakkinni guddaan dhihaachuusaa ilaalchisee yaada qabu jijjiiruusaa kan argisiisudhaa?” jedhee gaafate. Achiis, “Matumaa! Rakkinni guddaan hojiin keenya akka dhaabatu yoo godhe, kun baayʼee gaariidha. Dhugumaan baayʼee gaariidha!” jechuudhaan deebii kenneera.

LEENCA AADAA NAANNAʼURRAA OF EGGADHAA

Ittaansuudhaan miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Isteefan Leet, 1 Phexros 5:8 isa, “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beelaʼutti aadaa naannaʼutti, nama liqimsuu barbaadee in naannaʼa” jedhu ibse. Obboleessi keenya Leet, ‘Leenci amala garaagaraa waan argisiisuuf, Phexros mala Seexanni itti fayyadamu amala leencaa wajjin walbira qabuunsaa sirriidha’ jechuudhaan ibseera.

Leenci nama caalaa humnaafi saffisa cimaa waan qabuuf, humna mataa keenyaatiin Seexanaan mormuuf yaaluu hin qabnu. Kanaaf, gargaarsi Yihowaa nu barbaachisa. (Isa. 40:31) Leenci kan adamsu dhokatee waan taʼeef, dukkana hafuuraa Seexanni keessa riphee adamsurraa fagaachuu qabna. Akkuma Leenci kuruphee miidhaa tokkollee hin geessisneefi ilmoo harree diidoo rafaa jirtu ajjeesu, Seexannis gara jabeessa taʼuusaarrayyuu nu ajjeesuu jaallata. Akkasumas, leenci beelasaa erga baʼee booda wanti inni ajjeese maal akka turellee addaan baasuun akkuma nama rakkisu, namoonni Seexanni adamsee karaa hafuuraa ajjeesus haallisaanii “inni booddee isa duraa irra in hammaata.” (2 Phe. 2:20) Kanaaf, jabaannee Seexanaan mormuufi seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu warra baranne hojiirra oolchuu qabna.​—1 Phe. 5:9.

IDDOO MANA DHUGAA KEESSATTI QABDAN DINQISIIFADHAA

Miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Saamuʼel Hardi, haasaa ittaansee dhiheesserratti, “Hundumti keenya mana dhugaa keessatti iddoo qabna” jedheera. Kiristiyaanonni hundi, qophii aarsaa furii Yesusirratti hundaaʼuudhaan isa waaqeffachuuf godhame jechuunis “mana” Waaqayyoo, mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti iddoo qabu. Iddoo kana argachuun keenya mirga addaa akka taʼetti ilaallee kunuunsuu qabna. Nutis akkuma Daawit “bara jireenya [keenya] hundumaa mana Waaqayyoo keessa jiraachuu” hawwina.​—Far. 27:4.

Obboleessi keenya Hardi Faarfannaa 92:12-14 caqasuudhaan gaaffii, “Yihowaan akka lalisnu kan nu godhu akkamitti?” jedhu gaafate. Achiis “Waaqayyo jannata hafuuraa keessatti nu dammaqsa, nu eega, akkasumas bishaan dhugaa qulqulluu nuu kenna. Wantoota kana hundumaaf isa haa galateeffannu. Yeroo muraasaaf qofa utuu hin taʼin barabaraan mana Yihowaa keessa jiraachuudhaan gammachuu haa argannu” jechuudhaan dhaggeeffattoota jajjabeesseera.

KIRISTIYAANONNI DUBBII WAAQAYYOOTIIF ULFINA KENNU

Miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Deevid Ispileenis haasaa ittaansee dhiheesserratti, Kiristiyaanonni dhugaan yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyootiif ulfina akka kennan ibseera. Jaarraa tokkoffaatti, dhimma dhagna qabaa ilaalchisee kaʼee tureef deebii kan kennan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼuudhaan ture. (HoE. 15:16, 17) Haataʼu malee jaarraa lammaffaa keessa namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhaniifi falaasama Giriikiitiin leenjiʼan tokko tokko, yaada Caaffata Qulqullaaʼoo caalaa yaadasaaniitiif iddoo guddaa kennuu jalqaban. Boodas warri kaan, barumsa Macaafa Qulqulluu yaada namoota Abbootii Waldaa jedhamaniifi yaada mootota Roomaatiin bakka buusuudhaan barumsa sobaa haalaan babalʼisaniiru.

Obboleessi keenya Ispileen ittaansuudhaan, Kiristiyaanonni dibamoon dhugaadhaaf falman yeroo hundaa lafarra jiraachaa akka turan fakkeenya Yesus dubbatetti fayyadamee ibse. (Mat. 13:24-30) Kiristiyaanonni kun eenyufaa akka turan sirriitti dubbachuu hin dandeenyu. Haataʼu malee, jaarraa hedduudhaaf namoonni baayʼeen amantiifi gocha Macaafa Qulqulluurratti hin hundoofne balaaleffachaa turaniiru. Isaan keessaa muraasni, Agobaardi isa Phaaphaasii magaalaa Liyoonsi tureefi jaarraa 19⁠ffaa keessa jiraate, Piitar isa magaalaa Biruuwii, Henarii isa magaalaa Loozaniifi Waaldoo warra jaarraa 12⁠ffaa keessa jiraatan, Joon Wikiliif isa jaarraa 14⁠ffaa keessa jiraate, Wiiliyaam Tiindal isa jaarraa 16⁠ffaa keessa jiraate, Henarii Giruufi Joorji Istoorzi warra jaarraa 19⁠ffaa keessa jiraatanidha. Yeroo harʼaa Dhugaa Baatonni Yihowaa ulaagaalee Macaafa Qulqulluu ni deggeru; macaafni kun dhugaadhaaf buʼuura akka taʼes ni amanu. Qaamni Olaanaan, caqasni waggaa 2012 Yohannis 17:17 isa, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedhu akka taʼu kan filate kanaafidha.

SIRREEFFAMA LEENJIIFI TAJAAJILARRATTI GODHAME

Miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Antoonii Mooris beeksisa dhiheesserratti, misiyoonotaafi qajeelchitoota addaa ilaalchisee sirreeffamni tokko tokko godhamuusaa ibse. Fulbaana 2012 kaasee, Manni Barumsaa Macaafa Qulqulluu Hiriyoota Gaaʼelaa biyyoota filataman keessatti geggeeffama. Manni Barumsaa Giilʼaadimmoo wanta biraarratti xiyyeeffata. Onkoloolessa darbee kaasee obboloonni Mana Barumsaa Giilʼaad galanii barachuu dandaʼan, tajaajila yeroo guutuu addaa keessa kan jiran jechuunis misiyoonota Giilʼaaditti hin baranne, qajeelchitoota addaa, daawwattoota olaanaa ykn warra Betʼel keessa tajaajilan taʼu. Warri leenjiʼanii baʼanimmoo, waajjira dameetti ramadamuudhaan, hojii daawwannaarratti hirmaachuudhaan ykn bakka uummanni baayʼinaan jiran dhaqanii hojii lallabaarratti gumiiwwan gargaaruudhaan saba Waaqayyoo jajjabeessu.

Obboloonni qajeelchitoota addaa taʼanii muudaman haaraan, bakka fagoo dhaquudhaan naannoo tajaajilaa haaraa hundeessu. Amajjii 1, 2012 kaasee, warri Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Obboloota Qeenteef qophaaʼeefi Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Hiriyoota Gaaʼelaaf qophaaʼerraa eebbifaman, yeroo muraasaaf qajeelchitoota addaa taʼanii bakka fagoo dhaquudhaan misiraachicha akka babalʼisan godhama. Obboloonni kun, waggaa tokkoo hanga waggaa sadiitti qajeelchaa addaa taʼanii tajaajilu. Warri tajaajilasaaniirratti buʼa qabeessa taʼan qajeelchaa addaa dhaabbataa taʼu.

Walgaʼiin waggaa 2011 baayʼee kan nama gammachiisu ture. Hojii lallabaa keenya balʼinaan hojjechuufi tokkummaa obbolummaa keenya caalaatti cimsachuu akka dandeenyuuf, sirreeffamni haaraan godhame kun Yihowaadhaaf ulfina waan fiduuf akka inni nuu eebbisu ni kadhanna.

[Saanduqa/​Fakkii fuula 18, 19⁠rra jiru]

CAALAATTI ISAAN BARUU

Sagantichi obboleettota keenya warra abbootiin manaasaanii miseensota Qaama Olaanaa turaniifi irraa duʼan shaniif gaafannoo godhames kan qabate ture. Obboleettonni kun, Maariinaa Siidliik, Iidiz Suuter, Meliitaa Jaaraaz, Meelbaa Baariifi Siidnii Baarbar kan jedhaman yommuu taʼan, gaafannoo godhameefirratti akkamitti akka dhugaa dhagaʼaniifi tajaajila yeroo guutuu keessa akkamitti akka seenan ibsaniiru. Tokkoon tokkoonsaanii, yeroo gaarii dabarsan, waaʼee abbaa manaasaaniifi eebbawwan isaanii wajjin hojjechuudhaan argatan ilaalchisee muuxannoosaanii dhaggeeffattootaaf hiraniiru. Akkuma gaafannoon kun xumurameen, dhaggeeffattoonni faarfannaa lakkoofsa 86, (Ingiliffa) isa mataduree, “Dubartoota Amanamoo, Obboleettota Kiristiyaanaa” jedhu qabu faarfatan.

[Fakkiiwwan]

(Gararraa) Daaniʼeliifi Mariinaa Sidiliik; Giraantiifi Ediiz Suwiiter; Tewoodoriifi Meliitaa Jaaraaz

(Gajjallaa) Looyidiifi Meelbaa Barii; Keeriifi Siidnii Baarber

[Maappii fuula 16⁠rra jiru]

(Odeeffannoo guutuu argachuuf, barruu kana ilaali)

Waajjiroonni jaʼa waajjira damee Meksiikoo jala galan

MEKSIIKOO

GUWAATIMAALAA

HONDURAAS

EEL SAALVAADOR

NIKAARAAGUWAA

KOSTAA RIKAA

PAANAAMAA

[Fakkii fuula 17⁠rra jiru]

Diizaayinii bareedaa Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Waarwiik, Niiwu Yoorki

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi