LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 1/15 ful. 32
  • Duulli Karooraan Godhame Buʼaa Argamsiise

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Duulli Karooraan Godhame Buʼaa Argamsiise
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “NAMA GUDDAADHA JETTEE EEGDEE TURTE”
  • Waaqayyo Kadhannaa Kee Akka Dhagaʼu Akkamitti Mirkanaaʼaa Taʼuu Dandeessa?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru​—Noorweeyitti
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Waraqaan Afeerrii Ayyaana Yaadannoo Ebla 2 Raabsamuu Jalqaba
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Ayyaana Yaadannoo Beeksisuuf Duula Bitootessa 17 Jalqabu
    Tajaajila Mootummaa—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 1/15 ful. 32

Duulli Karooraan Godhame Buʼaa Argamsiise

Maariyaa Isaabeel, shamarree babalʼistuu taateefi Ameerikaa Kibbaa, biyya Chiilii magaalaa Barnaardoo keessatti hinaaffaadhaan tajaajiltudha. Isheeniifi maatiinshee namoota qomoo Maapuuchee taʼan keessaa tokkodha. Guutummaan maatichaa afaan Maapuuchee isa Maapuudungun jedhamuun carraaqqii gumii hundeessuuf godhamu deggeruuf fedhii guddaa qabu.

Maariyaan, Ayyaanni Yaadannoo afaan Maapuudunguniitiin akka geggeeffamu beeksisni yommuu himamuufi waraqaan afeerrii 2,000 taʼu afaan kanaan akka qophaaʼe yommuu dhageessu, maal gochuu akka qabdu yaaduu jalqabde. Karaa kanaan gargaarsa gochuuf maal gochuu dandeessi laata? Muuxannoo obboloota dargaggoota taʼaniifi hiriyoota mana barumsaa, akkasumas barsiisotasaaniitiif lallabuudhaan milkaaʼina argatanii yaadatte. Waaʼee dhimma kanaa maatiishee wajjin erga irratti mariʼatanii booda, Maariyaan mana barumsaatti waraqaa afeerrii kana raabsuuf akka irratti yaaddu murteessan. Isheenoo maal goote laata?

Jalqaba waraqaa afeerrii sana balbala mooraa mana barumsaarratti maxxansuuf itti gaafatamtoota mana barumsaashee heyyama gaafatte. Isaanis kan heyyamaniif siʼa taʼu, afeerraa kanaafis ishee galateeffatan. Guyyaa tokko, dura taaʼaan mana barumsichaa hiriira dabaree ganamaarratti maayikirofooniitti fayyadamuudhaan waaʼee afeerraa kanaa beeksise.

Achiis kutaa hundumaa seentee ergaa Mootummichaa isaanitti himuuf heyyama gaafatte. Barsiisotasheerraa heyyama erga argattee booda, barattoota sana keessaa qomoo Maapuuchee kan taʼan jiraachuusaanii gaafatte. Maariyaan akkas jetteetti: “Mana barumsichaa keessa barattoonni qomoo Maapuuchee 10 ykn 15 hin caalan jedhee yaadeen ture. Taʼus, mana barumsichaa keessa kan turan baayʼee waan taʼaniif waraqaa afeerrii 150 raabsuu dandaʼeera!”

“NAMA GUDDAADHA JETTEE EEGDEE TURTE”

Dubartiin balbala mana barumsichaarratti waraqaa afeerrii sana argite tokko, waaʼee afeerrii sanaa eenyuun haasofsiisuu akka dandeessu gaafatte. Shamarree umrii waggaa kudhanii akka haasofsiistu yommuu itti himan hammam akka isheen ajaaʼibsiifatte yaadi! Maariyaan akka seequu taʼuudhaan, “Nama guddaadha jettee eegdee turte” jetteetti. Maariyaan waraqaa afeerrii sana ibsa gabaabaa wajjin erga kenniteefii booda, warrashee wajjin manashee dhaqxee Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee odeeffannoo dabalataa kennuufii akka dandaʼanitti teessooshee gaafatteen. Dubartiin kun, namoota fedhii qabaniifi qomoo Maapuuchee taʼan 26 wajjin Ayyaana Yaadannoo sanarratti yommuu argamtu, babalʼistoonni 20 naannoo afaan Maapuudungun dubbatamu jiran baayʼee gammadanii turan. Yeroo ammaatti gumiin sun gumii babalʼistoota hedduu qabu taʼeera.

Umriinkee hammamiyyuu yoo taʼe, ijoollee wajjin barattu ykn namoota wajjin hojjettu, Ayyaana Yaadannoo, haasaa sabaa ykn walgaʼii koonyaarratti afeeruuf carraaqqii gochuu dandeessaa? Gama kanaan karaa itti milkaaʼina argachuun dandaʼamu ilaalchisee yaada gaarii argachuuf, muuxannoowwan barreeffamoota keenyarratti baʼan maalif hin qortu? Dabalataanis, Yihowaan hafuura qulqulluu isa waaʼeesaa ija jabinaan dubbachuuf si gargaaru akka sii kennuuf kadhadhu. (Luq. 11:13) Yoo akkas goote, atis akkuma warra kaanii gammachuu guddaa argachuufi karoorri itti yaaddee baafatte jajjabina sii kennuu dandaʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi