DEEBII GAAFFII MACAAFA QULQULLUU
Yesus Ilma Waaqayyoo kan jedhame maaliifi?
Waaqayyo akka namaa haadha manaa qabaatee ijoollee hin godhatu. Lubbu qabeeyyii hunda kan uume isadha. Ilmaan namootaa amala Waaqayyoo calaqqisuuf dandeettii akka qabaatan godhamanii uumaman. Addaam inni Waaqayyo jalqaba uume, “Ilma Waaqayyoo” kan jedhame kanaafidha. Haaluma wal fakkaatuun, Yesusis amala Abbaasaa akka qabaatu godhamee waan uumameef, “Ilma Waaqayyoo” jedhameera.—Luqaas 3:38; Yohannis 1:14, 49 dubbisi.
Yesus yoom uumame?
Waaqayyo Addaamiin uumuusaa dura Yesusiin uume. Yesusiin erga uumee booda, ergamoota dabalatee wantoota gara biraa uumuuf isatti fayyadameera. Macaafni Qulqulluun Yesus, “uumama hundumaa duras dhalate” kan jedhu kanaafidha.—Qolosaayis 1:15, 16, dubbisi.
Yesus Betlihemitti dhalachuusaa dura, uumama hafuuraa taʼee samii keessa jiraateera. Yeroonsaa yommuu gaʼu, Yesus nama taʼee akka dhalatuuf Waaqayyo jireenyasaa isa samii gara gadameessa Maariyaamitti dabarse.—Luqaas 1:30-32; Yohannis 6:38; 8:23 dubbisi.
Waaqayyo, Yesus nama taʼee lafarratti akka dhalatu kan godhe maaliifi? Yesus gaʼee adda taʼe akkamii raawwateera? Deebii gaaffiiwwan kanaa Macaafa Qulqulluu keessaa argachuu kan dandeessu siʼa taʼu, kunis wanta Waaqayyoofi Yesus sii godhan ilaalchisee hubannaafi dinqisiifannaa qabdu sii guddisuu dandaʼa.