Ittiin Baafata
Caamsaa 15, 2013
© 2013 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania. All rights reserved.
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
ADOOLESSA 1-7, 2013
Lallabaa Wangeelaa Taʼuudhaan Gaʼee Keessan Raawwadhaa
FUULA 3 • FAARFANNAA: 45, 28
ADOOLESSA 8-14, 2013
‘Hojii Gaariidhaaf Hinaaffaa’ Qabaadhaa
ADOOLESSA 15-21, 2013
Akka Gaariitti Walii Galuudhaan Gaaʼela Keessan Jabeessaa
ADOOLESSA 22-28, 2013
Warriifi Ijoolleen Maree Jaalalarratti Hundaaʼe Godhaa
ADOOLESSA 29, 2013–HAGAYYA 4, 2013
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
▪ Lallabaa Wangeelaa Taʼuudhaan Gaʼee Keessan Raawwadhaa
Lallabaa wangeelaa taʼuu jechuun maal jechuudha? Matadureen kun gaaffii kanaaf deebii kan kennu taʼuusaarrayyuu namoonni misiraachicha kan barbaadan maaliif akka taʼe addeessa. Akkasumas lallabaa wangeelaa taʼuudhaan gaʼee keenya baʼuurratti milkaaʼina argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.
▪ ‘Hojii Gaariidhaaf Hinaaffaa’ Qabaadhaa
Matadureen kun, karaawwan lamaan hojii gaariidhaaf hinaaffaa qabaachuudhaan namoonni Waaqayyootti akka dhihaatan itti gochuu dandeenyu ibsa. (Titus 2:14) Karaan inni tokko lallaba keenyadha. Kan biraanimmoo amala Waaqayyo biratti fudhatama qabu argisiisuudha.
▪ Akka Gaariitti Walii Galuudhaan Gaaʼela Keessan Jabeessaa
▪ Warriifi Ijoolleen Maree Jaalalarratti Hundaaʼe Godhaa
Maree gaarii gochuun, hiriyoonni gaaʼelaa jireenya maatii gammachiisaa taʼe akka qabaatan godha. Matadureen inni jalqabaa, amalawwan maree gaarii gochuuf nu gargaaran ibsa. Matadureen inni lammaffaammoo wantoota warraafi ijoolleen akka walii hin galle godhan akkamitti moʼuun akka dandaʼamu addeessa.
▪ Filannaa Sirrii Gochuudhaan Dhaala Keessan Eeggadhaa
Kiristiyaanonni dhaala hafuuraa akkamii qabu? Dhaala keenyaa wajjin haala wal qabateen seenaa Esaawu isa akeekkachiisa nuu taʼurraa maal baranna? Dhaala keenya ilaalchisee filannaa gaarii gochuu kan dandeenyu maalirratti hundoofneeti? Matadureen kun gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.
MATADUREEWWAN DABALATAA
24 Jireenyi Keenya Kaayyoo Qabeessa Kan Taʼe Akkamitti?
FAKKII QOLASAARRA JIRU: Kaaba bahaa Landanitti obboleettonni keenya barreeffama afaan Gujaraatiitti fayyadamuudhaan nama suuqii keessaa miʼa gurguruuf siʼa lallaban
LANDAN, INGILAANDI