SEENAA JIREENYAA
Eessattiyyuu Yihowaa Tajaajiluuf Fedhii Qabaachuu
Sana dura kophaakoo lallabee hin beekun ture. Baay’ee waanan sodaadhuuf, yommuun tajaajila deemu hundatti miilli na hollata ture. Namoonni naannoo tajaajilaa sana keessa jiran ergicha kan morman ta’uunsaaniimmoo, caalaatti akkan sodaadhu na godhe. Namoonni tokko tokko dafanii kan aaran ta’uusaarrayyuu, akka na rukutan na sossodaachisu turan. Ji’an qajeelchaa itti ta’etti kanan raabse buukleetii tokko qofadha!—Maarkus.
KUN kan ta’e waggaa 60 dura, bara 1949tti ta’us, seenaankoo kan jalqabe waggoota hedduu duradha. Abbaankoo Hendiriik, magaalaa xinnoo Dondiran jedhamtuufi kaaba Direnzee, Neezarlaanditti argamtu keessatti, hojii kophee hojjechuufi biqiltuu kunuunsuu hojjeta ture. Anis bara 1927tti achitti kanan dhaladhe si’a ta’u, ijoollee torba keessaa arfaffaan ture. Manni keenya kan argamu naannoo baadiyyaatti, karaa qulqullina hin qabne cinaattidha. Olloonni keenya hedduun qotee bulaa kan turan si’a ta’u, anis jireenya baadiyyaa nan jaalladha ture. Bara 1947tti, yommuu umriinkoo waggaa 19 ta’u, nama ollaa keenyaa Taniis Been jedhamurraan dhugaa dhaga’e. Yeroon jalqaba Taniisiin arge akkan isa hin jaallanne nan yaadadha. Garuu Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Dhugaa Baatuu Yihowaa kan ta’e si’a ta’u, isa durii caalaa amallisaa baay’ee kan namatti tolu akka ta’en hubadhe. Amallisaa jijjiiramuunsaa baay’ee waan na dinqisiiseef, abdii Waaqayyo lafa jannata akka godhu dubbate ennaa natti himu isan dhaggeeffadhe. Yeruma sana dhugaa kanan fudhadhe si’a ta’u, isaa wajjinis haamma ammaatti michuudha.a
Caamsaa 1948tti lallabuu kanan jalqabe si’a ta’u, ji’a ittaanutti, jechuunis Waxabajjii 20tti walga’ii koonyaa Uutirashititti godhamerratti nan cuuphame. Amajjii 1, bara 1949tti, qajeelchaa ta’een mandara Burkiloo ishee baha Neezarlaanditti argamtuufi gumii xinnoon tokko qofti keessa jirutti ramadame. Achi ga’uuf kiilomeetira 130 deemuun qaba ture; kanaaf biskileetii kootiin deemuufan murteesse. Deemsisaa gara sa’aatii 6 akka natti fudhatu yaadeen ture. Haata’u malee, kiilomeetira 90 baaburaan kanan deeme ta’uyyuu, roobni cimaaniifi bubbeen duubatti nama dhiibu waan tureef sa’aatii 12 natti fudhate! Dhumarratti, halkaniin Dhugaa Baatota yeroon qajeelchaa ta’ee tajaajilaa ture bira boqodhe biran ga’e.
Waggoota waraanicha booda turanitti, qabeenyi namootaa baay’ee xinnoo ture. Wantin qabu uffata guutuu tokkoofi surree tokko qofadha; ta’esimmoo uffatichi baay’ee natti bal’ata, surrichimmoo baay’ee natti gabaabbata ture! Akkuman seensarratti ibse, jiini jalqabaa ani Burkilootti dabarse ulfaataa ta’us, Yihowaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu hedduu naa kennuudhaan na eebbiseera. Ji’a sagal booda Amistardaamittan ramadame.
BAADIYYAADHAA GARA MAGAALAATTI
Kanan guddadhe naannoo baadiyyaatti ta’us, magaalaa guddoo Neezarlaand kan taate Amistardaam keessa jiraachuun jalqabe. Tajaajilli baay’ee bu’a qabeessa ture. Barreeffamnin ji’a jalqabaatti raabse, barreeffamootan ji’oota salgan darban raabserra ni caala. Utuun baay’ee hin turin qayyabannaa Macaafa Qulqulluu gara saddeetii geggeessuun jalqabe. Tajaajilaa gumii (amma qindeessaa qaama jaarsolii jedhama) ta’ee ergan muudame booda, haasaa sabaakoo isa jalqabaa akkan dhiheessun ramadame. Baay’ee sodaadhee waanan tureef, haasicha dhiheessuukoo dura gara gumii kan biraatti yommuun jijjiiramu gammachuu guddaatu natti dhaga’ame. Waggoota hedduu sana booda jiranitti haasaawwan 5,000 ol ta’an akkan dhiheessu hin hubannen ture!
Gararraa: Maarkus (mirgaa qarqaraan) bara 1950 naannoo Amisterdaamitti karaarratti ennaa lallabu
Caamsaa 1950, Haarlamittin ramadame. Achiis hojii daawwannaarratti akkan tajaajilu afeerriin naa dhihaate. Yeroo kanatti, guyyaa sadiif hirriba hin rafne. Obboleessa waajjira dameetti tajaajilaa jiruufi Roobart Viinkilar jedhamutti, ga’umsa akkan hin qabne akka natti dhaga’amun itti hime; inni garuu, “Waraqichuma guuti; ni baratta” naan jedhe. Sana booda utuu baay’ee hin turin, ji’a tokkoof leenjii ergan fudhadhee booda tajaajilaa (daawwataa olaanaa) aanaa ta’ee tajaajiluun jalqabe. Yeroon gumii tokko daawwadhu, shamarree qajeelchaa taateefi namatti toltu, Yihowaadhaaf jaalala garaadhaa madde qabdu, fedhii ofii aarsaa gootuufi Jaanii Taatkan jedhamtuu wajjinan wal bare. Achiis bara 1955tti wal fuune. Seenaakoo itti fufuukoo dura garuu, Jaaniin akkamitti qajeelchaa akka taateefi erga wal fuunee booda akkamitti waliin akka tajaajille ibsiti.
HIRIYAA GAA’ELAA WAJJIN TAJAAJILUU
Jaanii: Haatikoo, bara 1945tti, jechuunis yommuu umriinkoo waggaa 11 turetti Dhugaa Baatuu taate. Utuu baay’ee hin turin ijoolleeshee sadan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu akka qabdu hubatte. Ta’us abbaankoo waan ishee mormeef yeroo inni mana hin jirretti nu barsiisti turte.
Walga’iin ani yeroo jalqabaatiif irratti argame, walga’ii koonyaa bara 1950 Za Heegitti godhamedha. Torban tokko boodammoo, yeroo jalqabaatiif Galma Mootummaa Aasan (Direnzee) keessa jirutti walga’ii gumiirrattan argame. Abbaankoo baay’ee waan aareef manaa na ari’e. Haatikoo, “Eessa jiraachuu akka dandeessu beekta” naan jette. Obboloota hafuuraakoo naa caqasuushee akka ture naa galeera. Jalqaba maatii Dhugaa Baatota Yihowaa ta’aniifi naannoo keenyatti argaman tokkoo wajjin jiraachuun jalqabe; garuu abbaankoo na rakkisuusaa waan hin dhiisneef, gumii kiilomeetira 95 fagaatuufi Davantar (Ovariseel) keessatti argamun dhaqe. Haata’u malee, umriinkoo xinnoo waan ta’eef, abbaankoo manaa na ari’uusaatiin abbootii taayitaa wajjin walitti bu’ee ture. Kanaafuu, manatti deebi’uu akkan danda’u natti hime. Abbaankoo sirumaa dhugaa kan hin fudhanne ta’ullee, yeroo booda walga’ii hundarratti akkan argamuufi tajaajila akkan ba’u naa heyyameera.
Gajjallaa: Jaanii (mirgaa qarqaraan) bara 1952 qajeelchaa yeroo boqonnaa taatee
Gara manaatti ergan deebi’ee yeroo muraasa booda, haatikoo baay’ee waan dhukkubsatteef hojii mana keessaa hunda anatu hojjeta ture. Ta’us, karaa hafuuraa guddina godheen, bara 1951tti umrii waggaa 17tti cuuphame. Bara 1952tti, haatikoo erga fayyitee booda, obboleettota qajeelchaa ta’an sadii wajjin ji’a lamaaf qajeelchaa yeroo boqonnaa (gargaaraa) ta’een tajaajile. Kan jiraannu bidiruu akka manaattis tajaajilu keessa si’a ta’u, magaalota Direnzeetti argaman lama keessatti lallabna turre. Bara 1953tti qajeelchaan ta’e. Waggaa tokko booda, daawwataan olaanaa aanaa dargaggeessa ta’e tokko gumii keenya daawwate. Innis Maarkus ture. Walii wajjin Yihowaa tajaajiluun caalaatti gaarii akka ta’e waan nutti dhaga’ameef Caamsaa 1955tti wal fuune.—Lal. 4:9-12.
Mirgaan: Bara 1955 guyyaa cidha keenyaatti
Maarkus: Cidha keenya booda, dura qajeelchitoota taanee mandara Veendam (Girooniingan) jedhamtutti ramadamne. Kutaa dhiphaa dheerinnisaa meetira lama, dalgisaammoo meetira sadii ta’e keessa jiraanna turre. Ta’uyyuu, Jaaniin manichi bareedaafi mijaa’aa akka ta’u gooteetti. Galgala galgala minjaala keenyaafi teessoo xixinnoo lamaan foqoqsinee, siree dadacha’ee gidgiddaatti galu diriirsina turre.
Ji’a ja’a booda, hojii daawwannaatiif gara Beeljiyam akka dhaqnu afeeramne. Bara 1955tti, biyyattii keessa babal’istoota gara 4,000 qofatu jira ture. Yeroo ammaa, lakkoofsisaanii 24,000 ol ta’eera! Filaandarsitti, jechuunis kaaba Beeljiyamittiifi Neezarlaand keessatti afaanuma tokkotu dubbatama. Haata’u malee, loqodni warra Beeljiyam xinnooshee adda waan ta’eef, jalqabarratti qorumsa afaanii wajjin wal qabate mo’uu qabna turre.
Jaanii: Hojiin daawwannaa garaadhaa fedhii ofii aarsaa gochuu gaafata. Biskileetii keenyaan deemnee gumiiwwan kan daawwannu si’a ta’u, kan boqonnus mana obbolootaa ture. Gumii tokko daawwannee isa kaanitti ce’uu keenya dura mana dhuunfaa itti boqonnu waan hin qabneef, hamma Wiixataatti achuma turree Kibxata ganama gara gumii itti aanutti deemuu jalqabna. Ta’uyyuu, yeroo hundumaa tajaajila keenya akka eebba guddaa Yihowaarraa arganneetti ilaalla turre.
Maarkus: Obboloota gumiiwwan keessa jiran keessaa jalqabarratti eenyuuniyyuu kan hin beekne ta’us, isaan gaarummaa kan qabaniifi keessummaa kan simatanidha. (Ibr. 13:2) Waggoota hedduu booda, gumiiwwan afaan Dach dubbataniifi Beeljiyam keessatti argaman hunda yeroo baay’ee daawwanneerra. Kunimmoo eebba hedduu nuu argamsiiseera. Fakkeenyaaf, obboloota koonyaa Dach keessa jiran hundaa wajjin wal barreerra jechuun ni danda’ama; akkasumas baay’ee isaan jaallanneerra. Dargaggoonni dhibbaan lakkaa’aman qaamaanis ta’e karaa hafuuraa guddatanii, Mootummichaaf dursa kennuudhaan Yihowaadhaaf of murteessuusaanii argineerra. Hedduunsaanii tajaajila yeroo guutuu keessatti amanamummaadhaan Yihowaa yeroo tajaajilan arguun baay’ee nama gammachiisa. (3 Yoh. 4) ‘Amantii waliitiin jajjabeeffamuun’ keenya, hojii nuu kennamerratti garaa guutuudhaan hirmaachuu keenya itti fufuun salphaa akka nuu ta’u godheera.—Rom. 1:12.
QORUMSA GUDDAAFI EEBBA DHUGAA
Maarkus: Gaafa gaa’ela godhannee kaasee, Mana Barumsaa Giil’aaditti leenjifamuuf hawwii qabna turre. Guyyaa guyyaadhaan yoo xinnaate sa’aatii tokkoof Ingiliffa ni qayyabanna turre. Ta’us, kitaabarraa Ingiliffa barachuun salphaa waan hin turreef, yeroo boqonnaa keenyatti gara Ingiliiz dhaqnee ittiin tajaajiluudhaan afaanicha barachuuf murteessine. Dhumarratti, bara 1963tti waajjira muummee Biruukiliin jirurraa poostaan tokko nu ga’e. Poostaan kun xalayaa lama kan qabate si’a ta’u, tokko anaaf, tokkommoo Jaaniidhaaf kan ergame ture. Xalayaan naaf ergame, kutaa addaa Giil’aad ji’a kudhan fudhaturratti akkan hirmaadhu kan afeeru ture. Leenjichi obboloota dhiiraa leenjisuurrattiifi barumsa jaarmiyaa wajjin wal qabate isaanii kennuurratti kan xiyyeeffatu ture. Kanaafuu, barattoota afeeraman 100 keessaa 82 dhiirota turan.
Jaanii: Xalayaa gaafas na ga’erratti, yeroo Maarkus Giil’aad galu Beeljiyam keessa turuuf fedhii qabaachuuf dhiisuukoo akka gaariitti akkan itti yaadu gaafatameen ture. Dhugaasaa dubbachuuf, jalqabarratti baay’ee gaddeen ture. Yihowaan carraaqqii ani mirga kana argachuuf godhe kan hin eebbisne fakkaata ture. Ta’uyyuu, kaayyoon Mana Barumsaa Giil’aad maal akka ta’e, jechuunis namoota irratti hirmaatan sana hojii misiraachicha addunyaa maratti lallabuuf godhamu akka raawwatan gargaaruuf ta’uusaan of yaadachiise. Kanaafuu, achuma turuuf ergan walii galee booda, qajeelchitoota addaa muuxannoo qaban, Aanaafi Maariyaa Koolparti jedhamanii wajjin qajeelchaa addaa ta’ee akkan tajaajilu Beeljiyamitti magaalaa Geent jedhamtuttan ramadame.
Maarkus: Ingiliffakoo fooyyessuu waanan qabuuf, leenjichi jalqabamuusaa ji’a shan dura Biruukiliin akkan dhaqun afeerame. Achittis kutaa Barreeffamaafi kutaa Tajaajilaa keessattan hojjedhe. Waajjira mummee keessatti hojjechuufi barreeffamoota gara Eeshiyaa, Awurooppaafi Ameerikaa Kibbaatti ergaman qopheessuurratti hirmaachuun, waa’ee waldaa obbolummaa addunyaa maraa caalaatti akkan beeku na gargaareera. Keessumaa obboleessa keenya Aleeksaandar Maakmiilaan isa bara obboleessa keenya Raasilitti piilgiriim (daawwataa olaanaa) ture hin irraanfadhu. Obboleessi kun yeroo sanatti dulloomee akkasumas gurrisaa dhaga’uu dadhabee kan ture ta’us, amanamummaadhaan walga’iiwwan gumii hundarratti argama ture. Kun baay’ee kan na dinqisiise ta’uusaarrayyuu, walga’iiwwan Kiristiyaanaa akka laayyootti ilaaluu akka hin qabne na barsiiseera.—Ibr. 10:24, 25.
Jaanii: Aniifi Maarkus torbanitti si’a hedduu walii barreessina turre. Baay’ee wal yaannee turre! Ta’uyyuu, Maarkus leenjii Giil’aaditti fudhachaa turetti baay’ee gammadee ture; anis tajaajila koorraa gammachuu guddaa argadheera. Maarkus Yunaayitid Isteetisii deebi’ee ennaa dhufu, ani qayyabannaa Macaafa Qulqulluu 17 geggeessaan ture! Waggaa tokkoofi ji’a sadiif addaan ba’uun keenya qorumsa guddaa kan ture ta’us, aarsaa kaffalleef Yihowaan akka nu eebbise argeera. Gaafa Maarkus dhufu, xiyyaarichi sa’aatii dheeraa dabarsee waan ga’eef, dhumarratti yeroo wal argannu wal hammannee boonye. Yeroo sanaa kaasee addaan baanee hin beeknu.
MIRGA TAJAAJILAA KAMIIFIYYUU BAAY’EE GALATEEFFANNA
Maarkus: Muddee 1964 Giil’aadii yeroon deebi’u, Bet’elitti akka tajaajillu afeeramne. Yeroo sanatti beekuu baannus, achitti kan tajaajillu yeroo muraasaaf ture. Ji’a sadii qofa erga achi turree booda, daawwataa olaanaa koonyaa ta’een Filaandarsitti ramadame. Aalzaniifi Eels Viikarsiman misiyoonota ta’anii Beeljiyamitti ennaa ergaman, hojii koonyaarratti ramadaman; nuyimmoo Bet’elitti kan deebine si’a ta’u, achitti Kutaa Tajaajilaa keessattan hojjedhe. Bara 1968 hanga 1980tti, hojiin nuu kennamu al baay’ee jijijjiirama ture; takkaa Bet’elitti, achiimmoo hojii daawwannaarratti ramadamna turre. Dhumarratti, bara 1980 hanga 2005tti deebi’ee daawwataa olaanaa koonyaa ta’ee tajaajileera.
Hojiin nuu kennamu yeroo hundumaa kan jijijjiiramu ta’us, garaa guutuu Yihowaa tajaajiluuf lubbuu keenya akka kennine dagannee hin beeknu. Jijjiiramni tajaajila keenyarratti godhamu kamiyyuu kaayyoonsaa hojii Mootummichaa babal’isuuf ta’uusaa waan amannuuf, hojii nuu kennamu kamittiyyuu ni gammanna turre.
Jaanii: Keessumaa yeroo Maarkus miseensa Koree Waajjira Damee ta’uuf leenjii dabalataa fudhatutti, isaa wajjin bara 1977tti Biruukiliin, bara 1997ttimmoo Paatarsan, deemuuf mirga argachuukootti baay’een gammade.
YIHOWAAN WAAN NU BARBAACHISU BEEKA
Maarkus: Jaaniin bara 1982tti yaaliin baqaqsanii hodhuu erga godhameefii booda ni fayyite. Waggaa sadii booda, gumiin Luuvan keessa jiru, gaarummaadhaan kaka’ee mana Galma Mootummaasaa gubbaa jiru nuu kenne. Waggaa 30 keessatti yeroo jalqabaatiif iddoo xinnoo kan dhuunfaa keenyaa ta’e qabaanne. Gumii tokko daawwachuuf gaafa Kibxataa mi’a keenya erga nannaqannee booda, shaanxaa keenya gad buusuuf si’a baay’ee darajaa 54rra ol ba’uufi gad bu’uun narra jira ture! Kan nama gammachiisu, bara 2002tti, manni lafarraa tokko akka nuu kennamu qophiin ni godhame. Umriinkoo waggaa 78 ennaa ta’u, qajeelchitoota addaa taanee magaalaa Lokarenitti ramadamne. Haala kanaan tajaajiluun keenyaafi ammayyuu guyyaa guyyaadhaan tajaajila ba’uu danda’uun keenya baay’ee nu gammachiisa.
“Wanti guddaan bakka itti tajaajillu ykn dandeettii qabnu utuu hin ta’in, eenyuun tajaajilla isa jedhu akka ta’e cimsinee amanna”
Jaanii: Walumatti waggaa 120 caalaa tajaajila yeroo guutuurratti dabarsineerra! Abdiin Yihowaan ‘matumaa akka nu hin dadhabneefi’ amanamummaadhaan yoo isa tajaajille ‘waan tokkollee akka hin dhabne’ dubbate dhugaa ta’uusaa jireenya keenyaan argineerra.—Ibr. 13:5; Kes. 2:7.
Maarkus: Dargaggummaa keenyatti Yihowaadhaaf of murteessine. Ofii keenyaaf waan guddaa hin hawwine. Wanti guddaan bakka itti tajaajillu ykn dandeettii qabnu utuu hin ta’in, eenyuun tajaajilla isa jedhu akka ta’e cimsinee amanna; kanaafuu hojii nuu kenname kamiyyuu fudhachuuf qophaa’oo turre.
a Waggoota hedduu booda, abbaankoo, haatikoofi obbolaankoo sadii Dhugaa Baatota ta’aniiru.