Ittiin Baafata
Fulbaana 15, 2013
© 2013 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania. All rights reserved.
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
ONKOLOOLESSA 28, 2013–SADAASA 3, 2013
Yaadachiisni Yihowaa Amanamaadha
FUULA 7 • FAARFANNAA: 34, 37
SADAASA 4-10, 2013
Garaan Keessan Yaadachiisa Yihowaatti Akka Gammadu Godhaa
FUULA 12 • FAARFANNAA: 43, 52
SADAASA 11-17, 2013
FUULA 17 • FAARFANNAA: 11, 27
SADAASA 18-24, 2013
Murtoo Dhuunfaa Ogummaarratti Hundaa’e Godhaa
FUULA 22 • FAARFANNAA: 27, 52
SADAASA 25, 2013–MUDDEE 1, 2013
Qajeelchaa Ta’uun Hariiroo Waaqayyoo Wajjin Qabnu Nuuf Cimsa
FUULA 27 • FAARFANNAA: 1, 9
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
▪ Yaadachiisni Yihowaa Amanamaadha
▪ Garaan Keessan Yaadachiisa Yihowaatti Akka Gammadu Godhaa
Yihowaan sabasaa geggeessuuf yeroo hunda yaadachiisatti ni fayyadama. Yaadachiisni kun maalfaa dabalata? Matadureen jalqabaa, yaadachiisa Waaqayyootti amanamuu kan dandeenyu maaliif akka ta’e ibsa. Inni ittaanummoo, karaa yaadachiisa Yihowaarratti amantii cimaa qabaachuu itti dandeenyu sadii ibsa.
▪ Jijjiirama Gootaniittuu?
▪ Murtoo Dhuunfaa Ogummaarratti Hundaa’e Godhaa
Akkaataan guddinaafi naannoon keenya ilaalchaafi filannaa keenyarratti dhiibbaa guddaa qabu. Murtoon keenya fedhii Waaqayyoo wajjin kan walsimu ta’uusaa mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu akkamitti? Akkasumas, tarkaanfii murtoo keenyaa wajjin walsimu fudhachuuf maaltu nu gargaaruu danda’a? Matadureewwan kun, gama kanaan maal akka fakkaannu haqaan of qoruuf nu gargaaru.
▪ Qajeelchaa Ta’uun Hariiroo Waaqayyoo Wajjin Qabnu Nuuf Cimsa
Karaawwan Kiristiyaanni tokko qajeelchaa ta’uunsaa walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu isaaf cimsuu itti danda’u saddeet ilaalla. Qajeelchaa yoo taatan, haalawwan rakkisaa ta’an utuma jiranii itti fufuuf maaltu isin gargaaruu danda’a? Eebbawwan qajeelchaa ta’uudhaan argaman argachuu kan barbaaddan taanaan maal gochuu dandeessu?
MATADUREEWWAN DABALATAA
3 Yaadawwan Walbira Qabamanii Ibsamanirraa Faayidaa Argadhaa
FAKKII QOLASAARRA JIRU: Naannoo Amaazon, kaaba Peeruutti, carraawwan karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uuf dandeessisan hedduun jiru
PEERUU
BAAY’INA UUMMATAA
29,734,000
BAAY’INA BABAL’ISTOOTAA
117,245
NAMOOTA WAGGOOTA SHANAN DARBAN KEESSATTI CUUPHAMAN
28,824
Peeruutti, barreeffamoonni keenya afaan ja’aan hiikamaa jiru. Qajeelchitoonni addaafi misiyoononni 120 caalan afaan Ispaanishiin alattis ni lallabu