Ittiin Baafata
Onkoloolessa 15, 2013
© 2013 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania. All rights reserved.
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
MUDDEE 2-8, 2013
Uumamni Waaqa Isa Jiraataa Mul’isa
FUULA 7 • FAARFANNAA: 9, 15
MUDDEE 9-15, 2013
“Yihowaa Akka Garbaatti Tajaajilaa”
FUULA 12 • FAARFANNAA: 31, 25
MUDDEE 16-22, 2013
Kadhannaa Irratti Yaadamee Dhihaaterraa Baradhaa
FUULA 21 • FAARFANNAA: 38, 6
MUDDEE 23-29, 2013
Kadhannaa Yesusii Wajjin Haala Walsimuun Jiraadhaa
FUULA 26 • FAARFANNAA: 22, 6
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
▪ Uumamni Waaqa Isa Jiraataa Mul’isa
Waaqni ijaan hin mul’anne, uumama cufaa ijaan mul’atu uumeera. Kana guutummaatti ni amantaa? Kana kan amanan namoota hunda miti. Namoonni kaan dhugaa waa’ee Uumaa dubbatu akka hubatan gargaaruufi amantii isarratti qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Mataduree kana keessatti gaaffiiwwan kanaaf deebii arganna.
▪ “Yihowaa Akka Garbaatti Tajaajilaa”
Kiristiyaanonni garboota Yihowaa akka ta’an gorsi isaanii kennameera. Matadureen kun, qophii Seerri Musee garbootaaf godhe maal akka ta’e, Seexanaafi wantoota biyyi lafaa inni bulchuu dhiheessuuf garba ta’uurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e, akkasumas amanamummaadhaan Waaqayyoof hojjechuun kan nama kiisu akkamitti akka ta’e nu barsiisa.
▪ Kadhannaa Irratti Yaadamee Dhihaaterraa Baradhaa
▪ Kadhannaa Yesusii Wajjin Haala Walsimuun Jiraadhaa
Guyyaa hundumaa Dubbii Waaqayyoorratti kan xiinxallu yoo ta’e, kadhannaan keenya caalaatti hiika qabeessa ta’a. Matadureen jalqabaa, kun dhugaa ta’uunsaa, kadhannaa Lewwoonni saba Waaqayyoo bakka bu’uudhaan dhiheessanirratti kan mul’ate akkamitti akka ta’e ibsa. Matadureen lammaffaanimmoo, kadhannaa jaalalarratti hundaa’eefi Yesus dhiheesse keessaa isa tokko akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu ibsa. Kadhannaawwan lamaanuu, fedhii keenyarra fedhii Yihowaa dursuu ilaalchisee fakkeenya kan ta’anidha.
MATADUREEWWAN DABALATAA
3 Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Filippiinsi
17 Yihowaatti Hirkachuun Eebba Argamsiisa
31 Namoota Akeekkachiisuuf Kana Caalaa Gochuu Ni Dandeessaa?
FAKKII QOLASAARRA JIRU: Babal’isaa magaalaa xinnoo Haroo Atitlaan bira jirtuufi Paanajaachal jedhamtutti lallabaa jiru. Dhugaa Baatonni Guwaatimaalaatti argaman afaan Ispaanishiin dabalatee afaan biyyatti 11n misiraachicha lallabu
GUWAATIMAALAA
BAAY’INA UUMMATAA:
15,169,000
BAAY’INA BABAL’ISTOOTAA:
34,693
QAYYABANNAA MACAAFA QULQULLUU:
47,606