Kadhannaa Yesusii Wajjin Haala Walsimuun Jiraadhaa
“Yaa abbaa, . . . ilmi kee ulfina akka siif kennuuf, ilma kee gara ulfinaatti ol fudhadhu.”—YOH. 17:1.
1, 2. Yesus Dh.K.B. bara 33tti, ergamootasaa amanamoo ta’anii wajjin Ayyaana Faasikaa erga kabajee booda maal godhe?
YEROONSAA galgala Niisaan 14 Dh.K.B bara 33 ture. Yesusiifi duuka buutonnisaa, Ayyaana Faasikaa isa Waaqayyo abbootasaanii garbummaa Gibxii jalaa akkamitti akka baase isaan yaadachiisu kabajaniiru. Amma garuu bartoonnisaa amanamoon “furee bara baraa” argachuuf jedhu. Guyyaa ittaanutti, Geggeessaansaanii inni cubbuu tokkollee hin qabne diinotasaatiin ajjeefamuuf jedha. Haata’u malee, gochi jibbiinsaan raawwatame kun eebba kan argamsiisu ta’a. Dhiigni Yesus, cubbuufi du’a jalaa bilisa isaan baasuudhaan fayyina ilmaan namootaatiif bu’uura ta’a.—Ibr. 9:12-14.
2 Yesus, kennaan jaalalarratti hundaa’e kun akka hin dagatamneef, ayyaana waggaatti si’a tokko kabajamuufi Ayyaana Faasikaa bakka bu’e hundeesse. Kana kan godhe, maxinoo raacitii hin qabne ergamootasaa 11, warra amanamoo ta’aniif kennuudhaan si’a ta’u, achiis, “Kun dhagna koo ti isiniif kan kennamu, kanas seenaa kootiif godhadhaa!” isaaniin jedhee ture. Xoofoo wayinii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga godhee booda, “Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga koo isa isiniif jedhee dhangala’uun dhaabatuu dha” isaaniin jedhe.—Luq. 22:19, 20.
3. (a) Du’a Yesusii wajjin haala wal qabateen jijjiirama guddaa akkamiitu godhame? (b) Kadhannaa Yesus dhiheesseefi Yohannis boqonnaa 17rratti argamuu wajjin haala wal qabateen gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?
3 Seerri kakuu inni moofaan Waaqayyoofi saba dhalootaan Israa’el ta’an gidduutti hundeeffame diigamuuf jedha ture. Achiis, kakuu haaraa isa Yihowaafi duuka buutota Yesus warra dibamtoota ta’an gidduutti galameen bakka bu’e. Yesus namoota karaa hafuuraa saba Waaqayyoo ta’an kanaaf baay’ee yaada. Sabni dhalootaan Israa’el ta’an, amantiidhaanis ta’e qomoodhaan hiramuudhaan maqaan Yihowaa inni qulqulluun akka arrabsamu godhanii turan. (Yoh. 7:45-49; HoE. 23:6-9) Faallaa kanaatiin, Yesus duuka buutonnisaa waliin ta’anii maqaa Waaqayyootiif ulfina fiduu akka danda’aniif guutummaatti tokko akka ta’an barbaadee ture. Kanaaf Yesus maal godhe? Kadhannaa hunda caaluufi namni hundi dubbisuu danda’u dhiheesse. (Yoh. 17:1-26; fakkii jalqabarra jiru ilaali.) Mee “Waaqayyo kadhannaa Yesus dhiheesseef deebii kenneeraa?” Akkasumas “Kadhannaa inni dhiheessee wajjin haala walsimuun jiraachaan jiraa?” jennee of haa gaafannu.
WANTA YESUS DURSA KENNAAFII TURE
4, 5. (a) Wanta Yesus kadhannaasaarratti dursa kenneefirraa maal baranna? (b) Yihowaan kadhannaa Yesus jireenyasaa gara fuulduraa ilaalchisee dhiheesseef deebii akkamii kenne?
4 Yesus galgala sana barumsa bakka guddaa qabuufi Waaqayyo biraa dhufe bartootasaa barsiisee ture. Achiis gara waaqaatti ol ilaalaa akkas jedhee kadhate: “Yaa abbaa, yerichi ga’eera, ilmi kee ulfina akka siif kennuuf, ilma kee gara ulfinaatti ol fudhadhu. Akkuma ati foon-qabeessa hundumaa irratti aboo isaaf kennite, inni immoo warra ati isaaf kennite hundumaaf jireenya bara baraa haa kennuuf . . . Ani lafa irratti ulfina siif kenneera, hojii akka ani hojjedhuuf ati anaaf laattes raawwadheera. Ammas yaa abbaa, ulfina isa utuu biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qaba tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni!”—Yoh. 17:1-5.
5 Wanti Yesus dursa kennuuf maal akka ta’e jalqaba kadhannaasaarraa hubadhaa. Hunda caalaa kan isa yaaddesse, abbaansaa ulfina argachuusaa ture; kunimmoo seensa kadhannaa Yesus akka fakkeenyaatti barsiiserratti kan argamu si’a ta’u, “Yaa abbaa, yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee haa qulqullaa’u!” jedha. (Luq. 11:2) Lammaffaarratti Yesusiin kan yaaddesse duuka buutonnisaa ‘jireenya barabaraa argachuufi’ dhiisuusaanii ture. Achiis Yesus, “Yaa abbaa, ulfina isa utuu biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qaba tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni!” jechuudhaan ofiisaatiif kadhate. Yihowaan wanta inni gaafate caalaa, jechuunis ‘maqaa maqaa ergamootaa caalaa beekamaa ta’e’ isaaf kennuudhaan Ilmasaa isa amanamaa kana kiiseera.—Ibr. 1:4.
‘WAAQA DHUGAA ISA TOKKICHA BEEKUU’
6. Ergamoonni Yesus jireenya barabaraa argachuuf maal gochuu qabu turan? Gama kanaan milkaa’ina argachuusaanii beekuu kan dandeenyu akkamitti?
6 Yesus kadhannaasaa keessatti, cubbamoo waan taaneef, jireenya barabaraa isa kennaa nuuf hin malle ta’e argachuuf maal gochuu akka qabnus caqaseera. (Yohannis 17:3 dubbisi.) Waa’ee Waaqayyoofi waa’ee Kiristos ‘beekumsa’ argachuu keenya itti fufuu akka qabnu dubbateera. Karaa kana gochuu itti dandeenyu keessaa inni tokkommoo, Yihowaafi Ilmasaa caalaatti beekuuf ijaafi gurra keenyatti sirriitti fayyadamuudha. Karaa barumsa itti argachuu dandeenyu keessaa inni kan biraan, gammachuu wanta baranne hojiirra oolchuudhaan argamurratti xiinxaluudha. Yesus kadhannaasaarratti itti fufuudhaan, “Dubbii ati anaaf kennite hundumaa ani immoo isaaniif kenneera. Isaanis fudhatanii[ru]” waan jedheef, bartoonnisaa tarkaanfii jireenya argamsiisu kana fudhataniiru jechuun ni danda’ama. (Yoh. 17:8) Haata’u malee jireenya barabaraa argachuuf, wanta Dubbiin Waaqayyoo jedhurratti xiinxaluufi jireenyasaanii keessatti hojiirra oolchuu qabu. Ergamoonni Yesus warri amanamoo ta’an jireenyasaanii isa lafarraa hamma xumuranitti akkas gochuudhaan milkaa’ina argataniiruu? Akka argatan hin shakkisiisu. Maqaan hundasaanii haala baduu hin dandeenyeen dhagaa bu’uuraa 12n Yerusaalem Haaraa ishee samii keessaarratti waan barreeffameef, milkaa’ina akka argatan beekuu ni dandeenya.—Mul. 21:14.
7. Waaqayyoon “beekuu” jechuun maal jechuudha? Kunoo baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
7 Akka hayyoonni afaan Giriikii ibsanitti, jechi afaan Giriikii “beekuu” jedhamee hiikame, “beekuusaanii itti fufuu qabu” jedhamee hiikamuu ni danda’a. Hiikni kun yaada hir’ate kan guutu waan ta’eef baay’ee barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Ibsa Dabalataa Qabu, miiljalee Yohannis 17:3rratti karaa garabiraatiin “si beekuunsaanii” jedhee kaa’eera. Kanaaf, yaanni “beekuu” jedhu Waaqayyoon baruun kan danda’amu, ‘beekumsa’ itti fufiinsa qabu argachuudhaan akka ta’e kan argisiisudha. Haata’u malee, Qaama olaanaa uumama cufa keessa jiru beekuun, waa’ee amalootaafi kaayyoo Waaqayyoo beekumsa qabaachuu caalaa waan dabalatu qaba. Yihowaa beekuun, isaafi obboloota keenyaaf jaalala cimaa qabaachuu kan dabalatudha. Macaafni Qulqulluun, “Namni hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne” jedha. (1 Yoh. 4:8) Kanaaf, Waaqayyoon beekuun isaaf abboomamuu kan dabalatudha. (1 Yohannis 2:3-5 dubbisi.) Namoota Yihowaa beekaa jiran keessaa akka isa tokkootti lakkaa’amuun keenya mirga guddaadha! Haata’u malee, akkuma Yihudaa isa biyya Keriyot mudate, hariiroon bakka guddaa qabu kun baduu danda’a. Hariiroo kana akka hin dhabneef carraaqqii cimaa haa goonu. Akkas yoo goone, ulaagaa namoota kennaan jireenya barabaraa kennamuufirraa barbaadamu guutuu dandeenya.—Mat. 24:13.
“MAQAA KEETIIF JEDHIITII”
8, 9. Yesus yommuu lafarra tajaajilaa turetti, wanti baay’ee isa yaaddessu maal ture? Aadaa amantii kamiin mormuu qaba ture?
8 Kadhannaa Yesus dhiheesseefi Yohannis boqonnaa 17rratti argamu erga dubbisee booda, Yesus ergamootasaa warra yeroo sana turan qofa utuu hin ta’in, warra gara fuulduraatiifis jaalala guddaa akka qabu namni shakkuu danda’u jiraa? (Yoh. 17:20) Haata’u malee, wanti hunda caalaa Yesusiin yaaddessu fayyina keenya akka hin taane hubachuu qabna. Tajaajilasaa isa lafarraa jalqabee hamma xumurutti kaayyoon Yesus inni guddaan maqaan Abbaasaa akka qulqulleeffamuufi ulfina akka argatu gochuu ture. Fakkeenyaaf, mana qulqullummaa Naazireet keessatti hojiisaa yommuu beeksisu, maraa macaafa Isaayaasirraa yaada, “Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera” jedhu dubbiseera. Yesus waa’ee hojiisaa yommuu dubbise sanatti, maqaa Waaqayyoo waamee akka ture hin shakkisiisu.—Luq. 4:16-21.
9 Aadaa Yihudootaa isa Yesus gara lafaa dhufuusaa dura turerraa hubachuun akka danda’amutti, geggeessitoonni amantii namoonni maqaa Waaqayyootti akka hin fayyadamne godhanii turan. Yesus aadaa Macaafa Qulqulluurratti hin hundoofne akkasii ija jabinaan mormee akka ture hin shakkisiisu. Namoota isa mormaniin, “Ani maqaa abbaa kootiin nan dhufe, isin garuu ana hin simanne; kan biraa maqaa ofii isaatiitiin yoo dhufe, isa immoo in simattu” jedhee ture. (Yoh. 5:43) Achiis, du’uusaa guyyoota muraasa dura, kadhannaasaarratti wanta baay’ee isa yaaddessu, “Yaa abbaa maqaa kee ulfeessi, guddisi!” jechuudhaan ibsee ture. (Yoh. 12:28) Kanaaf, Yesus waa’een maqaa Abbaasaa akka isa yaaddessu guutummaa kadhannaasaa isa amma qoraa jirrurratti ibsuunsaa kan nama ajaa’ibsiisu miti.
10, 11. (a) Yesus maqaa Abbaasaa beeksisuunsaa maalfaa dabalata? (b) Bartoonni Yesus kaayyoo akkamii yaadatti qabatanii tajaajilu?
10 Yesus akkas jechuudhaan kadhatee ture: “Biyya lafaa keessaa warra ati anaaf laattetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan, ati immoo anaaf isaan laatte; isaanis dubbii kee eeganiiru. Ammas ani si’achi biyya lafaatti hin argamu, isaan garuu biyya lafaa keessa jiru; ani immoo gara kee nan dhufa. Yaa abbaa qulqulluu, akkuma nuyi tokko taane, warri ati anaaf kennites tokko akka ta’aniif, maqaa keetiin [“maqaa keetiif jedhiitii,” NW] isaan eegi!”—Yoh.17:6, 11.
11 Maqaa Abbaasaa bartootasaatti beeksisuun, maqicha isaanitti himuu caalaa waan dabalatu qaba. Yesus, wantoota maqaan Waaqayyoo bakka bu’u, jechuunis amalootasaafi akkaataa inni itti nu qabu akka beekanis isaan gargaareera. (Bau. 34:5-7) Hunda caalaammoo, Yesus samii iddoo itti ulfina guddaa argate taa’uudhaan, bartoonnisaa maqaa Yihowaa guutummaa lafaarratti akka beeksisan gargaaruusaa itti fufeera. Kun kan ta’u kaayyoo akkamii yaadatti qabachuudhaani? Sirni hamaan kun baduusaa dura, bartoonni baay’een akka walitti qabaman yaadatti qabachuudhaani. Sana booda, Yihowaan Dhugaa Baatotasaa amanamoo ta’an oolchuuf yommuu tarkaanfii fudhatu, maqaansaa haala dinqisiisaa ta’een akka beekamu godha.—His. 36:23.
‘BIYYI LAFAA HAA BEEKUUF’
12. Hojii lubbu baraarsaa hojjennurratti milkaa’ina argachuuf wantoonni nu barbaachisan sadan maalfa’i?
12 Yesus yommuu lafarra turetti, dadhabinasaanii mo’uu akka danda’an bartootasaa gargaareera. Hojii Yesus jalqabee ture xumuruuf dadhabina qaban mo’uunsaanii barbaachisaa ture. Yesus, “Akka ati biyya lafaatti na ergite, anis akkasuma biyya lafaatti isaan ergeera” jechuudhaan kadhannaa dhiheesseera. Yesus, hojii lubbu baraarsaa isaan irratti hirmaatan kanarratti milkaa’ina argachuuf, wanti sadii barbaachisaa ta’uusaa jabeessee ibseera. Tokkoffaa, bartoonnisaa kutaa biyya lafaa Seexanni bulchuufi xuraa’aa ta’e kanaa akka hin taane kadhannaa dhiheesseera. Lammaffaa, bartoonnisaa dhugaa Dubbii Waaqayyoo hojiirra oolchuudhaan, qulqulluu ta’anii jiraachuun akka isaan barbaachisu ibseera. Sadaffaa, Yesus bartoonnisaa jaalala inniifi Abbaansaa waliif qaban qabaachuudhaan tokko akka ta’an irra deddeebi’ee kadhannaa dhiheesseera. Kun hundi keenya of qoruu akka qabnu kan nu yaadachiisudha. ‘Wantoota Yesus kadhannaasaarratti gaafate kana sadanii wajjin haala walsimuun jiraachaan jiraa?’ jennee of gaafachuu qabna. Yesus wantoota kanaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan, “biyyi lafaa abbaansaa akka isa erge akka beeku” abdii qabu ibseera.—Yohannis 17:15-21 dubbisi.
Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaa tokkummaadhaan akka hojjetan hafuurri qulqulluu isaan gargaareera (Keeyyata 13 ilaali)
13. Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti kadhannaan Yesus deebii kan argate akkamitti?
13 Kadhannaan Yesus dhiheesse deebii akka argate, kitaaba Macaafa Qulqulluu isa Wangeelotatti aanee argamu, jechuunis macaafa Hojii Ergamootaarraa hubachuun ni danda’ama. Mee garaagarummaa Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa warra Yihudootaafi Yihudoota hin taane, sooressaafi hiyyeessa, akkasumas garba ykn hojjetaafi hojjechiisaa ta’an gidduu ture yaadaa. Garaagarummaan akkasii jiraatus, tokkummaa cimaa waan qabaniif hundisaanii kutaalee qaama tokkoo akka ta’aniifi Yesusimmoo mataasaanii akka ta’e ibsameera. (Efe. 4:15, 16) Kun hojii dinqisiisaa addunyaa Seexanaa isa qoqqoodamaa ta’e gidduutti hojjetamedha! Kana hundaaf galateeffatamuu kan qabu, Yihowaa isa hafuurasaa humna qabeessa ta’etti fayyadamuudhaan wanti kun hundi akka raawwatamu godhedha.—1 Qor. 3:5-7.
Sabni Yihowaa addunyaa mararra jiran tokko ta’aniiru (Keeyyata 14 ilaali)
14. Kadhannaan Yesus dhiheesse bara keenyatti deebii kan argate akkamitti?
14 Kan nama gaddisiisu garuu, tokkummaan dinqisiisaa ta’e kun bartoonni Yesus erga du’anii booda itti fufuu hin dandeenye. Kanaa mannaa, akkuma dursee dubbatame, gantummaa guddaan Sabni Kiristiyaanaa garee addaddaa qabu akka uumamu godheera. (HoE. 20:29, 30) Haata’u malee, bara 1919tti, Yesus duuka buutotasaa dibamoo ta’an dhiibbaa amantii sobaa jalaa kan baase si’a ta’u, jaalala isa “wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu[un]” tokko isaan godheera. (Qol. 3:14) Hojiin lallabaa isaan raawwatan kutaalee addunyaa kaanirratti dhiibbaa akkami geessise? ‘Hoolonni kan biraan’ miliyoona torbaa ol ta’aniifi “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan,” dibamtootaa wajjin karra tokko ta’aniiru. (Yoh. 10:16; Mul. 7:9) Kun deebii ajaa’ibsiisaa kadhannaa Yesus, “Biyyi lafaas ati [Waaqayyo] na erguu kee, akkuma na jaallattes isaan immoo jaallachuu kee haa beeku!” jechuudhaan dhiheesseef kennamedha.—Yoh. 17:23.
XUMURA NAMA HAWWATU
15. Yesus ergamootasaa warra dibamoo ta’an ilaalchisee kadhannaasaarratti gaaffii addaa akkamii gaafatee ture?
15 Galgala Niisaan 14tti, Yesus ergamoonnisaa Mootummaasaa keessatti isaa wajjin akka bulchan kakuu isaaniif galuudhaan akka isaan kabaju argisiiseera. (Luq. 22:28-30; Yoh. 17:22) Kanaaf, namoota duuka buutotasaa dibamoo ta’an hunda ilaalchisee akkas jedhee kadhateera: “Yaa abbaa, isaan ati anaaf kennite kun iddoon ofii jiraadhu haa jiraataniif, ulfina isa ati biyyi lafaa utuu hin uumamin waan na jaallatteef anaaf laattes, haa arganiif nan fedha.” (Yoh.17:24) Kun, hoolonni kan biraan akka hinaafan utuu hin ta’in akka gammadan kan godhu ta’uusaarrayyuu, tokkummaa Kiristiyaanota dhugaa yeroo har’aa jiran hunda gidduu jiru kan mirkaneessudha.
16, 17. (a) Yesus xumura kadhannaasaarratti waa’ee murtoo akkamii caqase? (b) Maal gochuuf murteessuu qabna?
16 Namoonni baay’een addunyaarra jiran, geggeessitoonni amantiisaanii dhiibbaa waan isaanirratti godhaniif, ragaa amansiisaa Yihowaan namoota tokkummaa qabaniifi dhugumaan isa beekan akka qabu argisiisu mormuu filataniiru. Haalli kun bara Yesus lafarra turettis kan turedha. Kadhannaasaa akka armaan gadii jechuudhaan kan xumure kanaafidha: “Yaa abbaa ko, qajeelaa! Biyyi lafaa kun si hin beeku, ani garuu si beeka, isaan kunis immoo ati akka na ergite beekaniiru. Maqaan kee isaan biratti akka beekamu godheera, jaalalli ati ittiin na jaallatte isaan keessa akka jiraatuuf, anis isaan keessa akkan jiraadhuuf, ammas akka beekamu nan godha.”—Yoh. 17:25, 26.
17 Yesus haala kadhannaasaa wajjin walsimuun akka jiraate namni haalu jiraa? Mataa gumii Kiristiyaanaa waan ta’eef, maqaafi kaayyoo Abbaasaa akka beeksifnu nu gargaaruusaa itti fufeera. Abboommii inni akka lallabnuufi duuka buutota akka goonu nuu kenneef ajajamuudhaan, kabaja matummaasaatiif qabnu argisiisuu keenya itti haa fufnu. (Mat. 28:19, 20; HoE. 10:42) Tokkummaa keenya eeguufis carraaqqii cimaa haa goonu! Yoo akkas goone, kadhannaa Yesusii wajjin haala walsimuun jiraachuu, jechuunis maqaa Yihowaatiif ulfina fiduufi gammachuu barabaraa argachuu dandeenya.