MATADUREE FUULA JALQABAA | DUUTI DHUMA WAAN HUNDUMAATII?
Miidhaa Duuti Nurraan Gaʼu
Waaʼee duʼaa haasaʼuun wanta nama hin gammachiisnedha. Namoonni hedduun waaʼee duʼaa kaasuuyyuu hin barbaadan. Haataʼu malee oolee bulee hunda keenyarra gaʼuunsaa hin oolu. Miidhaan sababa duʼaatiin namarra gaʼu cimaafi kan nama hubudha.
Gaddi warra, hiriyaa gaaʼelaa ykn ijoollee duʼaan dhabuun namarra gessisu hundarrayyuu ulfaataadha. Haalli gaddisiisaan akkasii akka tasaa ykn yeroo booda namarra gaʼuu dandaʼa. Haallisaa maaliyyuu yoo taʼe, miidhaa duuti nurraan geessisu jalaa baʼuu hin dandeenyu.
Antooniyoo inni balaa konkolaataatiin abbaasaa duʼaan dhabe akkas jedheera: “Haallisaa akkuma waan namni taʼe tokko mana keessan cufee furtuusaa fudhee deemeeti. Yeroo murtaaʼeefillee gara mana keessaniiti deebiʼuu hin dandeessan. Isa darbe yaadachuurraan kan hafe wanti gochuu dandeessan hin jiru. Haallisaa wanta matumaa baqachuun hin dandaʼamnedha. ‘Kun matumaa taʼuu hin dandaʼu’ jettanii waan yaaddaniif haalicha amantanii fudhachuun isinitti ulfaata; taʼus wanti gochuu dandeessan hin jiru.”
Dooratii isheen umrii waggaa 47tti abbaa manaashee duʼaan dhabde, gaaffilee tokko tokkoof deebii argachuu barbaaddee turte. Dooratiin duʼa booda jireenyi akka jiru waldaa keessatti ijoollee kan barsiistu taʼus, erga duunee booda maal akka taanu sirriitti hin beektu turte. Qeesii waldaa Aanjalikaanii tokkoon, “Yeroo duunu maal taana?” jettee kan gaafatte siʼa taʼu innis, “Namni kana beeku hin jiru; maal akka taanu kan beekuu dandeenyu yeroo nurra gaʼu qofadha” jedheen.
Yeroo duunu maal akka taanu beekuudhaaf dhuguma hamma nurra gaʼutti eeguu qabnaa? Duuti dhuma waan hundumaa taʼuufi dhiisuusaa karaan mirkanaaʼaa taʼuu itti dandeenyu jiraa?