LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 29 qabxiilee 1-5
  • Yeroo Duunu Maal Taana?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo Duunu Maal Taana?
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Warri Duʼan Eessa Jiru?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Namoonni Duʼan Abdii Maalii Qabu?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Yeroo Duunu Eessa Dhaqna?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Yommuu Duunu Maal Taana?
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 29 qabxiilee 1-5
Barumsa 29. Hiriyoonni gaaʼelaa siidaa awwaalchaa bira dhaabatanii yommuu kadhatan.

BARUMSA 29

Yeroo Duunu Maal Taana?

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Nama jaallattu duʼaan dhabdee beektaa? Yeroo ulfaataa taʼe sanatti, ‘Yeroo duunu maal taana? Namoota jaallannu hoo deebisnee argachuu dandeenyaa?’ jettee gaafatteetta taʼa. Barumsa kanaa fi isa itti aanu irratti, deebii Kitaabni Qulqulluun kennuu fi nama jajjabeessu ilaalla.

1. Yeroo duunu maal taana?

Yesuus duʼa hirriba cimaa wajjin wal fakkeesseera. Duuti hirribaa wajjin kan wal fakkaatu akkamitti? Namni hirriba cimaa keessa jiru wanta naannoo isaatti raawwatamaa jiru hin beeku. Haaluma wal fakkaatuun, namni tokko erga duʼee booda gaddi isatti hin dhagaʼamu ykn karaa taʼe tokkoon hin dhiphatu. Kitaabni Qulqulluun, “Warri duʼan . . . homaa hin beekan” jedha.—Lallaba 9:5 dubbisi.

2. Waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

Namoonni hedduun duʼas taʼe namoota duʼan ni sodaatu! Duʼa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu beekuun kee garuu si jajjabeessa. Yesuus, “Dhugaan . . . bilisa isin baasa” jedheera. (Yohaannis 8:32) Kitaabni Qulqulluun akka dhaabbilee amantaa tokko tokkoo, lubbuun hin duunee fi duʼa booda jiraachuu ishii itti fuftu akka jirtu hin barsiisu. Namni erga duʼee booda hin dhiphatu. Kana malees, namoonni duʼan waan tokko iyyuu waan hin beekneef nu miidhuu hin dandaʼan. Kanaafuu, namoota duʼan gammachiisuuf yaaluun ykn isaan waaqeffachuunii fi gara isaanitti kadhannaa dhiheessuun nu hin barbaachisu.

Namoonni tokko tokko namoota duʼanii wajjin wal qunnamuu akka dandaʼan dubbatu. Kun garuu matumaa wanta hin dandaʼamne dha. Akkuma olitti ilaalle, namoonni duʼan “homaa hin beekan.” Namoonni warra duʼanii wajjin wal qunnamuu akka dandaʼan dubbatan, kan wal qunnaman jinniiwwan namoota duʼan sana fakkaatanii mulʼatanii wajjini dha. Kanaafuu, waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun keenya jinniiwwan irraa nu eega. Yihowaan jinniiwwanii wajjin wal qunnamuun miidhaa akka nu irraan geessisu waan beekuuf namoota duʼanii wajjin wal qunnamuuf akka hin yaalle nu akeekkachiiseera.—Keessa Deebii 18:10-12 dubbisi.

CAALAATTI BARADHU

Duʼa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu caalaatti baradhu, akkasumas amantii Waaqa jaalala qabeessa namoota duʼan hin adabne irratti qabdu cimsadhu.

Namichi tokkoo fi ijoolleen isaa xixinnoon lamaan sirna awwaalchaa haadha manaa isaa fi haadha ijoollee irratti barcuma dalgee irra taaʼanii jiran. Michootaa fi maatii isaanii isaan jajjabeessuu fi isaan deggeruuf dhufanii wajjin.

3. Haala warri duʼan keessatti argaman baradhu

Namoonni addunyaa maratti argaman erga duunee booda wanta nu irra gaʼu ilaalchisee ilaalcha garaa garaa qabu. Haa taʼu malee, ilaalchi isaanii kun hundi dhugaa taʼuu hin dandaʼu.

  • Haala namoonni duʼan keessa jiran ilaalchisee namoonni naannoo kee jiran maal jedhanii amanu?

Wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu beekuuf, VIIDIYICHA taphachiisaa.

VIIDIYOO: Namoonni Duʼan Haala Akkamii Keessatti Argamu?—Gabaabfamee kan Fudhatame (1:19)

Fakkii viidiyoo ‘Namoonni Duʼan Haala Akkamii Keessatti Argamu?—Gabaabfamee kan Fudhatame’ jedhamu irraa fudhatame. Fakkiiwwan: 1. Reeffa siree mana yaalaa irra ciisee jiru. 2. Nama baaburaan utuu deemaa jiru namoota lama gidduu taaʼee mugaa jiru.

Lallaba 3:20 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Akka caqasni kun jedhutti, namni tokko erga duʼee booda maal taʼa?

  • Caqasni kun namni tokko erga duʼee booda lubbuun ykn hafuurri isaa bakka kan biraa jiraachuu isaa akka itti fufu argisiisaa?

Kitaabni Qulqulluun waaʼee duʼa Alaazaar isa michuu Yesuus turee nutti hima. Yohaannis 11:11-14 yeroo dubbistanitti, haala Alaazaar keessa ture ilaalchisee wanta Yesuus jedhe hubachuuf yaalaa. Achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yesuus duʼa maalii wajjin wal fakkeesse?

  • Kun hoo haala namoonni duʼan keessa jiran ilaalchisee maal nu barsiisa?

  • Duʼa ilaalchisee wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu sirrii sitti fakkaataa?

4. Waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun keenya nu fayyada

Waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun keenya namoota duʼan akka hin sodaanne nu gargaara. Lallaba 9:10 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Namoonni duʼan nu miidhuu dandaʼuu?

Kana malees, dhugaa Kitaabni Qulqulluun barsiisu beekuun keenya namoota duʼan gammachiisuuf yaaluu ykn waaqeffachuu irraa fagaachuuf nu gargaara. Isaayyaas 8:19 fi Mulʼata 4:11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Nama warra duʼan waaqeffatu ykn gargaarsa namoota duʼanii argachuuf yaalu ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama jettee yaadda?

Fakkiiwwan: Barsiifatawwan namoota duʼaniif kabaja kennuu wajjin wal qabatan. 1. Namni tokko siidaa awwaalaa duratti jilbeenfatee kadhachaa fi aarsaa nyaataa dhiheessaa jira. 2. Namoota shubbisaa jiran sadii. 3. Namoota guyyaa namoonni itti duʼan kabajamutti hiriira galuudhaan maaskii mataatti kaaʼatanii fi boca lafee guddaa baatanii deeman.

Duʼa ilaalchisee dhugaa isaa beekuun keenya, barsiifatawwan Yihowaa hin gammachiisne irraa bilisa nu baasa

5. Waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun keenya nu jajjabeessa

Namoonni hedduun yeroo duʼanitti cubbuu duʼuu isaanii dura raawwataniin akka adabaman barataniiru. Haa taʼu malee, nama cubbuu cimaa raawwate dabalatee namni kam iyyuu erga duʼee booda akka hin dhiphanne beekuun keenya nu jajjabeessa. Roomaa 6:7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Akkuma amma Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisne, namni tokko yeroo duʼu cubbuu irraa bilisa baʼa ykn cubbuu irraa hiikama; maarree namni tokko erga duʼee booda dogoggora kanaan dura raawwateen kan kaʼe dhiphachaa waan jiru sitti fakkaataa?

Waaʼee Yihowaa caalaatti beekaa yommuu deemnu, inni namoota duʼan matumaa akka hin dhiphisne hubachaa deemna. Keessa Deebii 32:4 fi 1 Yohaannis 4:8 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Waaqni amaloota caqasoota kana keessatti ibsaman qabu namoonni duʼan akka dhiphatan ni godhaa?

  • Duʼa ilaalchisee dhugaa jiru beekuun kee si jajjabeesseeraa? Maaliif?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Ergan duʼee booda nan dhiphadha jedheen sodaadha.”

  • Maarree yeroo kanatti caqasoota Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessan kamfaa isaanitti argisiisuu dandeessa?

MAAL BARATTE?

Namni tokko yeroo duʼu jireenyaa ala taʼa. Namoonni duʼan hin dhiphatan, warra lubbuudhaan jiranis miidhuu hin dandaʼan.

Irra Deebii

  • Yeroo duunu maal taana?

  • Waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

  • Waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun keenya kan nu jajjabeessu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “lubbuu” jedhu maal jechuu akka taʼe dubbisi.

“Lubbuun Maali Dha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Waaqayyo namoota hamoo ibidda bara baraatiin kan adabu taʼuu fi dhiisuu isaa qoradhu.

Siʼool Dhuguma Bakka Namoonni Itti Gubatani Dhaa? (3:07)

Namoota duʼan sodaachuu qabnaa?

Ekeraan Namoota Duʼanii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Dandaʼuu? Dhugumaanoo Jiruu? (birooshura)

Namichi tokko yeroo duunu maal akka taanu ilaalchisee dhugaa isaa beekuun isaa kan isa jajjabeesse akkamitti akka taʼe dubbisi.

“Kitaabni Qulqulluun Deebii Ifaa fi Amansiisaa Taʼe Akka Kennu Beekuun Koo Baayʼee Na Dinqisiise” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi