LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fg barumsa 6 gaaffilee 1-5
  • Namoonni Duʼan Abdii Maalii Qabu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoonni Duʼan Abdii Maalii Qabu?
  • Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo Duunu Maal Taana?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Jaalleewwan Kee Warri Duʼan Abdii Akkamii Qabu?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Michoonni Keenya Warri Du’an Abdii Akkamii Qabu?
    Michoonni Keenya Warri du’an Abdii Akkami Qabu?
  • Yeroo Duunu Maal Taana?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
fg barumsa 6 gaaffilee 1-5

BARUMSA 6

Namoonni Duʼan Abdii Maalii Qabu?

1. Namoota duʼan ilaalchisee wanti misiraachoo taʼe maalidha?

Maartaa fi Maariyaam Alaazaar obboleessa isaanii isa duʼaa kaʼe yommuu simatan

Yesus mandara Bitaaniyaa ishee naannoo Yerusaalemitti argamtu yommuu gaʼu, michuunsaa Alaazaar erga duʼee guyyaa afur taʼeera. Yesus, obboleettota Alaazaar isa duʼe, jechuunis Maartaafi Maariyaamii wajjin bakka awwaalichaa dhaqe. Namoonni hedduunis yeruma sana achitti sassaabaman. Yommuu Yesus Alaazaariin duʼaa kaasu gammachuu Maartaafi Maariyaamitti dhagaʼamee ture tilmaamuu dandeessaa?​—Yohannis 11:21-24, 38-44 dubbisi.

Maartaan namoota duʼan ilaalchisee misiraachoo jiru beekti turte. Yihowaan namoota duʼan kaasuudhaan deebisee lafarra akka jiraachisu hubattee turte.​—Iyoob 14:14, 15 dubbisi.

2. Namoonni duʼan haala akkamii keessatti argamu?

Addaam yommuu uumamee fi booda yommuu duʼe

Waaqayyo Addaamiin akkas jedhe: “Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata.”—UUMAMA 3:19.

Namoonni biyyoorraa uumaman. (Uumama 2:7; 3:19) Nuyi qaama hafuuraa foon uffate miti. Qaama biyyoorraa uumamne waan taaneef, qaama keenya keessaa wanti utuu hin duʼin hafu hin jiru. Yommuu duunu sammuun keenya ni duʼa; dandeettiin yaaduu keenyas ni bada. Kanaaf, namoonni duʼan waan tokkoyyuu waan hin beekneef Alaazaar erga duʼaa kaʼee booda, yeroo duʼee turetti haala akkamii keessa akka ture wanta dubbate hin qabu.​—Faarfannaa 146:4; Lallaba 9:5, 6, 10 dubbisi.

Waaqayyo namoonni erga duʼanii booda ibiddaan isaan gubaa? Macaafni Qulqulluun namoonni erga duʼanii booda waan tokkoyyuu dhagaʼuu akka hin dhageenye kan argisiisu erga taʼee, barumsi waaʼee ibiddaan gubachuu ibsu barumsa sobaa maqaa Waaqayyoo balleessudha jedhuudha. Yaanni ibiddaan namoota gubuu jedhullee Waaqayyoon baayʼee ciiggaasisa.​—Ermiyaas 7:31 dubbisi.

Viidiyoo, Namoonni duʼan haala akkamii keessatti argamu? jedhu ilaali.

3. Namoonni duʼan nu wajjin dubbachuu dandaʼuu?

Namoonni duʼan dubbachuus taʼe dhagaʼuu hin dandaʼan. (Faarfannaa 115:17) Haataʼu malee, ergamoonni Waaqayyoo muraasni hamoota kan taʼan siʼa taʼu, isaanis nama duʼe fakkeessanii dubbachuudhaan namoota gowwoomsu. (2 Phexros 2:4) Kanaaf, Yihowaan namoota duʼanii wajjin dubbachuuf yaalii akka hin goone nu akeekkachiiseera.​—Keessa Deebii 18:10, 11 dubbisi.

4. Namoonni duʼaa kaafaman eenyufaʼi?

Namni duʼaa kaʼe tokko Jannata keessatti yommuu waaʼee Waaqayyoo baratu. booda immoo warra duʼaa kaʼaan kaan yommuu gargaaru.

Namoonni miliyoona hedduutti lakkaaʼamaniifi awwaala keessa jiran duʼaa kaafamanii lafarra jiraatu. Namoonni utuu Waaqayyoon hin beekin wantoota gadhee raawwachaa turanillee ni kaafamu.​—Luqaas 23:43; Hojii Ergamootaa 24:15 dubbisi.

Namoonni duʼaa kaafaman, waaʼee Waaqayyoo dhugaansaa maal akka taʼeefi Yesusiif abboomamuudhaan isarratti amantii qabaachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ni baratu. (Mulʼata 20:11-13) Namoonni erga duʼaa kaafamanii booda waan gaarii hojjechuusaanii itti fufan barabaraaf lafarra jiraatu.​—Yohannis 5:28, 29 dubbisi.

5. Abdiin duʼaa kaʼuu waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?

Waaqayyo, Ilmisaa nuuf jedhee akka duʼuuf erguudhaan abdiin duʼaa kaʼuu akka dhugoomu godheera. Kanaaf, abdiin duʼaa kaʼuu jaalalaafi gaarummaa Yihowaan qabu nu barsiisa. Namoonni duʼan yommuu kaafaman, keessumaa eenyuun arguu barbaadda?​—Yohannis 3:16; Roomaa 6:23 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhamu boqonnaa 6, 7fi 10 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi