LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • gf barumsa 12 ful. 20
  • Yommuu Duunu Maal Taana?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yommuu Duunu Maal Taana?
  • Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo Duunu Maal Taana?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Abbootiin Keenya Durii Eessa Jiru?
    Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu Argatteettaa?
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Warri Duʼan Eessa Jiru?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
gf barumsa 12 ful. 20

BARUMSA 12

Yommuu Duunu Maal Taana?

Duuti faallaa jireenyaati. Duuti hirriba cimaa wajjin wal fakkaata. (Yohannis 11:11-14) Warri duʼan dhagaʼuu, ilaaluu, dubbachuufi yaaduu hin dandaʼan. (Lallaba 9:5, 10) Amantiin sobaa, ekeraan namoota duʼanii firootasaanii warra duʼanii wajjin jiraachuudhaaf gara addunyaa hafuuraa dhaqu jedhee barsiisa. Macaafni Qulqulluun garuu kana hin barsiisu.

Yesuus intala Yaayiros du’aa kaaseera

Namoonni duʼan nu gargaaruu ykn nu miidhuu hin dandaʼan. Namoonni warra duʼan gammachiisuuf jecha waaqeffannaafi aarsaa isaaniif dhiheessu. Gochi akkasii soba Seexanaa keessaa isa tokko waan taʼeef, Waaqayyoon hin gammachiisu. Namoonni duʼanis waan hin dhageenyeef gochi kun isaan gammachiisuu hin dandaʼu. Kanaaf, namoota duʼan sodaachuu ykn waaqeffachuu mannaa, Waaqayyoon qofa waaqeffachuu qabna.—Maatewos 4:10.

Namoonni duʼan ni kaʼu. Yihowaan namoota duʼan kaasee lafa jannata taaturra jiraachisa. Kun wanta gara fuulduraatti raawwatamudha. (Yohannis 5:28, 29; Hojii Ergamootaa 24:15) Akkuma ati nama rafe hirribaa dammaqsuu dandeessu, Waaqayyos namoota duʼan kaasuu dandaʼa.—Maarqos 5:22, 23, 41, 42.

Yaada hin duunu jedhu kan babalʼise Seexanadha. Seexanniifi hafuuronni hamoon namoonni, ekeraan namaa hin duʼu, akkasumas dhukkubaafi rakkoo namarraan gaʼa jedhanii akka amanan godhu. Darbee darbee Seexanni abjuufi mulʼataan nama gowwoomsa. Yihowaan namoota warra duʼan haasofsiisuu yaalan ni jibba.—Keessa Deebii 18:10-12.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi