LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ol kutaa 4 ful. 12-14
  • Abbootiin Keenya Durii Eessa Jiru?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Abbootiin Keenya Durii Eessa Jiru?
  • Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu Argatteettaa?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Lubbuufi Hafuura
  • Haala Namoonni Duʼan Keessatti Argaman
  • Ekeraan Namoota Kanaan Dura Lafarra Jiraatanii Duʼan Miti
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
  • Warri Duʼan Eessa Jiru?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Hafuuronni Hamoon Warri Duʼan Lubbuudhaan Jiru Jedhanii Sobaan Dubbatu
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu Argatteettaa?
ol kutaa 4 ful. 12-14

KUTAA 4

Abbootiin Keenya Durii Eessa Jiru?

Namicha fakkii firoottan isaa durii ilaalaa jiru

1, 2. Namoonni hedduun waaʼee namoota duʼanii maal jedhanii amanu?

NAMOONNI miliyoonaan lakkaaʼamaniifi Afriikaa keessa jiraatan, duʼa jechuun dhuma jireenyaa utuu hin taʼin, haala addunyaa kan biraatti itti ceʼamu akka taʼe amanu. Namoonni hedduun, abbootiinsaanii addunyaa ijaan argamurraa gara addunyaa ijaan hin argamneetti, jechuunis addunyaa namootaarraa gara addunyaa hafuurotaatti darbaniiru jedhanii yaadu.

2 Abbootiin durii ykn hafuuronni abbootii kanaa, miseensonni maatiisaanii warri lafarra jiran balaarraa akka oolaniifi akka badhaadhan godhu jedhamee amanama. Akka ilaalcha kanaatti, hafuurri abbootii durii michoota humna guddaa qaban taʼuu, oomisha gaariifi nageenya argamsiisuu, akkasumas balaarraa nama eeguu dandaʼu. Yoo dagataman ykn yoo aaran garuu rakkinaaf jechuunis, dhukkubaaf, hiyyummaafi balaadhaaf nama saaxilu jedhamee amanama.

3. Namoonni tokko tokko abbootii durii kan waaqeffatan akkamitti?

3 Namoonni lubbuudhaan jiran, wantoota hafuura abbootii durii kabajuufi isaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf gargaaru jedhaman addaddaa raawwatu. Gochawwan akkasii, keessumaa sirnawwan awwaalchaa kan akka taskaara baasuufi sirnawwan nama duʼeef godhaman kaanirratti ifatti mulʼatu. Abbootii durii waaqeffachuun karaawwan garabiraadhaanis ni mulʼata. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko dhugaatii alkoolii dhuguusaanii dura, abbootii duriitiif xinnoo lafatti irraa gad naqu. Midhaan erga bilcheessanii boodas, tarii abbootiin durii yoo dhufan nyaata akka keessaa argataniif xuwwee keessatti midhaan xinnoo hambisu.

4. Namoonni hedduun waaʼee lubbuu maal jedhanii amanu?

4 Namoonni kaanimmoo, lubbuu hin duuneefi yeroo qaamni keenya duʼu jiraachuushee itti fuftu qabna jedhanii amanu. Namni tokko jireenya qajeelaa yoo jiraate, lubbuunsaa gara samii ykn gara jannataa dhaqxi, jireenya gadhee yoo jiraatemmoo lubbuunsaa ibidda keessatti gubatti jedhamee amanama. Yeroo baayʼee namoonni yaada kana amantiiwwan aadaarratti hundaaʼanii wajjin walitti maku. Amantiiwwan kun hundi, yaada yeroo namni tokko duʼu lubbuun ykn hafuurrisaa hin duutu jedhurraa kan dhufanidha. Macaafni Qulqulluun waaʼee kanaa maal jedha?

Lubbuufi Hafuura

5, 6. Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti lubbuun maalidha?

5 Macaafni Qulqulluun lubbuun wanta nama keessa jirtu akka hin taane ibsa; lubbuun namichuma sanadha. Fakkeenyaaf, Waaqayyo yommuu Addaamiin uume inni, “jireenyi kan keessa jiru lubbuu taʼe.” (Uumama 2:7, hiika bara 1899) Addaam lubbuu ykn nama ture.

6 Kanaafuu, lubbuun ni dhalatti. (Uumama 46:18) Lubbuun soomuu dandeessi. (Faarfannaa 35:13, hiika bara 1899) Ni boossi, ni gaggabdis. (Ermiyaas 13:17, hiika bara 1899; Yoonaas 2:8) Lubbuun ariʼatamuufi sibiilatti galuu dandeessi. (Faarfannaa 7:5; 105:18, hiika bara 1899) Macaafonni Qulqulluun tokko tokko jecha afaan Ibrootaatiin itti hojjetame, “lubbuu” jedhanii kan hiikan siʼa taʼu, warri kaan garuu “uumama” ykn “nama” jedhanii hiikaniiru. Jechoonni kun hundi hiika tokko qabu.

7. Caqasawwan Macaafa Qulqulluu lubbuun akka duutu argisiisan kamfaʼi?

7 Lubbuu kan jedhamu namichuma waan taʼeef, namni yommuu duʼu lubbuun ni duʼe jechuudha. Hisqiʼel 18:4, “Lubbuun isa cubbuu hojjetuu haa duʼu!” jedha. Kana malees, Hojii Ergamootaa 3:23⁠rratti, [hiika bara 1899] “Raajii sana kan hin dhageenye lubbuun hundinuu garuu sabattii gargar baʼee kan bade in taʼa” jedhameera. Kanaaf, lubbuun wanta qaamni erga duʼee booda jiraachuusaa itti fufuu dandaʼu miti.

8. Hafuurri namoota keessa jiru maalidha?

8 Hafuurri lubbuu wajjin tokko miti. Namootaa wajjin haala wal qabateen hafuurri, humna jireenyaa sochiiwwan jireenyaa raawwachuuf isaan dandeessisudha. Hafuurri elektiriikii wajjin wal fakkaata. Elektiriikiin, ampoolii ibsuu ykn firiijiin akka hojjetu gochuu kan dandaʼu taʼus, ofiisaatiin ifuu ykn waa qabbaneessuu hin dandaʼu. Haaluma wal fakkaatuun, hafuurri keenyas ilaalluuf, dhagaʼuufi yaaduuf nu gargaara. Haataʼu malee, hafuurri iji, gurriifi sammuun yoo jiraate malee ofiisaatiin wantoota kana gochuu hin dandaʼu. Macaafni Qulqulluun nama ilaalchisee, “Yeroo hafuurri isaa keessaa baatu, inni deebiʼee biyyoo in taʼa; guyyuma sanas akeeki isaa in bada” kan jedhu kanaafi.—Faarfannaa 146:4.

9. Lubbuunis taʼe hafuurri maal hin taʼan?

9 Kanaafuu, akka Macaafni Qulqulluun jedhutti lubbuunis taʼe hafuurri yommuu namni duʼu keessaa baʼee addunyaa hafuuraa keessa jiraachuusaa itti fufu hin jiru.

Haala Namoonni Duʼan Keessatti Argaman

10. Haala namoonni duʼan keessatti argaman ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal jedha?

10 Maarree warri duʼan haala akkamii keessatti argamu? Namoota kan uume Yihowaa waan taʼeef, yeroo duunu maal akka taanu sirriitti beeka. Dubbiinsaa, namoonni duʼan jireenyaa ala akka taʼaniifi dhagaʼuu, ilaaluu, dubbachuu ykn waan tokkoyyuu yaaduu akka hin dandeenye barsiisa. Macaafni Qulqulluun akkas jedha:

  • “Warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan.”—Lallaba 9:5.

  • “Jaalalli isaanii fi jibbi isaanii, hinaaffaan isaaniis egaa badeera.”—Lallaba 9:6.

  • “Iddoo lafa jalaa [awwaala keessa] lafa dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru.”—Lallaba 9:10.

11. Addaam erga cubbuu hojjetee booda Yihowaan maal jedheen?

11 Waaʼee Addaam abbaa keenya isa jalqabaa wanta Macaafni Qulqulluun jedhu qalbeeffadhu. Yihowaan Addaamiin ‘biyyoo lafaarraa’ uume. (Uumama 2:7) Addaam seera Yihowaatiif utuu abboomameera taʼee, barabaraaf gammachuudhaan lafarra jiraata ture. Haataʼu malee, Addaam seera Yihowaatiif utuu hin abboomamin waan hafeef duʼaan adabameera. Addaam yeroo duʼe eessa dhaqe? Waaqayyo Addaamiin, ‘Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo taata; biyyoo lafaarraa waan kutamteef garasaatti deebita’ jedheen.—Uumama 3:19.

12. Addaam yeroo duʼe maal taʼe?

12 Yihowaan biyyoo lafaarraa isa uumuusaa dura Addaam eessa ture? Eessayyuu hin turre. Lubbuudhaan hin jiru ture. Kanaafuu, Yihowaan Addaam ‘gara biyyootti akka deebiʼu’ yommuu itti himu, Addaam akkuma biyyoo lubbuu kan hin qabne akka taʼu dubbachuusaa ture. Addaam addunyaa hafuuraa keessa hin jiraanne. Addunyaa hafuuraa abbootii duriittis hin ‘ceene.’ Gara samiis taʼe gara ibidda qilillee hin dhaqne. Kanaa mannaa, jireenyaa ala taʼe ykn jiraachuu dhaabe.

13. Namoonnis taʼan bineensonni yeroo duʼan maal taʼu?

13 Namoonni hundi yeroo duʼan akkasuma taʼuu? Eeyyee akkasuma taʼu. Macaafni Qulqulluun, “Hundumti isaanii [namoonnis taʼan bineensonni] gara iddoo tokkoo in dhaqu; hundumti isaanii biyyoo irraa dhufan, gara biyyoottis in deebiʼu” jedha.—Lallaba 3:19, 20.

14. Namoonni duʼan abdii akkamii qabu?

14 Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo namoota duʼan kaasee lafa jannata taatu keessa akka jiraachisu abdii kenna. (Yohannis 5:28, 29; Hojii Ergamootaa 24:15) Kun garuu gara fuulduraatti kan raawwatamudha. Yeroo ammaatti hirriba cimaa keessa jiru. (Yohannis 11:11-14) Nu gargaaruus taʼe nu miidhuu waan hin dandeenyeef, isaaniin sodaachuus taʼe waaqeffachuu hin qabnu.

15, 16. Seexanni warri kaan namoonni duʼan dhugumaan hin duune jedhanii akka amanan gochuuf kan yaalu akkamitti?

15 Yaanni warri duʼan dhugumaan hin duune jedhu, soba Seexanni babalʼisudha. Seexanniifi hafuuronni hamoon, namoonni soba kana akka amanan gochuuf, dhukkubas taʼe rakkina garabiraa kan namarra gessisu ekeraa namoota duʼanii akka taʼe akka yaadan godhu. Rakkoowwan tokko tokko kan namatti fidan hafuurota hamoo akka taʼan beekamaadha. Rakkoowwan tokko tokko garuu humnoota nama caalanirraa kan dhufan miti. Haataʼu malee, namoonni duʼan nu miidhu jedhanii yaaduun sirrii miti.

16 Hafuuronni hamoon, namoonni duʼa ilaalchisee wanti Macaafni Qulqulluun jedhu sobadha jedhanii akka amanan karaa itti godhan garabiraas qabu. Namoonni warra duʼan kan argan ykn kan haasofsiisan akka isaanitti fakkaatu gochuudhaan namoota gowwoomsu. Hafuuronni hamoon, mulʼataan, abjuudhaan, eker dubbistuudhaan ykn karaa garabiraatiin kana godhu. Haataʼu malee, namoonni warra duʼan utuu hin taʼin, hafuurota hamoo namoota duʼan fakkaatanii mulʼatanii wajjin wal argu. Yihowaan namoota ekeraa dubbisanis taʼe warra namoota duʼan gaafatan kan balaaleffatu kanaafi.—Keessa Deebii 18:10-12; Zakaariyaas 10:2.

Namoonni Duʼan Nu Gargaaruu Hin Dandaʼan

Bara 1990⁠tti Dhiha Afriikaatti namni beekamaan aangoo qabu tokko ni duʼe. Namni kun haadha manaa shaniifi ijoollee baayʼee qaba ture. Hojii qarshii hedduu isaaf argamsiisu lamas qaba ture.

Namichi yommuu duʼu, maatiinsaa gochawwan hafuurasaa gammachiisu jedhanii yaadan of eeggannoodhaan raawwataniiru. Haadhotiin manaasaa wayyaa gurraacha kan uffatan siʼa taʼu, rifeensasaanii hin filatan, nyaata xinnoo qofa nyaatu, akkasumas qaama hin dhiqatan turan. Awwaalcha booda guyyaa torbaaf gadoodanii booʼaa turan. Itti aansuudhaanis akka aadaa naannichaatti, guutummaan maatichaa sirna awwaalchaa sana nyaataafi dhugaatiidhaan, akkasumas shubbisaan xumuruuf walitti qabaman.

Namni kun utuu ni dandaʼa taʼee, maatiisaa isa jaallatu kana ni eega, akkasumas baayʼisee ni eebbisa ture! Taʼuyyuu akkas hin goone. Hojiinsaa ni kasaare. Miseensonni maatiisaa dhaalarratti kan wal lolan siʼa taʼu, yeroo boodas gargar facaʼaniiru. Mana guddaa namicha kanaa isa kanaan dura namoota hedduudhaan guutamee ture keessa, yeroo ammaatti namoota xinnoo qofatu jiraata.

Namoonni Duʼan Nu Miidhuu Hin Dandaʼan

Nama bakka awwaalchaa jiru tokko

Namni ganda Naayijeeriyaatti argamtu tokko keessa jiraatu tokko ni duʼe. Yeroo booda haati manaasaa abbaan manaashee saʼaatii harkasaa akka barbaadu abjuudhaan argite. Abjuu kanatti waan amanteef saʼaaticha reeffasaa biratti awwaalte.

Dargaggeessi Duunakan jedhamu tokko dhokatee saʼaaticha bakka awwaalamee fudhatee, hanga saʼaatichi dulloomutti itti fayyadame. Rakkinni tokkoyyuu isarra hin geenye. Namni duʼe sun warra lubbuudhaan jiranirratti dhiibbaa geessisuu utuu dandaʼee, hattuu awwaalasaa keessaa saʼaatiisaa hate sana akka adabu hin shakkisiisu!

Saanduqa: Muuxannoon warri duʼan nu gargaaruu ykn nu miidhuu akka hin dandeenye argisiisu isa kami?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi