Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Yeroo duunu maal taana?
NAMOONNI TOKKO TOKKO bifa kan biraatiin jiraanna kan jedhan siʼa taʼu, warri kaan immoo duuti dhuma waan hundumaa ti jedhu. Ati maal jettee amanta?
KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
“Warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan.” (Lallaba 9:5) Yeroo duunu, jireenyi keenya addaan cita.
WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU
Nama jalqabaa kan taʼe Addaam yeroo duʼe gara biyyootti deebiʼe. (Uumama 2:7; 3:19) Haaluma wal fakkaatuun, kan duʼu hundi gara biyyootti deebiʼa.—Lallaba 3:19, 20.
Namoonni duʼan cubbuu isaanii irraa bilisa baʼaniiru. (Roomaa 6:7) Namni tokko erga duʼee booda adabbii kan biraan hin jiru.
Namoonni duʼan deebiʼanii jiraachuu dandaʼuu?
MAAL SITTI FAKKAATA?
Eeyyee
Lakki
Taʼuu dandaʼa
KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA
‘Duʼaa kaʼuun jira.’—Hojii Ergamootaa 24:15.
WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU
Yeroo baayʼee Kitaabni Qulqulluun duʼaa fi hirriba wal fakkeessa. (Yohannis 11:11-14) Akkuma nuyi nama rafe dammaqsuu dandeenyu, Waaqayyos namoota duʼan kaasuu ni dandaʼa.—Iyoob 14:13-15.
Kitaabni Qulqulluun namoonni duʼaa kaʼan baayʼeen akka jiran kan dubbatu siʼa taʼu, kun immoo namoonni duʼan akka kaʼan amanuuf buʼuura nuu taʼa.—1 Mootota 17:17-24; Luqaas 7:11-17; Yohannis 11:39-44.