LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 53
  • Yommuu Duutu Maal Taata?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yommuu Duutu Maal Taata?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Ekeraan Namoota Kanaan Dura Lafarra Jiraatanii Duʼan Miti
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Warri Duʼan Eessa Jiru?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Yeroo Duunu Eessa Dhaqna?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 53

Yommuu Duutu Maal Taata?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni Qulqulluun, “Warri lubbuudhaan jiran akka duʼan beeku; warri duʼan garuu homaa hin beekan” jedha. (Lallaba 9:5; Faarfannaa 146:4) Kanaafuu, yommuu duunu jireenyaa ala taana. Namoonni duʼan hin yaadan, hin hojjetan ykn miirri akkamii iyyuu isaanitti hin dhagaʼamu.

“Biyyootti ni deebita”

Waaqayyo, Addaam isa nama jalqabaa taʼe yommuu haasofsiisetti yeroo duunu maal akka taanu ibseera. Addaam ajajamuu waan dideef, “Ati biyyoo waan taateef biyyootti ni deebita” isaan jedhee ture. (Uumama 3:19) Waaqayyoo Addaamiin “biyyoo lafaa irraa” uumuu isaa dura Addaam gara jireenyaatti hin dhufne ture. (Uumama 2:7) Haaluma wal fakkaatuun, Addaam yommuu duʼetti gara biyyootti deebiʼe, akkasumas jireenyaan ala taʼe.

Namoota yeroo ammaatti duʼanis waanuma wal fakkaatutu mudata. Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa fi binensoota ilaalchisee, “Hundi isaanii biyyoo irraa argaman, hundi isaaniis gara biyyootti deebiʼu” jedha.—Lallaba 3:19, 20.

Duuti Dhuma Waan Hundumaa Miti

Kitaabni Qulqulluun duʼa yeroo baayʼee hirribaa wajjin wal fakkeessa. (Faarfannaa 13:3; Yohaannis 11:11-14; Hojii Ergamootaa 7:60) Namni hirriba cimaa keessa jiru wanta naannoo isaatti raawwatamu hin beeku. Haaluma wal fakkaatuun namoonni duʼanis homaa hin beekan. Taʼus Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo namoota duʼan akkuma waan hirriba keessaa dammaqsuutti isaan kaasuudhaan deebise jireenya akka isaaniif kennu dubbata. (Iyyoob 14:13-15) Namoota Waaqayyo duʼaa isaan kaasuuf duuti dhuma waan hundumaa miti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi