LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w14 4/15 ful. 27-31
  • Eegumsa Yihowaa Ni Dinqisiifattuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Eegumsa Yihowaa Ni Dinqisiifattuu?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WAAQNI KEENYA INNI NU EEGU NU AKEEKKACHIISA
  • ABBAAN KEENYA INNI NUU YAADU NU SIRREESSA
  • SEERAWWAN BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU HOJIIRRA OOLCHUUN NU FAYYADA
  • MICHUU QORUMSA MOʼUUF NU GARGAARU
  • WAAQAYYO DURATTI FUDHATAMA ARGADHAA
  • “Dubbii Ogeeyyii Dhaggeeffadhu”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Yihowaan Jaalala Kan Nutti Argisiise Karaawwan Kamiini?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • “Agartuun” Yihowaa Hundumaa Qoree Ilaala
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Abbaan Keenya Yihowaan Baayʼee Nu Jaallata
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
w14 4/15 ful. 27-31
Deessistoonni Sifaaraafi Phuhaa jedhaman dubartii Ibrootaa mucaa deesse ennaa kunuunsan

Eegumsa Yihowaa Ni Dinqisiifattuu?

“Iji Waaqayyoo iddoo hundumaa jira, isa hamaa fi isa gaarii in arga.”​—FAK. 15:3.

YAADAWWAN IJOO YAADATAMUU QABAN

  • Yihowaan kan si ilaalu maaliifi?

  • Akeekkachiisa, sirreeffamaafi qajeelfama Yihowaa karaawwan kamiin argachuu dandeessa?

  • Yihowaan yeroo tokko tokko rakkina keessaa nu baasuurraa kan of qusatu maaliifi?

1, 2. Eegumsi Yihowaa, toʼannaa kaameeraan dhoksaadhaan waraaburraa adda kan taʼe akkamitti?

BIYYOOTA hedduutti, kaameeraawwan dhoksaatti sochii tiraafiikii toʼataniifi balaawwan gaʼan waraaban baayʼinaan hojiirra oolaa jiru. Kaameeraawwan kun, konkolaataa balaa geessisee miliquuf jedhu waraabuudhaan, qaamni dhimmisaa ilaallatu konkolaachisaa baqate sana akka qabu isa gargaaru. Dhugumayyuu, iji kaameeraa bakka hundumaatti argamu kun, namoonni rakkina gochisaanii isaanitti fidu jalaa miliquun akka isaanitti ulfaatu godheera.

2 Haataʼu malee, kaameeraawwan dhoksaa baayʼinaan hojiirra ooluunsaanii Yihowaa isa Abbaa jaalala qabeessa taʼe nu yaadachiisuu qabaa? Macaafni Qulqulluun, “Iji Waaqayyoo iddoo hundumaa jira” jedha. (Fak. 15:3) Kana jechuun garuu, yeroo hundumaa wanta nuyi goonu ni toʼata jechuudhaa? Waaqayyo kan nu ilaalu seerasaa yoo raawwachuu baanne nu adabuuf yaaduudhaani? (Er. 16:17; Ibr. 4:13) Matumaa! Sababiin Yihowaan itti nu ilaalu inni guddaan, tokkoon tokkoon keenya waan jaallatuufi nu eeguu waan barbaaduufidha.​—1 Phe. 3:12.

3. Karaawwan Waaqayyo akka nuu yaadu argisiisan shanan kam ilaalla?

3 Yihowaan kan nu toʼatu waan nu jaallatuuf taʼuusaa beekuuf kan nu gargaaru maalidha? Kun dhugaa taʼuusaa akkamitti akka argisiise haa ilaallu. (1) Yeroo fedhii gadhee qabaannutti nu akeekkachiisuudhaan, (2) tarkaanfii sirrii hin taane yeroo fudhannu nu sirreessuudhaan, (3) seerawwan buʼuuraa Dubbiisaa keessa jiraniin nu geggeessuudhaan, (4) rakkoowwan addaddaa yeroo nu mudatan nu gargaaruudhaan, akkasumas (5) wanta gaarii yeroo nurratti argu nu eebbisuudhaan kana argisiisa.

WAAQNI KEENYA INNI NU EEGU NU AKEEKKACHIISA

4. Yihowaan, cubbuun ‘balbala dura riphee akka isa eeggatu’ Qaayiniin kan akeekkachiise maaliifi?

4 Mee jalqaba, fedhii gadhee yommuu qabaannu Waaqayyo kan nu akeekkachiisu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. (1 Sen. 28:9) Waaqayyo karaa kanaan eegumsa akka nuu godhu beekuuf, Qaayin isa yeroo Waaqayyo biratti fudhatama dhabetti ‘aaree bobaʼe’ akkamitti akka qabe haa ilaallu. (Uumama 4:3-7 dubbisi.) Yihowaan, Qaayin ‘wanta gaarii akka hojjetu’ isa gorsee ture. Yoo wanta gaarii hojjechuu baate garuu, ‘cubbuun balbalasaa dura riphee akka isa eeggatu’ isa akeekkachiise. Waaqayyo, “Ati garuu isa irratti aboo godhadhu!” jedheen. Yihowaan, Qaayin akeekkachiisa kana dhagaʼee ‘akka ol jedhu,’ jechuunis isa duratti fudhatama akka argatu barbaadee ture. Waaqayyo biratti fudhatama argachuun, walitti dhufeenya gaarii isaa wajjin qabnu akka hin dhabne godha.

5. Yihowaan fedhii gadhee yeroo qabaannutti karaawwan kamiin nu akeekkachiisa?

5 Waaʼee keenyahoo maal jechuutu dandaʼama? Iji Yihowaa garaa keenya keessa ni ilaala; fedhiifi yaada keenya isa dhugaa isa jalaa dhoksuu hin dandeenyu. Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe, daandii qajeelummaa akka hordofnu barbaada; garuummoo daandii keenya akka jijjiirru nu hin dirqisiisu. Yeroo karaa sirrii hin taanerra deemnu, Macaafa Qulqulluutti fayyadamee nu akeekkachiisa. Akkamitti? Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu ennaa dubbisnu, yaada ilaalcha gadheefi fedhii hamaa moʼuuf nu gargaaru arganna. Kana malees, barreeffamoonni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan, rakkina wajjin qabsaaʼaa jirrurratti ibsa kennuufi rakkina sana akka moonu nu gargaaruu dandaʼu. Walgaʼiiwwan gumiirrattis hundi keenya gorsa yeroo sirrii taʼetti kennamu arganna!

6, 7. (a) Barumsi namoota miliyonaan lakkaaʼamaniif qophaaʼe, Waaqayyo dhuunfaatti akka nu jaallatu mirkaneessa jechuu kan dandeenyu maaliifi? (b) Xiyyeeffannaa Yihowaan dhuunfaatti sii kennurraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

6 Akeekkachiisawwan akkasii kun, Yihowaan dhuunfaatti jaalalaan eegumsa akka nuu godhu mirkaneessu. Dhugaadha, yaanni Macaafa Qulqulluurra jiru erga barreeffamee jaarraawwan hedduun darbaniiru; barreeffamoonni jaarmiyaan Waaqayyoo qopheesse kan barreeffaman namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniifidha; gorsi gumiirratti kennamus guutummaa gumichaatiif yaadamee kan kennamudha. Taʼuyyuu, Yihowaan ilaalchakee sirreessuu akka dandeessuuf karaawwan kana hundaan akka ati Dubbiisaarratti xiyyeeffattu godheera. Kanaafuu, haalli kun eegumsa Yihowaan dhuunfaatti siif godhe argisiisa jechuun ni dandaʼama.

Namichi tokko wantoota isa qoruu dandaʼanirraa yommuu fagaatu

Yaanni garaa keenya inni Macaafa Qulqulluudhaan leenjifame, balaawwan nu mudachuu dandaʼanirraa nu eega (Keeyyata 6fi 7 ilaali)

7 Akeekkachiisa Waaqayyoorraa fayyadamuuf, dura akka nuuf yaadu mirkanaaʼoo taʼuu qabna. Achiis, wanta Waaqayyoon gaddisiisu kamiyyuu yaaduurraa fagaachuuf carraaquudhaan, gorsa Dubbiisaarraa arganne hojiirra oolchuu qabna. (Isaayaas 55:6, 7 dubbisi.) Akeekkachiisa nuu kennamu yoo fudhanne, miidhaa baayʼeerraa of eegna. Haataʼu malee, fedhii gadheedhaaf yoo moʼamne, Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe gargaarsa akkamii nuu godha?

ABBAAN KEENYA INNI NUU YAADU NU SIRREESSA

8, 9. Gorsi Yihowaan karaa tajaajiltootasaa nuu kennu, baayʼee akka nuu yaadu kan argisiisu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

8 Keessumaa yeroo sirreeffamni nuu kennamu, Yihowaan akka nuu yaadu hubanna taʼa. (Ibroota 12:5, 6 dubbisi.) Gorsi ykn adabni yeroo nuu kennamu akka nutti hin tolle beekamaadha. (Ibr. 12:11) Garuu, namni tokko Macaafa Qulqulluurraa gorsa kan nuu kennu maaliif akka taʼe hubachuun keenya barbaachisaadha. Kana kan godhu miira keenya miidhuuf utuu hin taʼin, walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabnu balaarra akka buʼe waan hubateefidha. Gara Yihowaatti akkamitti deebiʼuu akka dandeenyu Macaafa Qulqulluurraa nutti argisiisuuf yeroo isa barbaachisu ni ramada, carraaqqiis ni godha. Maddi gorsa kanaa Yihowaa waan taʼeef gorsa kanaaf bakka guddaa kennina.

9 Mee namoonni gorsa kennan Waaqayyo akka nuuf yaadu kan argisiisan akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Obboleessi tokko Dhugaa Baatuu taʼuusaa dura pornoograafii ilaaluu amaleeffatee kan ture siʼa taʼu, yeroo dhugaa dhagaʼu amala kana moʼee ture. Booddee, bilbila haaraa bitate; yeroo kanatti amalasaa isa duriitti deebiʼee Intarneetiidhaan pornoograafii ilaaluu jalqabe. (Yaq. 1:14, 15) Fedhiin keessasaatti akka barbadaa ibiddaa bobaʼaa ture ifatti baʼe. Gaaf tokko, jaarsa gumii tokkoo wajjin bilbilaan lallabaa utuu jiranii, jaarsi gumii sun teessoowwan tokko tokko ilaaluuf bilbila obboleessa sanaa ergifate. Jaarsi gumii sun bilbilicha fayyadamuu ennaa jalqabu, toora Intarneetii shakkisiisaa taʼe arge. Carraan kun, obboleessa karaa hafuuraa balaarra jiru sanaaf gaarii taʼe. Gorsa barbaachisaa sana fudhatee faayidaa kan irraa argate siʼa taʼu, oolee bulees fedhii gadhee sana moʼuu dandaʼeera. Abbaa keenya isa samii isa cubbuu keessa keenya dhokatee jiru ilaalee, fagaannee deemuu keenya dura nu sirreessu baayʼee galateeffachuu qabna!

SEERAWWAN BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU HOJIIRRA OOLCHUUN NU FAYYADA

10, 11. (a) Karaa kamiin qajeelfama Waaqayyoo argachuu dandeenya? (b) Maatiin tokko, qajeelfama Yihowaa hordofuun faayidaa akka qabu kan arge akkamitti?

10 Faarfatichi, “Ati gorsa keetiin ana in geggeessita” jechuudhaan Yihowaa faarfateera. (Far. 73:24) Yeroo qajeelfamni nu barbaachisu hundumaatti, ilaalcha inni dhimma tokkoof qabu Dubbiisaarraa qoruudhaan ‘Waaqayyoon yaaduu’ ni dandeenya. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun keenya, karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin yeroo tokko tokko wanta karaa foonii nu barbaachisu argachuufis nu gargaara.—Fak. 3:6.

11 Muuxannoon qotee bulaa lafa ormaarratti hojjetuufi Maasbeet ishee Filippiinsi keessa jirtutti argamu tokkoo, fakkeenya gaarii Yihowaan namoota akkamitti akka qajeelche argisiisudha. Inniifi haati manaasaa ijoollee hedduu kan guddisan siʼa taʼu, qajeelchaa taʼanii tajaajilu. Gaaf tokko, namni isaan hojjechiisu ergaa lafasaa akka gadhiisan ibsu yeroo isaanitti ergu baayʼee naʼan. Sababiinsaa maal ture? Amanamoo akka hin taane sobaan himatamanii turan. Obboleessi kun maatiisaa qabatee eessa akka jiraatu kan yaaddaʼe taʼus, “Yihowaan ni qopheessa. Inni wanti fedheyyuu yoo uumame yeroo hundumaa waan nu barbaachisu nuu kenna” jechuudhaan dubbatee ture. Amanannaa akkasii qabaachuunsaa akkasumaan hin turre. Guyyoota muraasa booda, maatichi laficha gadhiisuu akka hin qabne yeroo beeku ni gammade. Abbaan lafichaa, Dhugaa Baatonni kun sobaan himatamaniyyuu seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiin akka geggeeffaman, akka nama kabajaniifi naga qabeeyyii akka taʼan hubate. Abbaan lafichaa haallisaanii waan isa dinqisiiseef, achuma akka jiraatan qofa utuu hin taʼin, lafa irratti oomishan kan biraas dabalee kenneef. (1 Phexros 2:12 dubbisi.) Eeyyee, Yihowaan rakkina akka moonu nu gargaaruuf, karaa Dubbiisaa qajeelfama nuu kenna.

MICHUU QORUMSA MOʼUUF NU GARGAARU

12, 13. Namoonni tokko tokko, Waaqayyo rakkinasaanii akka hin ilaalle kan isaanitti dhagaʼamu yeroo akkamiitti?

12 Yeroo tokko tokko garuu, rakkinni nu mudatu yeroo dheeraa fudhachuu dandaʼa. Dhukkubni salphaatti hin fayyine, mormiin miseensonni maatii keenyaa yeroo dheeraadhaaf nurraan gaʼan ykn ariʼatamni walirraa hin cinne nurra gaʼaa jira taʼa. Yeroo tokko tokkommoo garaagarummaan nama gumii keessa jiru tokkoo wajjin qabnu gidduu keenyatti walitti buʼiinsi guddaan akka uumamu godha taʼa.

13 Fakkeenyaaf, obboleessi tokko wanta gadhee akka dubbate waan sitti dhagaʼameef, ‘Wanti akkasii jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti uumamuu hin qabu!’ jetta taʼa. Obboleessi sunimmoo gumii keessatti mirga yeroo argatuufi warra kaan biratti fudhatama yeroo argatu ilaalta. Yeroo kanatti, ‘Kun akkamitti taʼuu dandaʼa? Yihowaan hin arguu? Tarkaanfii hin fudhatuu?’ jettee yaadda taʼa.​—Far. 13:1, 2; An. 1:2, 3.

14. Waaqayyo wanta nuti akka rakkinaatti ilaalle tokkoof battalumatti furmaata kan hin kennine maaliifi?

14 Yihowaan sababii tarkaanfii itti hin fudhanneef qaba taʼa. Fakkeenyaaf, ati kan balleesse nama sana akka taʼe sitti dhagaʼamus, Waaqayyommoo dhimmasaa karaa adda taʼeen ilaala taʼa. Akka ilaalchasaatti, balleessaa guddaa kan qabu si taʼuu dandaʼa. Dubbiin ati nama miidha jettee yaadde sun, tarii gorsa gaarii itti yaaduu qabdu taʼuu dandaʼa. Obboleessi keenya Kaarl Kileeyin inni miseensa Qaama Olaanaa ture, obboleessi keenya Raazarfordi fuulleetti sirreeffama kenneefii akka ture seenaa jireenyaasaarratti dubbateera. Yeroo booda, obboleessi keenya Raazarfordi fuula ifaadhaan, “Kaarl, akkam jirta!” jedhee nagaa isa gaafate. Obboleessi keenya Kaarl garuu sirreeffama kanaan dura isaaf kennametti waan mufatee tureef, garaasaatii utuu hin taʼin mormaa ol nagaa isa gaafate. Raazarfordi, Kaarl baayʼee akka aare waan hubateef, kiyyoo Seexanaa keessa akka hin galle isa akeekkachiise. Yeroo booda obboleessi keenya Kaarl akkas jechuudhaan barreesseera: “Obboleessa tokkotti haaloo yeroo qabannu, keessumaammoo wanta inni itti gaafatamummaasaa baʼuuf jedhee dubbatutti yeroo aarru, kiyyoo Seexanaatiif of saaxilaa jirra.a

15. Yeroo rakkinni si mudatutti Yihowaan akka si gargaaru ennaa eegdu, maal hubachuu keetu obsa qabaachuuf si gargaara?

15 Rakkinni tokko yeroo dheeraadhaaf kan ture ennaa nutti fakkaatutti obsa dhabuu dandeenya taʼa. Yeroo akkasiitti maal gochuu dandeenya? Karaa guddaa tokkorra konkolaataa utuu konkolaachisaa jirtuu baayʼinni konkolaataa karicha cufe haa jennu. Karaan sun hamma banamutti yeroo hammamiitiif akka dhaabattu hin beektu. Aartee karaa kan biraatiin deemuuf yoo yaalte, tarii karaan si jalaa baduu dandaʼa. Bakka yaadde gaʼuuf saʼaatii utuu obsaan eegdee sitti fudhatu caalaa sitti fudhachuu dandaʼa taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, daandii Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsamerra deemuukee yoo itti fufte, yeroo booda bakka yaadde gaʼuu dandeessa.

16. Sababii garabiraan Yihowaan yeroo rakkinni nu mudatu tarkaanfii itti hin fudhanne maal taʼuu dandaʼa?

16 Yihowaan yeroo rakkinni nurra gaʼu tarkaanfii kan hin fudhanne, leenjii barbaachisaa taʼe tokko akka argannu waan barbaaduuf taʼuu dandaʼa. (1 Phexros 5:6-10 dubbisi.) Waaqayyo rakkina akka namatti hin fidne beekamaadha. (Yaq. 1:13) Rakkoowwan hedduu kan nutti fidu ‘Seexana isa hamajaajii keenya’ taʼedha. Haataʼu malee, Waaqayyo karaa hafuuraa akka guddannu nu gargaaruuf haalawwan rakkisaatti fayyadamuu dandaʼa. Rakkina keenya kan ilaalu taʼuusaarrayyuu, ‘waan nuu yaaduuf’ rakkinni sun “yeroo gabaabduudhaaf” qofa akka turu godha. Yihowaan akka isiniif yaaduufi hanga dhumaatti jabina akka isiniif kennu amanamaa.​—2 Qor. 4:7-9.

WAAQAYYO DURATTI FUDHATAMA ARGADHAA

17. Yihowaan namoota akkamii barbaada? Maaliif?

17 Sababiin Waaqayyo itti nu ilaalu inni kaan baayʼee kan nama jajjabeessudha. Karaa Haanaanii raajichaa, Aasaa Mootichaan, “Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara” jedhee ture. (2 Sen. 16:9) Haataʼu malee Aasaan, garaasaa guutuu Waaqayyoon hin amananne. Nuti garuu wanta sirrii taʼe gochuu keenya yoo itti fufne Waaqayyo ‘nu gargaara.’

18. Wanta gaarii goonuuf eenyuyyuu dantaa akka hin qabne yoo nutti dhagaʼame, waaʼee Yihowaa maal yaadachuu qabna? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

18 Waaqayyo ‘araara akka nutti argisiisuuf,’ ‘wanta gaarii akka barbaadnu,’ ‘wanta gaarii akka jaallannuufi’ ‘waan gaarii akka goonu’ barbaada. (Amo. 5:14, 15; 1 Phe. 3:11, 12) Yihowaan namoota qajeeloo ilaaluudhaan isaan eebbisa. (Far. 34:15) Fakkeenyaaf, waaʼee deessiftoota biyya Gibxii Siifraafi Phuwaa jedhamanii haa ilaallu. Israaʼeloonni garbummaa biyya Gibxii jala yeroo turanitti, dubartoonni lamaan kun Faraʼon isa ijoollee dhiiraa dubartoonni Ibrootaa daʼan akka ajjeesan isaan ajaje caalaa Waaqayyoon sodaataniiru. Yaanni garaasaanii inni gaariin lubbuu daaʼimman sanaa akka oolchan akka isaan kakaase beekamaadha. Siifraafi Phuwaan, yeroo booda mana godhataniiru. (Bau. 1:15-17, 20, 21) Yihowaan wanta gaarii isaan godhan utuu hin ilaalin hin hafne. Yeroo tokko tokko, wanta gaarii nuyi goonuuf eenyuyyuu dantaa akka hin qabne nutti dhagaʼama taʼa. Yihowaan garuu wanta nuti goonu hundumaa ni ilaala, gatii keenyas nuu deebisa.​—Mat. 6:4, 6; 1 Xim. 5:25; Ibr. 6:10.

19. Obboleettiin tokko, Yihowaan wanta gaarii isheen goote utuu hin ilaalin akka hin hafne kan hubatte akkamitti?

19 Obboleettiin Ostiriyaa keessa jiraattu tokko, Waaqayyo hojii cimaa isheen hojjechaa jirtu akka ilaalu hubatteetti. Dhalattuu biyya Hangaarii waan taateef, dubartii afaan Hangaarii dubbattu tokko akka haasofsiistuuf teessoonshee ni kennameef. Teessoo sana hordoftee yeroo dhaqxu, namni waan mana jiru hin fakkaatu. Irra deddeebitee dhaqxe. Yeroo tokko tokko, namni kan jiru isheetti fakkaatus eenyuyyuu deebii hin kennineef. Achiis, barreeffamoota, xalayaa, lakkoofsa bilbilaafi wantoota kana fakkaatan keesseefii deemte. Waggaa tokkoofi walakkaadhaaf deddeebitee erga dhaqxee booda, dubartii gaariin tokko obboleettii kanaaf balbala bantee nagaa gaafatteen! Achiis, “Ol seeni. Wanta ati fidde hunda dubbiseera; si eegaan ture” jetteen. Dubartittiin yaalii fayyaa keemooteeraappii jedhamu fudhachaa waan turteef sana dura kaatee nama dubbisuu hin dandeessu turte. Sana booda qayyabannaan Macaafa Qulqulluu ni jalqabame. Eeyyee, Waaqayyo carraaqqii obboleettiin kun gooteef ishee eebbiseera!

20. Eegumsa Yihowaa akkamitti ilaaltu?

20 Yihowaan wanta isin gootan hunda ni ilaala; yeroo boodas gatii keessan isiniif deebisa. Iji Waaqayyoo akka isin ilaalu yommuu hubattan, kaameeraa dhoksaa miira hin qabneen akka hordofamtan isinitti hin dhagaʼamin. Kanaa mannaa, Waaqa dhugumaan namaaf yaadutti yeroo kamiyyuu caalaa akka dhihaattan isinitti haa dhagaʼamu!

a Muuxannoon obboleessa keenya Kaarl Kileeyin, Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1, 1984 (Ingiliffa) irratti baʼeera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi