LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w14 7/1 ful. 4-7
  • Wanta Gara Fuulduraatti Taʼu Beekuu Kan Dandaʼu Jiraa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Gara Fuulduraatti Taʼu Beekuu Kan Dandaʼu Jiraa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • RAAJIIN WAAQAYYO DUBBATE HAMMAM RAAWWATAMEERA?
  • RAAJIIN WAAQAYYOOFI KAN NAMOOTAA WALBIRA QABAMEE YEROO ILAALAMU
  • JIREENYAKEE GARA FUULDURAA
  • Waa’ee Gara Fuulduraa Eenyutu Beekuu Danda’a?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Raajiiwwan Raawwii Isaanii Argatan
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
w14 7/1 ful. 4-7
Haati tokko intallishee hojii manaa yeroo hojjettu ishee gargaaraa jirti

MATADUREE FUULA JALQABAA

Wanta Gara Fuulduraatti Taʼu Beekuu Kan Dandaʼu Jiraa?

Hundi keenyayyuu waaʼee gara fuulduraa ni yaadna. Jireenyi keenyas taʼe kan namoota jaallannuu gara fuulduraatti maal akka fakkaatu beekuu ni barbaanna. Gaaffilee armaan gadiis ni gaafanna: ‘Ijoolleenkoo addunyaa fooyyaʼaa taʼe keessa ni jiraatuu laata? Lafti balaa uumamaatiin ni baddii laata? Jireenyikoo gara fulduraa fooyyaʼaa akka taʼuuf wantin harʼa jijjiiruu dandaʼu jiraa?’ Uumamaan waaʼee wantoota kanaa beekuuf fedhii qabna; jajjabina argachuu, mirkanaaʼoo taʼuu, wantoonni seeraan akka raawwatamaniifi tasgabbii qabaachuu ni barbaanna. Waaʼee gara fuulduraa utuu mirkanaaʼaa taatee, karaa foonii wanta si barbaachisu qopheeffachuufi sammuukee qopheessuu ni dandeessa.

Jireenyikee gara fuulduraa maal fakkaata? Kana beekuu kan dandaʼu jiraa? Gara fuulduraa ilaalchisee wanta ogeeyyiin raajan keessaa, muraasni kan raawwatame taʼus, baayʼeensaa hin raawwatamne. Haataʼu malee, Waaqayyo wantoota gara fuulduraatti raawwataman sirriitti dubbachuu ni dandaʼa. Macaafa Qulqulluurratti, “Ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin taʼin jiru dubbadheera” jedheera. (Isaayaas 46:10) Haataʼu malee, wanta inni dubbate keessaa hammamtu raawwatame?

RAAJIIN WAAQAYYO DUBBATE HAMMAM RAAWWATAMEERA?

Raajiin Waaqayyo bara durii dubbate hammam akka raawwatame beekuun kan si barbaachisu maaliifi? Namni haala qilleensaa raagu tokko, wanti inni dubbatu yeroo hundumaa sirrii utuu taʼee dinqisiifachuunkee hin oolu. Sana booda waaʼee haala qilleensaa wanta inni dubbatuuf xiyyeeffannaa ni kennita. Haaluma walfakkaatuun, wanti Waaqayyo dubbate hundi sirriitti akka raawwatame yoo beekte, gara fuulduraa ilaalchisee wanta inni dubbate beekuuf fedhii akka qabaattu beekamaadha.

Dallaa magaalaa Nanawwee ishee kanaan dura balleeffamte keessatti deebifamee ijaarame

Jijjigaa Nanawwee durii keessatti dallaa deebifame ijaarame

BADIISA MAGAALAA GUDDOO TOKKOO:

Fakkeenyaaf, magaalaa guddoon jaarraa hedduudhaaf humna cimaa qabdu tokko, yeroo gabaabaa keessatti akka baddu raajiin dubbatame tokko sirriitti utuu raawwatamee nama dinqisiisa. Waaqayyo, karaa raajiisaa tokkoo Nanawween akka baddu raajii dubbatee ture. (Sefaaniyaa 2:13-15) Barreessitoonni seenaa waaʼee kanaa maal galmeessan? Dh.K.D. Jaarraa torbaffaatti, erga raajiin sun dubbatamee waggaa 15 booda taʼuu hin ooluu, warri Baabiloniifi warri Medoon Nanawwee weeraranii moʼan. Kana malees, Waaqayyo Nanawween ‘akka ontuufi akka lafa duwwaa akka gogdu’ dursee dubbatee ture. Yaadni dursee dubbatame kun raawwatameeraa? Eeyyee. Magaalattiin mandarootashee dabalatee kiilomeetir iskuweerii 518 kan balʼattu taʼus, warri biyyattii moʼan garuu, itti fayyadamuuf jecha ishee balleessuu hin dhiisne. Kanaa mannaa, guutummaatti ishee balleessaniiru. Ogeessi siyaasaa waaʼee wantoota kanaa akkasitti sirriitti raajuu dandaʼu jiraa?

LAFEEN NAMAA NI GUBATA:

Namni waggoota 300 dura maqaafi hidda dhalootaa nama lafee namootaa iddoo aarsaarratti gubuufi maqaa magaalattii iddoon aarsaa sun keessatti argamuu dursee dubbachuuf ija jabaatu jiraa? Raajiin baramaa hin taane akkasii sirriitti yoo raawwatame, nama raajii sana dubbateef beekkamtii akka argamsiisu hin shakkisiisu. Raajiin Waaqayyoo tokko, “Mana Daawitiif ilmi tokko in dhalata, maqaan isaas:- Yosiyaas jedhamee in moggaafama” jedhee ture. Akkasumas, iddoo aarsaa magaalaa Betʼel keessatti argamu tokkorratti ‘lafeewwan namaa akka gubu’ dubbateera. (1 Mootota 13:1, 2) Jaarraa sadii booda mootiin maqaa Yosiyaas jedhamuufi Macaafa Qulqulluu keessatti baramaa hin taane qabu tokko, hidda dhalootaa Daawit keessaa dhufe. Akkuma dursee dubbatame, Yosiyaas “awwaalota sana keessaa lafee baasisee iddoo aarsaa [Betʼelitti argamu] sana irratti gube.” (2 Mootota 23:14-16) Namni tokko humna adda taʼeen yoo geggeeffame malee, wantoota raawwatamuuf jedhan tokko tokkoon akkamitti sirriitti dubbachuu dandaʼa?

Akkuma Isaayaas raajichi dursee dubbate, humni waraanaa Qiiros karaa balbaloota banaa dhiifamanii Baabilonitti yeroo seenu

Kufaatii Baabilon ilaalchisee wanti raajonni Macaafa Qulqulluu dubbatan guutummaatti raawwatameera

BADIISA BULCHIINSA TOKKOO:

Namni tokko, maqaa nama mootummaa addunyaa tokko moʼuufi mala addaa inni itti fayyadamu, namni sun dhalachuusaa yeroo dheeraa dura dursee sirriitti utuu dubbatee baayʼee nama dinqisiisa. Waaqayyo namni Qiiros jedhamu biyya tokko akka moʼu dubbatee ture. Qiiros, Yihudoota boojuu jalaa bilisa akka baasuufi mana qulqullummaasaanii deebisanii akka ijaaraniif akka isaan gargaarus dubbatamee ture. Kana malees, Waaqayyo malli lolaa Qiiros itti fayyadamu laga gogsuu akka dabalatuufi salphaatti akka ishee moʼutti balbaloonni magaalattii banaa akka dhiifaman dubbatee ture. (Isaayaas 44:27–45:2) Raajiin Waaqayyo dubbate kun hundi sirriitti raawwatameeraa? Barreessitoonni seenaa, Qiiros magaalattii moʼuusaarratti walii galu. Humni waraanaa Qiiros tooftaa adda taʼetti fayyadamuudhaan, lageen Baabilon keessaa tokko karaa jijjiirsisee gogseera. Kana malees, humni waraanaa kun karaa balbaloota banaa dhiifamanii magaalattiitti seeneera. Achii booda, Qiiros Yihudoota bilisa kan baase siʼa taʼu, mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu deebisanii akka ijaaran labseera. Qiiros, Waaqa Yihudootaa waan hin waaqeffanneef, kana gochuunsaa kan nama dinqisiisudha. (Izraa 1:1-3) Waaqayyorraan kan hafe qaamni wantoota kana ilaalchisee raajii sirrii dubbachuu dandaʼu jiraa?

Fakkeenyota wanti Waaqayyo dursee dubbate sirriitti akka raawwatamu argisiisan sadii ilaalleerra. Raajiiwwan inni dubbate keessaa kan raawwataman kana qofa miti. Geggeessaa Yihudootaa kan ture Iyaasuun wanta namoota hedduu isa dhaggeeffachaa turan biratti beekamaa taʼe tokko akkas jechuudhaan dubbateera: “Isin abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee akka hin hafne garaa keessan hundumaan, yaada keessan hundumaanis gaarii gootanii beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru, isaan keessaa tokko illee lafa buʼee hin hafne.” (Iyaasuu 23:1, 2, 14) Yihudoonni, Waaqayyo waadaa seeneefi raajii dubbate akka raawwate haaluu hin dandaʼan turan. Haataʼu malee, Waaqayyo raajii dubbate kan raawwatu akkamitti? Akkaataa Waaqayyo wanta tokko itti raawwatuufi kan namootaa gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Waaqayyo wanta dhiheenyatti raawwatu ilaalchisee beeksisa seena qabeessa jireenya keerratti jijjiirama fidu waan dubbateef, kana beekuunkee baayʼee barbaachisaadha.

RAAJIIN WAAQAYYOOFI KAN NAMOOTAA WALBIRA QABAMEE YEROO ILAALAMU

Raajiin namootaa, yeroo baayʼee qorannoo saayinsiirratti, ibsa ogeeyyiin kennanirratti, yeroo tokko tokkommoo yaada namoota humna adda taʼe qabna jedhanii yaadaniirratti kan hundaaʼedha. Namoonni raajii tokko erga dubbatanii booda, yeroo baayʼee taaʼanii wanta uumamu ilaaluun alatti wanti isaan godhan hin jiru.—Fakkeenya 27:1.

Namootarraa haala adda taʼeen Waaqayyo wanta hundumaa beeka. Inni uumamaafi fedhii namootaa guutummaatti beeka; kanaaf, Waaqayyo yeroo barbaadutti, wanta namoonniifi saboonni raawwatan dursee beekuu ni dandaʼa. Haataʼu malee Waaqayyo wanta kana caalus raawwachuu ni dandaʼa. Wanti inni barbaade akka raawwatamu gochuuf, haalawwaniifi wantoota raawwii raajiisaatiif sababii taʼaan toʼachuufi jijjiiruu ni dandaʼa. Kanaaf, wanti inni dursee dubbatte hundi guutummaa guutuutti akka raawwatamu mirkaneessuu ni dandaʼa. Akkas jedheera: “Dubbiin afaan koo keessaa baʼu, . . . wanta ani itti erges in raawwata malee, harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu” jedheera. (Isaayaas 55:11) Raajiiwwan Waaqayyoo tokko tokko kan dubbataman akkuma beeksisaatti ykn labsiittidha.

JIREENYAKEE GARA FUULDURAA

Atiifi namoonni ati jaallatu gara fuulduraatti jireenyi keessan maal akka fakkaatu ilaalchisee raajii amanamaan dubbatame jiraa? Balaan obomboleettii dhufaa akka jiru dursitee yoo beekte, lubbuukee oolchuuf tarkaanfii akka fudhattu beekamaadha. Raajii Macaafa Qulqulluu wajjin haala walqabateenis akkas gochuu ni dandeessa. Waaqayyo dhiheenyatti addunyaa mararratti jijjiiramni guddaan akka dhufu beeksiseera. (Saanduqa, “Gara Fuulduraa Ilaalchisee Wanta Waaqayyo Dubbate” jedhu ilaali.) Wanti Waaqayyo dubbate kun, wanta namoonni ogeeyyii jedhaman gara fuulduraa ilaalchisee dubbatanirraa addadha.

Haalasaa akka armaan gadiitti yaaduu ni dandeessa: Wanti ilmaan namootaa eeggatu beekamaadha. Macaafa Qulqulluurratti dursee waan barreeffameef dhumasaa dursitee beekuu ni dandeessa. Waaqayyo, “Ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, . . . akeeki koo dhaabataa in taʼa, wantan yaades nan raawwadha” jedheera. (Isaayaas 46:10) Atiifi maatiinkee gara fuulduraatti jireenya gammachiisaa qabaachuu ni dandeessu. Wantoota gara fuulduraatti raawwataman ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu Dhugaa Baatota Yihowaa gaafadhu. Dhugaa Baatonni Yihowaa raagdota miti; qaamota hafuuraarraa sagalee akka dhagaʼan ykn waaʼee gara fuulduraa raajuuf dandeettii addaa akka qabanis itti hin dhagaʼamu. Kanaa mannaa, barattoota Macaafa Qulqulluu, wantoota gaarii waaqayyo gara fuulduraatiif qopheessaa jiru sitti himuu dandaʼanidha.

Raajiiwwan Macaafa Qulqulluurratti argaman qoruun keenya, eenyummaa Waaqayyoo ilaalchisee wanta nu barsiisu qaba. Waaqayyo fedhiinsaa maal akka taʼe akka beeknu godheera; kunis inni namootaaf dhimma kan hin qabne akka hin taane argisiisa. Kanaa mannaa, jireenyi keenya gara fuulduraa isa yaaddessa. Namoota gara fuulduraatti jireenya gammachiisaa taʼe argatan keessaa akka taanu barbaada.

Gara Fuulduraa Ilaalchisee Wanta Waaqayyo Dubbate

Samiirraa harki tokko namoota ajajamoo taʼan gara lafa bareedduu jireenyi gammachiisaan irratti jiraatamutti yommuu geessu
  • Wanta raajonni tokko tokko guyyaa dhumaa ilaalchisee dubbatanirraa haala adda taʼeen, Waaqayyo lafti kun gonkumaa akka hin badne nuu mirkaneessa.—Faarfannaa 104:5; Lallaba 1:4.

  • Waaqayyo namoota lafa kana balleessan gochasaanii dhaabsisuuf tarkaanfii ni fudhata.—Faarfannaa 92:7; Mulʼata 11:18.

  • Waaqayyo dhaabbilee amantii hedduun maqaasaa akka balleessaniifi Macaafa Qulqulluudhaaf xiyyeeffannaa akka hin kennine beeka; kanaafuu dhaabbilee kana ni balleessa.—Mulʼata 18:4-9.

  • Nama ykn balaa uumamaa kamiyyuu utuu hin taʼin, bulchiinsa Waaqayyoo isa samiitu namoota hamoo taʼaniifi hin ajajamne balleessa. “Qacceen warra jalʼootaas lafa irraa in balleeffamu.”—Faarfannaa 37:10, 38; Daani’el 2:44.

  • Waaqayyo namoota isa biratti fudhatama argatan ni oolcha; isaanis lafa bareedduurratti ni lalisu. “Nama hirʼina hin qabne caqasi, nama yaada qajeelaas ilaali! Qacceen nama nagaa hin badu.”—Faarfannaa 37:11, 37; Mulʼata 21:3, 4.

  • Waaqayyo isa duratti fudhatama argachuufi “wanta taʼuuf jedhu kana hundumaa jalaa baʼuu” akka dandeessuuf maal gochuu akka qabdu, jaalalaan kakaʼee Macaafa Qulqulluu keessatti siif ibseera.—Luqaas 21:36; Yohannis 17:3.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi