LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w14 6/15 ful. 8-11
  • Kiristiyaanota Wal Hiikan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kiristiyaanota Wal Hiikan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MIIRA ADDADDAA
  • WALʼAANSOO ILAALCHA SIRRII QABAACHUUF GODHAMU
  • KOPHAA AKKA TAʼANIIFI AKKA JIBBAMAN YEROO ITTI DHAGAʼAMU
  • Miidhaa Wal Hiikuun Geessisu Dandaʼanii Jiraachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Warri Koo Yoo Wal Hiikan Haala Isaa Akkamittan Dandamachuu Dandaʼa?
    Gaaffii Dargaggootaa
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
w14 6/15 ful. 8-11

Kiristiyaanota Wal Hiikan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Dubartiin tokko obboleettii gaaʼellishee wal hiikuudhaan jalaa diigame yommuu jajjabeessitu

Hiriyoota gaaʼelaa wal hiikan hedduu beekta taʼa. Kun kan taʼe yeroo harʼaa wal hiikuun baramaa waan taʼeefidha. Fakkeenyaaf qorannoon Poolaanditti geggeeffame tokko, namoonni umrii waggoota 30⁠nii keessatti argaman, gaaʼela godhatanii waggaa sadii hanga jaʼaa erga waliin jiraatanii booda akka wal hiikan ibsa; kan wal hiikan garuu namoota umrii kana keessatti argaman qofa miti.

Dhaabbanni Qajeelcha Maatii Ispeenitti argamu, “[Awurooppaatti] namoota gaaʼela dhaabbatan keessaa walakkaansaanii akka wal hiikan qorannaa godhamerraa hubachuun ni dandaʼama” jechuudhaan gabaaseera. Biyyoota guddatan kaan keessattis haallisaa kanarraa adda miti.

MIIRA ADDADDAA

Sababiin dhimma baramaa taʼe kanaa maalidha? Dubartiin Baha Awurooppaa keessatti gaaʼelarratti gorsa kennuudhaan muuxannoo qabdu tokko, “Wal hiikuun rakkinni uumame, jechuunis michummaan addaan citeefi miidhaan miiraa hiriyoota gaaʼelaa addaan baʼanirra gaʼe seera duratti akka beekamu godha” jechuudhaan dubbatteetti. Itti dabaluudhaan, namoonni sun erga wal hiikanii booda, “aariin, gaabbiin, gaddi, abdii kutachuuniifi qaaniin akka obomboleettii humna guddaa qabuutti isaanirratti akka wal gaʼu” dubbatteetti. Kunimmoo siʼa tokko tokko of ajjeesuuf akka yaadan isaan godha. Dubartiin kun itti fufuudhaan, “Manni murtii akkasaan wal hiikan erga murteessee booda rakkinni uumamu garabiraanis jira. Gatii akka hin qabne kan isaanitti dhagaʼamu taʼuusaarrayyuu namarraa fagaatu. Akkasumas, ‘Amma hiriyaa gaaʼelaakoo hiikeera, egaa kana booda gatii maaliin qaba? Jireenyikoo kaayyoo maalii qaba?’ jedhanii yaaduu jalqabu” jechuudhaan dubbatteetti.

Iivaan waggoota muraasa dura miira isheetti dhagaʼamee ture yaadachuudhaan, “Erga wal hiiknee booda, ollaawwaniifi namoonni ani wajjin hojjedhu ‘hiikamtuu’ jedhanii akka na waaman ennaan yaadu qaanii guddaatu natti dhagaʼame. Baayʼee aareen ture. Ijoollee xixinnoo lama waanan qabuuf abbaas haadhas isaaniif taʼuutu narraa eegama ture” jetteetti.a Addaam inni jaarsa gumii taʼuudhaan waggoota 12f tajaajile, “Yeroo sanatti baayʼee aaree waanan tureef ofan jibbe, akkasumas namarraa fagaachuun filadhan ture” jechuudhaan dubbateera.

WALʼAANSOO ILAALCHA SIRRII QABAACHUUF GODHAMU

Namoonni tokko tokko, waaʼeen jireenyasaanii gara fuulduraa waan isaan yaaddessuuf, wal hiikanii waggoota hedduu boodallee ilaalcha sirrii ofiif qabaachuuf walʼaansoo cimaa godhu. Namoonni kaan akka dhimmasaanii hin qabne isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Kana malees, dubartiin barreessituu gaazexaa taate tokko akka ibsitetti, namoonni kun, “wantoota duraan baranirratti jijjiirama gochuufi rakkoowwan isaan mudatan dandaʼanii jiraachuu barachuu qabu.”

Istaaniislaaf wanta isa mudatee ture yaadachuudhaan, “Yeroo wal hiiknetti, haati manaakoo ijoolleekoo durbaa lamaanii wajjin akkan wal hin argine gootee turte. Kunimmoo namni naa yaadu tokkollee akka hin jirreefi Yihowaanillee akka na dagatee akka natti dhagaʼamu godheera. Jireenyiyyuu na jibbisiisee ture. Yeroo booda garuu ilaalchikoo kun dogoggora akka taʼen hubadhe” jedheera. Dubartiin abbaa manaashee wajjin wal hiikteefi Vaandaa jedhamtu tokkos jireenyi itti dukkanaaʼee akka ture ennaa ibsitu, “Yeroo booda namoota hidhata amantiikoo taʼan dabalatee namni hundi anaafis taʼe ijoollee kootiif akka hin yaadne natti dhagaʼamee ture. Haataʼu malee, amma ijoolleenkoo Yihowaa waaqeffachuudhaan akka guddatan gochuuf yommuun carraaqqii godhu, obboloonni deggersa akka naaf godhan arguu dandaʼeera.”

Kanarraa hubachuun akka dandaʼamutti hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko erga wal hiikanii booda miira hin taanetu isaanitti dhagaʼamuu jalqaba. Gatii kan hin qabneefi xiyyeeffannaan kan isaaniif hin malle godhanii waan yaadaniif ilaalcha sirrii hin taane ofiif qabaatu. Kana malees, namoota naannoosaanii jiran ceephaʼuu jalqabuu dandaʼu. Kunimmoo obboloonni gumii keessa jiran dhimmasaanii kan hin qabneefi kan isaaniif hin yaadne akka taʼan godhanii yaaduu akka jalqaban gochuu dandaʼa. Taʼus, muuxannoo kan akka Istaaniislaafiifi Vaandaarraa hubachuun akka dandaʼamutti namoonni wal hiikan, obboloonni gumii keessa jiran akka isaaniif yaadan yeroo booda hubachuu dandaʼu. Obboloonni hedduun gargaarsi isaan godhan jalqabarratti yoo hubatamuu baateyyuu, gargaarsa gochuurraa duubatti hin jedhan.

KOPHAA AKKA TAʼANIIFI AKKA JIBBAMAN YEROO ITTI DHAGAʼAMU

Obboloonni hidhata amantii keenyaa taʼaniifi wal hiikan, isaan gargaaruuf carraaqqii akkamii yoo goonellee kophummaan isaanitti dhagaʼamuunsaa akka hin oolle hin dagatinaa. Keessumaa obboleettonni hiriyaa gaaʼelaasaanii wajjin wal hiikan namni isaaniif yaadu akka hin jirre isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Alasiyaan akkas jetteetti: “Abbaa manaakoo wajjin ergan wal hiikee waggaan saddeet darbeera. Taʼus, ammayyuu yeroo tokko tokko gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama. Yeroo kanatti, kophaa taʼuun barbaada, booʼi! booʼi! na jechisiisa, akkasumas gadda guddaatu natti dhagaʼama.”

Miirri olitti caqasame miira beekamaa nama hiriyaa gaaʼelaasaa hiiketti dhagaʼamu taʼus, Macaafni Qulqulluun namarraa adda of baasuun sirrii akka hin taane gorsa. Gorsa kanarraa haala faallaa taʼeen tarkaanfii fudhachuun ‘ogummaa isa guutuu taʼe’ mormuu namatti taʼa. (Fak. 18:1) Haataʼu malee, namni miirri kophummaa itti dhagaʼamaa jiru, yeroo hundumaa nama saala faallaa qaburraa gorsa ykn jajjabina barbaaduun ogummaa akka hin taane hubachuu qaba. Kanaaf, wanta jaalala sirrii hin taane nama keessatti uumurraa fagaachuun barbaachisaadha.

Obboloonni keenya hiriyoota gaaʼelaasaanii wajjin wal hiikan waaʼee jireenyasaanii isa gara fuulduraa dhiphachuufi kophummaa ykn miira fudhatama akka hin qabne isaanitti dhagaʼamu dabalatee miira rakkisaa taʼe addaddaatiif saaxilamuu dandaʼu. Miirri akkasii isaanitti dhagaʼamuunsaa sirrii akka taʼeefi moʼuun ulfaataa akka taʼe hubachuun keenya, fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan obboloota kanaaf deggersa barbaachisaa taʼe gochuuf nu kakaasuu qaba. (Far. 55:22; 1 Phe. 5:6, 7) Gargaarsi nuti isaaniif goonu kamiyyuu iddoo guddaa akka qabu irraanfachuu hin qabnu. Dhugumayyuu obboloonni kun michoota dhugaa gumii keessatti argamanirraa gargaarsa argachuu dandaʼu!—Fak. 17:17, NW; 18:24.

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru

Wal Hiikuu Ilaalchisee Ilaalcha Qabaachuu Qabnu

Tajaajiltoonni Yihowaa gaaʼelaaf iddoo guddaa kennu. Kun kan taʼe gama kanaan ilaalchi nuti qabnu Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe waan taʼeefidha. Fakkeenyaaf, Miilkiyaas 2:16⁠rratti, Waaqayyo ‘nama haadha manaasaa gad dhiisu baayʼisee akka jibbu’ dubbateera. Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, wanti wal hiikuudhaaf sababa taʼu hiriyoota gaaʼelaa keessaa inni tokko ejja yoo raawwate qofadha. Kanaaf, namni tokko gaaʼela kan biraa dhaabbachuuf jedhee hiriyaa gaaʼelaasaa hiikuuf gaaffii yoo dhiheesse, yaada nama kanaa keessummeessuun dogoggora guddaadha.—Uma. 2:22-24; Kes. 5:21; Mat. 19:4-6, 9.

Haataʼu malee, obboloonni gumii keessatti argaman, obboloota hiriyaan gaaʼelaasaanii ejja akka raawwate erga mirkaneeffatanii booda wal hiikuuf murteessan ni gargaaru. Obboloonni gumii keessatti argaman fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan obboloota qajeeloo “garaan isaanii cabe” kana gargaaruuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu.—Far. 34:15, 18; Isa. 41:10.

GARGAARUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

Nama gargaarsa barbaadu tokko gargaaruu ni dandeessaa? Namni miirri mataduree kana keessatti ibsame isatti dhagaʼamaa jiru yoo si mudate nama sana gargaaruuf maal gochuu dandeessa? Kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhuufi gama kanaan gargaarsa Kiristiyaanonni nama tokkoof gochuu dandaʼan haa ilaallu.

Wanta dhaggeeffattu filadhu. (Fak. 16:20, 23)

Namni tokko hiriyaa gaaʼelaasaa wajjin erga wal hiikee booda wantoota wal hiikuusaaniitiif sababa taʼan tokko tokkoon dubbachuu hin barbaadu taʼa. Nama sana dirqisiisuudhaan miira isatti dhagaʼame akka ibsu gochuun miidhaa geessisuu kan dandaʼu siʼa taʼu aarii kan qabbaneessu taʼuu dhiisuu dandaʼa. (Fak. 12:25; Rom. 12:15) Miikaawu inni Addaam isa olitti caqasameef gargaarsa gochaa ture, namni tokko gara laafessaafi wanta dubbatamu filatee kan dhaggeeffatu taʼuu akka dandaʼu ni amana. Akkas jedheera: “Addaamiin gargaaruuf carraaqqii gochaa kanan ture siʼa taʼu, torban miirri hin taane isatti dhagaʼamutti wantoota yeroo booda itti gaabbu tokko tokko natti hima.” Kanaaf Miikaawuun yeroo kanatti wanta hunda gadi fageenyaan beekuu akka hin barbaanne isatti hima. Taʼus, yeroo Addaam dubbatu akka michuu dhugaatti isa dhaggeeffata. Walgaʼiin jalqabamuusaa dura ykn erga xumuramee booda yaada gaarii dubbachuudhaan isaan jajjabeessuu dandeenya. Fakkeenyaaf, “Akkam, jajjabaachaa jirtaa? Haalli ati keessa jirtu hammam ulfaata akka taʼe yaadaan ture. Gama kanaan si gargaaruun barbaada” jechuu dandeenya taʼa.

Wanta isaanitti tolu godhi. (Filp. 2:4)

Obboleessi Miiroswaaf jedhamu wanta isa mudatee ture akkas jechuudhaan dubbateera: “Aniifi haati manaakoo obboleettii abbaa manaashee wajjin wal hiikte tokko gargaaruuf sagantaa baafannee turre. Fakkeenyaaf, furtuu balbala manashee isheedhaaf suphinee turre. Akkasumas konkolaataa keenyaan mana yaalaatti ishee geessinee turre.” Wantoonni kun salphaa yoo fakkaataniyyuu nama sanaaf faayidaa guddaa argamsiisu. Obboleettiin gargaarsi godhameef sun suuta suuta miirri gaariin isheetti dhagaʼamuu jalqabeera. Kana malees, yeroo booda qajeelchituu kan taate ennaa taʼu, intallishee umrii waggaa 11 cuuphamteetti.

Abbaan manaafi haati manaa tokko obboleettii gaaʼellishee wal hiikuudhaan jalaa diigame yommuu gargaaran

Nama hiriyaa gaaʼelaasaa wajjin wal hiike sana Yihowaan haala inni keessa jiru akka hubatu isa yaadachiisi.

Namni tokko ofiisaatiif ilaalcha gaarii hin qabu taanaan, Yihowaan tokkoon tokkoon tajaajiltootasaatiif iddoo guddaa akka kennu isa yaadachiisuu dandeessa. Nuti ‘simbirroota baayʼeerra guddaa akka caallu’ mirkanaaʼoodha; Yihowaa duratti gatii guddaa qabna. (Mat. 10:29-31) Yihowaan ‘Waaqa garaa namaa qoree ilaalu’ waan taʼeef, haala namoonni hiriyaa gaaʼelaasaanii wajjin wal hiikan keessa jiran hubachuu ni dandaʼa. Tajaajiltootasaa warra amanamoo taʼan matumaa hin gatu. (Fak. 17:3; Far. 145:18; Ibr. 13:5) Kanaaf nama haala akkasii keessatti argamu ennaa gargaartu, Yihowaan jaalala inni dhugaadhaaf qabuufi carraaqqii inni waaqeffannaa dhugaa deggeruuf godhu akka dinqisiifatu isa yaadachiisi.—Filp. 2:29.

Namni hiriyaa gaaʼelaasaa wajjin wal hiike gumiirraa akka hin fagaanne isa jajjabeessi.

Obboloonni tokko tokko yeroo miirri addaddaa isaanitti dhagaʼamu gumii dhaquun baayʼee isaanitti ulfaata. Haataʼu malee, walgaʼiiwwan kan nu jajjabeessan siʼa taʼu, wal “cimsuudhaaf” kan hundeeffamanidha. (1 Qor. 14:26; Far. 122:1) Gama kanaan, jaarsoliin gumii dursa fudhachuunsaanii barbaachisaadha. Vaandaa isheen duratti caqasamte, “gargaarsa obboloonni jaalalaan kakaʼanii nuuf godhan yoomiyyuu hin irraanfannu” jetteetti.

Namni hiriyaa gaaʼelaasaa wajjin wal hiike, gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu, qayyabannaa dhuunfaa gochuufi xiinxaluudhaan hariiroo Yihowaa wajjin qabu akka cimsatu jajjabeessi. (Yaq. 4:8)

Yihowaan waaqa hundumaa dandaʼuufi samiirra jiraatu taʼus, ‘gara isa gad deebiʼaafi isa hafuura cabaa, gara isa yommuu inni itti dubbatu hollatuu in ilaala.’ Namni hiriyaa gaaʼelaasaa wajjin wal hiike kana akka yaadatu godhi, akkasumas kadhannaafi qayyabannaa dhuunfaa gochuun hundi keenya gara Yihowaatti akka dhihaannu nu gochuusaa jabeessii ibsiif.—Isa. 66:2.

Tajaajila akka sii wajjin baʼu ykn walgaʼii gumiitiif akka si faana qophaaʼu isa afeeri.

Obboloonni lama yommuu waliin tajaajilan

Kunimmoo jireenyasaa isa gara fuulduraarratti ofitti amanamummaa akka qabaatu isa godha. Maartaa isheen obboleettii abbaa manaashee wajjin erga wal hiiktee booda gadda guddaadhaan liqimfamte gargaarte, “Yeroo hundumaa wal faana tajaajila baana. Wanta karoorfanne galmaan akka geenye yommuu hubannu gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Yeroo tokko tokko walgaʼii gumii wal faana qophoofna, achiis nyaata miʼaawaa qopheessinee waliin nyaanna” jetteetti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi