Ittiin Baafata
Hagayya 15, 2014
© 2014 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
FULBAANA 29, 2014–ONKOLOOLESSA 5, 2014
Kaayyoo Yihowaa Keessatti Dubartoonni Gahee Akkamii Qabu?
FUULA 6 • FAARFANNAA: 3, Faarfannaa 9
ONKOLOOLESSA 6-12, 2014
Dubbii Waaqayyoo Isa Jiraataatti Fayyadamaa!
FUULA 11 • FAARFANNAA: 37, 10
ONKOLOOLESSA 13-19, 2014
Yihowaan Kan Nutti Dhihaatu Akkamitti?
FUULA 16 • FAARFANNAA: 51, 48
ONKOLOOLESSA 20-26, 2014
Bakka Jirtan Hundumaatti Sagalee Yihowaa Dhagaʼaa
FUULA 21 • FAARFANNAA: 26, 11
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
▪ Kaayyoo Yihowaa Keessatti Dubartoonni Gahee Akkamii Qabu?
Mormiin Eeden keessatti Waaqayyorratti kaʼe dhiirotaafi dubartootarratti miidhaa akkamii akka geessise baradhu. Muuxannoo dubartoota bara durii Waaqayyoon sodaatanii ilaali. Akkasumas, dubartoonni Kiristiyaanota taʼan yeroo harʼaa kaayyoo Waaqayyoo keessatti gahee akkamii akka qaban baradhu.
▪ Dubbii Waaqayyoo Isa Jiraataatti Fayyadamaa!
Babalʼistoonni Mootummichaa hundi tajaajilasaaniirratti buʼa qabeeyyii taʼuu barbaadu. Macaafa Qulqulluufi tiraaktota keenyatti fayyadamuudhaan maree jalqabsiisuufi Dubbii Yihowaa isa jiraataa taʼeen garaasaanii tuqu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalchisee, fakkeenyota tajaajilarratti buʼa qabeessa taʼanii argaman tokko tokko ilaali.
▪ Yihowaan Kan Nutti Dhihaatu Akkamitti?
Uumaa keenyaa wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya qabaachuu barbaanna. Qophiin furii akkasumas Dubbiisaa nuu kennuunsaa Yihowaan ofitti nu dhiheessuuf dursa fudhachuusaa kan argisiisu akkamitti akka taʼe baradhu.
▪ Bakka Jirtan Hundumaatti Sagalee Yihowaa Dhagaʼaa
Dhugaa keessa jiraachuuf wanta Yihowaan dubbatu dhaggeeffachuu qabna. Seexanniifi cubbuun keessa keenya jiru utuu dhiibbaa nurraan geessisuu, sagalee Yihowaa dhaggeeffachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baradhu. Matadureen kun walqunnamtii gaarii Waaqayyoo wajjin qabaachuun hammam barbaachisaa akka taʼe akka hubannu nu gargaara.
MATADUREEWWAN DABALATAA
3 “Yeroodhaan Nyaata” Argachaa Jirtaa?
FAKKII QOLASAARRA JIRU: Obboleettonni bakka bashannanaa Teel Aaviivitti argamutti afaan Ruusiyaatiin yeroo lallaban. Duubaan kan mulʼatu tulluuwwan dhagaa yeroo ammaa Jaafaa jedhaman siʼa taʼu, bara duriitti buufata doonii Yoophee ture
ISRAAʼEL
BAAYʼINA UUMMATAA
8,050,000
LAKKOOFSA OLAANAA BABALʼISTOOTAA BARA 2013
1,459
NAMOOTA BARA 2013TTI AYYAANA YAADANNOORRATTI ARGAMAN
2,671