Ittiin Baafata
Fulbaana 15, 2014
© 2014 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
ONKOLOOLESSA 27, 2014–SADAASA 2, 2014
Wanti Itti Amantu Dhugaa Taʼuusaa Mirakanaaʼaadhaa? Maaliif?
FUULA 7 • FAARFANNAA: 28, 16
SADAASA 3-9, 2014
‘Gidiraa Baayʼeen’ Isinirra Gaʼus Amanamummaadhaan Waaqayyoon Tajaajilaa
FUULA 12 • FAARFANNAA: 24, 49
SADAASA 10-16, 2014
FUULA 17 • FAARFANNAA: 41, 24
SADAASA 17-23, 2014
Diinni Keenya Duuti Ni Golgoleeffama
FUULA 23 • FAARFANNAA: 12, 5
SADAASA 24-30, 2014
Warra Tajaajila Yeroo Guutuu Keessa Jiran Yaadadhaa
FUULA 28 • FAARFANNAA: 1, 17
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
▪ Wanti Itti Amantu Dhugaa Taʼuusaa Mirkanaaʼaadhaa? Maaliif?
Matadureen kun, namoonni kaan wanti Dhugaa Baatonni Yihowaa barsiisan dhugaadha kan jedhan maaliif akka taʼe ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaas, wanti itti amanan dhugaa taʼuusaa akka mirkaneeffatan kan godhe maal akka taʼe ni ilaalla.
▪ ‘Gidiraa Baayʼeen’ Isinirra Gaʼus Amanamummaadhaan Waaqayyoon Tajaajilaa
Gidiraan kan nurra gaʼu addunyaa Seexanaa keessa waan jiraannuufi. Qorumsi tokko tokko amantii keenyarra kan gaʼu kallattiidhaan siʼa taʼu, kaanimmoo dhoksaadhaani. Matadureen kun, haala kana hubachuufi dhiibbaa Seexanni nurraan gaʼuuf qophaaʼuuf nu gargaara.
▪ Warri—Ijoollee Keessan Tiksaa
Warri ijoolleesaanii “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” guddisuu qabu. (Efe. 6:4) Matadureen kun karaawwan akkas gochuufi ijoolleesaaniitiif tiksitoota hafuuraa taʼuu itti dandaʼan sadii ibsa.
▪ Diinni Keenya Duuti Ni Golgoleeffama
Duuti ilmaan namootaatti kan dhufe akkamitti? ‘Diinni keenya duuti kan golgoleeffamu’ akkamitti? (1 Qor. 15:26) Deebiin gaaffii kanaa haqa, ogummaafi keessumaammoo jaalala Yihowaa kan argisiisu akkamitti akka taʼe ilaalla.
▪ Warra Tajaajila Yeroo Guutuu Keessa Jiran Yaadadhaa
Sirna kana keessatti akkas gochuun ulfaataa taʼus, Yihowaan durii kaasee tajaajiltoota amanamoo yeroosaanii guutuu isa tajaajilan qaba. ‘Hojii amantiisaaniifi hojii isaan jaalalaan kakaʼanii hojjetan’ yaadachuuf maal gochuu dandeenya?—1 Tas. 1:3.
FAKKII QOLASAARRA JIRU: Obboloonni lama magaalaa Negoomboo ishee qarqara galaanaa lixa Sirii Laankaatti argamtu keessatti, nama qurxummii qabutti ergaa Macaafa Qulqulluu yeroo himan
SIRII LAANKAA
BAAYʼINA UUMMATAA
20,860,000
BABALʼISTOOTA
5,600
QAJEELCHITOOTA YEROO HUNDAA
641