Ittiin Baafata
Amajjii 15, 2015
© 2015 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
BITOOTESSA 2-8, 2015
Yihowaadhaaf Galata Galchuudhaan Eebba Argadhaa
FUULA 8 • FAARFANNAA: 2, 28
BITOOTESSA 9-15, 2015
Irbaata Gooftaa Kan Kabajnu Maaliifi?
FUULA 13 • FAARFANNAA: 8, 5
BITOOTESSA 16-22, 2015
Gaaʼela Cimaa Fi Gammachuu Qabu Ijaaraa
PAGE 18 • SONGS: 36, 51
BITOOTESSA 23-29, 2015
Yihowaan Gaaʼela Keessan Isinii Haa Jabeessu Haa Eegus
FUULA 23 • FAARFANNAA: 36, 50
BITOOTESSA 30, 2015–EBLA 5, 2015
Jaalala Hin Badne Qabaachuun Ni Dandaʼamaa?
FUULA 28 • FAARFANNAA: 3, 18
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
▪ Yihowaadhaaf Galata Galchuudhaan Eebba Argadhaa
Eebbawwan arganne irratti xiinxaluu fi wantoota kanaaf Yihowaa galateeffachuudhaan, amala galateeffannaa argisiisuu keenya itti fufu ni dandeenya. Amala galateeffannaa qabaachuun keenya, galateeffannaa dhabuu irraa fagaachuu fi rakkina dandaʼuuf nu gargaara. Caqasni waggaa 2015 waggaa guutuu kana yaadachuuf nu gargaara.
▪ Irbaata Gooftaa Kan Kabajnu Maaliifi?
Mata dureen kun, Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus kabajuu kan qabnu maaliif akka taʼe ibsa. Maxinoo fi wayniin Ayyaanicha irratti dhihaatu maal akka bakka buʼuu fi namni tokko kana irraa hirmaachuu kan qabu taʼuu isaa beekuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼes ni ibsa. Akkasumas, dhuunfaatti Irbaata Gooftaatiif qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara.
▪ Gaaʼela Cimaa Fi Gammachuu Qabu Ijaaraa
▪ Yihowaan Gaaʼela Keessan Isinii Haa Jabeessu Haa Eegus
Hiriyoonni gaaʼelaa dhiibbaa fi qorumsa garaa garaatu isaan irra gaʼa. Taʼus, gargaarsa Yihowaatiin gaaʼela cimaa fi gammachuu qabu qabaachuun ni dandaʼama. Mata dureen jalqabaa, waaʼee wantoota akka bilokkeettii taʼanii gaaʼela cimaa fi hin diigamne ijaaruuf gargaaran shanii fi waaʼee wanta akka simmiintoo taʼuudhaan bilokkeettiiwwan kana wal qabsiisuuf gargaaruu ibsa. Mata duree lammaffaa irratti immoo, gaaʼela keenya balaa irraa eeguuf maal gochuu akka dandeenyu qorra.
▪ Jaalala Hin Badne Qabaachuun Ni Dandaʼamaa?
Jaalalli dhiiraa fi dubartii tokko gidduu jiru kan dhugaa ti kan jedhamu yeroo akkamiitti? Jaalala hin badne qabaachuun ni dandaʼamaa? Jaalalli akkasii kan ibsamu akkamitti? Weedduun Weedduu Caalu waaʼee jaalala hin badnee maal akka nu barsiisu ilaali.
MATADUREE DABALATAA
FAKKII QOLA ISAA IRRA JIRU: Macaafa Qulqulluu harkatti qabatanii Giriindilwooldi isa naannoo Gaarreen Barniisitti argamuu fi bareedaa taʼeetti utuu lallabanii
SIWIIZARLAANDI
BAAYʼINA UUMMATAA
7,876,000
BABALʼISTOOTA
18,646
NAMOOTA AYYAANA YAADANNOO IRRATTI ARGAMAN (2013)
31,980