Ittiin Baafata
Bitootessa 15, 2015
© 2015 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
CAAMSAA 4-10, 2015
“Kun Akka Taʼu Fedha Kee Taʼeera”
FUULA 7 • FAARFANNAA: 32, 34
CAAMSAA 11-17, 2015
FUULA 12 • FAARFANNAA: 14, 24
CAAMSAA 18-24, 2015
Fakkeenya Waaʼee Taalaantii Dubbatu Irraa Baradhaa
FUULA 19 • FAARFANNAA: 10, 43
CAAMSAA 25-31, 2015
Obboloota Kiristos Amanamummaadhaan Deggeruu
FUULA 25 • FAARFANNAA: 16, 18
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
▪ “Kun Akka Taʼu Fedha Kee Taʼeera”
▪ ‘Dammaqinaan’ Ni Eegduu?
Mata duree jalqabaa irratti, Yihowaan barumsa caalaatti ifaa fi salphaa taʼaa deemetti fayyadamee saba isaa kan geggeesse akkamitti akka taʼe ilaalla. Isa lammaffaa irratti immoo, fakkeenya Yesus waaʼee durboota kurnanii dubbate kan qorru siʼa taʼu, fakkeenyichi karaa hafuuraa dammaqinaan itti fufuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼes ni ilaalla.
▪ Fakkeenya Waaʼee Taalaantii Dubbatu Irraa Baradhaa
▪ Obboloota Kiristos Amanamummaadhaan Deggeruu
Yesus waaʼee mallattoo argamuu isaa yeroo dubbatetti fakkeenyota lama caqaseera. Inni tokko waaʼee hojjettoota taalaantiin kennameefii kan dubbatu siʼa taʼu, inni lammaffaan immoo namoonni hoolotatti fakkeeffaman reʼoota irraa akka adda baafaman dubbata. Yesus fakkeenyota kana kan dubbate maaliif akka taʼee fi nuun kan ilaallatan akkamitti akka taʼe baradhu.
MATADUREEWWAN DABALATAA
3 Hojii Caalaatti Nama Kiisu Arganne
30 “Nama Amane” Qofa Hiriyaa Gaaʼelaa Godhachuu—Yeroo Ammaattis Ni Hojjetaa?
FAKKII QOLA ISAA IRRA JIRU: Tuuristoonni hedduun jijjiga bara durii ilaaluuf gara Koppaan kan deeman siʼa taʼu, Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoo sana jiraatan garuu, yeroo gara fuulduraa irratti akka xiyyeeffatan namoota gargaaraa jiru
HONDURAAS
BAAYʼINA UUMMATAA
8,111,000
BABALʼISTOOTA
22,098
QAJEELCHITOOTA YEROO HUNDAA
3,471
Honduraasitti afaan hojii Afaan Ispeeni dha. Taʼus, babalʼistoonni 365 taʼanii fi gumiiwwan 12 keessatti argaman Afaan Gaariifunaatti ni fayyadamu. Kana malees, gumiiwwan 11 fi tuutawwan 3 Afaan Mallattoo Honduraasitti fayyadaman jiru