Maqaa Waaqayyoo (isa itti dibame) barreeffama Kitaaba Qulqulluu durii harkaan qophaaʼe irratti
Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Waaqayyo maqaa qabaa?
NAMOONNI TOKKO TOKKO Waaqayyo maqaa hin qabu jedhu; kaan immoo maqaan isaa Waaqayyo ykn Gooftaa akka taʼe dubbatu; kaanis maqaa garaa garaa hedduu qaba jedhu. Ati hoo maal sitti fakkaata?
KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
“Maqaan kee ‘Isa Jiraataa’ [Yaahwee ykn “Yihowaa,” NW]a akka ta’e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru taʼuu kees haa beekan!”—Faarfannaa 83:18.
WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU
Waaqayyo maqaawwan ulfinaa hedduu kan qabu taʼus, maqaa ofii isaatiif baase tokko qofa qaba. —Baʼuu 3:15, NW.
Waaqayyo iccitii miti; akka isa beeknu barbaada. —Hojii Ergamootaa 17:27.
Waaqayyoo wajjin michummaa uumuuf tarkaanfiin inni jalqabaa, maqaa isaa beekuu dha.—Yaaqoob 4:8.
Maqaa Waaqayyoo waamuun dogoggora dhaa?
MAAL SITTI FAKKAATA?
Eeyyee
Lakki
Haala isaa irratti kan hundaaʼe dha
KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
“Maqaa Waaqayyoo gooftaa keetii akkasumaan hin dha’in!” (Baʼuu 20:7) Maqaa Waaqayyootti fayyadamuun dogoggora kan taʼu karaa ulfina hin qabneen yoo itti fayyadamne qofa dha.—Ermiyaas 29:9.
WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU
Yesuus maqaa Waaqayyoo beeka ture; akkasumas itti fayyadameera.—Yohaannis 17:25, 26.
Waaqayyo maqaa isaatiin akka isa waamnu nu afeereera.—Faarfannaa 105:1.
Diinonni Waaqayyoo namoonni maqaa isaa akka irraanfatan gochuuf yaalu.—Ermiyaas 23:27.
a Ibsa Dabalataa Kitaaba Qulqulluu Afaan Oromoo bara 1997 fuula 387 mata duree xiqqaa “Amantii” jedhu jalatti “Waaqayyo isa kan Israaʼel” jedhee, “Inni Waaqayyo isa Yaahwee jedhamee beekame dha” jedha.