LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp16 Lakk. 2 ful. 3-4
  • Dhugumaan kun Raawwatamee Turee?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugumaan kun Raawwatamee Turee?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA?
  • DUʼAA KAʼUU YESUS ILAALCHISEE HOO MAAL JECHUUTU DANDAʼAMA?
  • Duʼaa Kaʼuun Yesus Nuuf Hiika Maalii Qaba?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Duʼaa Kaʼuun Yesus Dhugumaan Raawwatameeraa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Duʼaa Kaʼuun—Abdii Amansiisaa dha!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Yesus Kiristosiin Ilaalchisee Gaaffiiwwan Kaʼaniif Deebii Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
wp16 Lakk. 2 ful. 3-4
Reeffi Yesus yommuu muka dhiphinaa irraa buufamu barattonni isa fagoo dhaabatanii ilaalaa jiru

MataDuree Fuula Jalqabaa | Yesus kan Dhiphatee fi kan Duʼe Maaliifi

Dhugumaan Kun Raawwatamee Turee?

Yesus inni nama Naazireet ture Dh.K.B. arfaasaa bara 33⁠tti ajjeefame. Fincila kaaseera jedhamee himatame; garmalee reebame; akkasumas muka irratti mismaaraan rukutame. Dhiphina guddaa isa irra gaʼeenis ni duʼe. Waaqayyo garuu duʼaa isa kaase; guyyoota 40 booda gara samiitti ol baʼe.

Seenaan dinqisiisaa taʼe kun, Wangeelota Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii arfan yeroo baayʼee Kakuu Haaraa jedhaman keessatti argama. Dhuguma seenaawwan achi keessatti ibsaman raawwatamaniiru? Kun gaaffii sirrii kaʼuu qabu dha. Seenaawwan kun dhugumaan hin raawwatamne taanaan, amantiin Kiristiyaanaa gatii hin qabu, akkasumas abdiin Jannata keessa bara baraaf jiraachuu abjuu raawwatamuu hin dandeenye taʼa jechuu dha. (1 Qorontos 15:14) Wantoonni kun dhugumaan raawwatamaniiru yoo taʼe immoo, abdiin gammachiisaa ilmaan namootaatiif kennamee fi atis irraa hirmaachuu dandeessu jira jechuu dha. Maarree seenaawwan Wangeela keessatti ibsaman dhugaa moo asoosama dha?

RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA?

Oduuwwan durii nama gammachiisuuf qofa qophaaʼan irraa haala adda taʼeen, wantoonni Wangeelota keessatti barreeffaman of eeggannoo fi xiyyeeffannaa guddaadhaan, balʼinaan kan barreeffamani dha. Fakkeenyaaf, maqaa biyyoota yeroo ammaatti jiranii fi daawwatamuu dandaʼan hedduu kan qabatani dha. Waaʼee namoota yeroo tokkotti jiraachaa turanii fi barreessitoonni seenaa waaʼee isaanii barreessaniis nutti himu.—Luqaas 3:1, 2, 23.

Barreessitoonni seenaa jaarraa tokkoffaa fi lammaffaatti turan iyyuu waaʼee Yesus barreessanii turan.a Akkaataa inni itti duʼe ilaalchisee wanti Wangeelota keessatti ibsame, akkaataa warri Roomaa yeroo sanatti namoota itti ajjeesanii wajjin kan wal simu dha. Kana malees, taʼeewwan wangeelota keessatti ibsaman ragaadhaan kan deggeramanii fi amanamummaadhaan kan barreeffamani dha; waaʼeen hanqina barattoota Yesus illee barreeffameera. (Maatewos 26:56; Luqaas 22:24-26; Yohannis 18:10, 11) Ragaawwan kun hundi barreessitoonni Wangeelaa amanamummaadhaan, akkasumas sirriitti waaʼee Yesus akka barreessan mirkaneessu.

DUʼAA KAʼUU YESUS ILAALCHISEE HOO MAAL JECHUUTU DANDAʼAMA?

Yesus nama yeroo tokkotti jiraatee fi duʼe taʼuu isaa namoonni hedduun kan amanan taʼus, tokko tokko waaʼee duʼaa kaʼuu isaa ilaalchisee gaaffii kaasu. Ergamoonni isaa illee jalqaba irratti oduu waaʼee duʼaa kaʼuu isaa ibsu hin amanne turan. (Luqaas 24:11) Haa taʼu malee, isaanis taʼan barattoonni kaan, Yesus isa duʼaa kaʼe yeroo adda addaatti yommuu argan shakkiin isaanii ni bade. Yeroo tokko, namoonni 500 ol taʼan ija isaaniitiin isa arganii turan.—1 Qorontos 15:6.

Isaan hiisisuu fi isaan ajjeesisuu kan dandaʼu taʼu illee, barattoonni, Yesus duʼaa kaʼuu isaa namoota hundaaf, warruma Yesusiin ajjeesaniif illee ija jabinaan lallabaniiru. (Hojii Ergamoota 4:1-3, 10, 19, 20; 5:27-32) Barattoonni Yesus hedduun inni dhuguma duʼaa kaʼuu isaa mirkanaaʼoo utuu taʼuu baatanii ija jabinaan ni lallabu turanii? Kiristiyaanummaan addunyaa yeroo sanattis taʼe yeroo ammaa jiru keessatti iddoo guddaa kan qabaate Yesus dhugumaan duʼaa waan kaʼeefi dha.

Seenaan Wangeelaa waaʼee duʼa Yesusii fi duʼaa kaʼuu isaa dubbatu, ulaagaa seenaan tokko sirrii taʼuu isaa mirkaneessu kan guutu dha. Seenaawwan kana xiyyeeffannaadhaan dubbisuun kee wantoonni kun dhuguma kan raawwataman taʼuu isaanii akka amantu si gargaara. Seenaawwan kun maaliif akka raawwataman yommuu hubattu amantiin kee caalaatti siif cimsa. Mata dureen itti aanu waaʼee kanaa ibsa.

a Taasiitas inni Dh.K.B, bara 55⁠tti dhalate akkana jedhee barreesseera: “Kiraayistus [Kiristos] inni maqaan Kiristiyaanota jedhamu irraa argame, Phaanxiyos Philaaxos isa bara bulchiinsa Xibaariyositti geggeessitoota keenya keessaa tokko tureen adaba cimaadhaan adabameera.” Suwitooniyas (jaarraa jalqabaa), Joseefas inni barreessaa seenaa Yihudootaa taʼe (jaarraa jalqabaa), akkasumas Piliinii inni Xinnoon inni bulchaa Bitaaniyaa ture (jalqaba jaarraa lammaffaa) waaʼee Yesus barreessaniiru.

Kitaaba Qulqulluudhaan Alatti Ragaan Dabalataa kan hin Argamne Maaliifi?

Yesus dhugumaan jiraachaa akka turee fi duʼaa kaʼuu isaa ilaalchisee, Kitaaba Qulqulluun alatti maddawwan jaarraa jalqabaatti turan irraa ragaa ni arganna jennee eeguu qabnaa? Eeguu hin qabnu. Tokkoffaa, Wangeelonni erga barreeffamanii gara waggaa 2,000 taʼeera. Barreeffamoota yeroo sanatti barreeffaman keessaa yeroo ammaatti kan argaman muraasa qofa dha. (1 Phexros 1:24, 25) Kana malees, mormitoonni Yesus hedduun yaadawwan namoonni Yesusitti akka amanan gargaaran ni barreessu jedhanii yaaduun gowwummaa dha.

Duʼaa kaʼuu Yesus ilaalchisee Phexros inni ergamoota isaa keessaa tokko ture akkana jedheera: “Waaqayyo . . . guyyaa sadaffaatti duʼaa isa kaasee, akka inni mulʼatu godhe. Haa taʼu iyyuu malee, nama hundumaatti utuu hin taʼin, nuyi warra dhuga-baatuu isaa akka taanuuf foʼamnee, duʼaa kaʼuu isaa booddee isaa wajjin nyaannee dhugnetti mulʼate.” (Hojii Ergamootaa 10:40, 41) Yesus namoota hundatti kan hin mulʼanne maaliifi? Wangeelli Maatewos geggeessitoonni amantii diinota Yesus taʼan inni duʼaa kaʼuu isaa yommuu dhagaʼan, oduun isaa akka hin babalʼanne gochuuf karoorfatanii akka turan ibsa.—Maatewos 28:11-15.

Kana jechuun Yesus duʼaa kaʼuun isaa iccitii akka taʼu barbaada ture jechuu dhaa? Lakki, Phexros itti fufuudhaan, “Inni wangeelicha namootatti akka lallabnuuf, warra jiranii fi warra duʼan irratti abbaa firdii taʼee moosifamuu isaas, akka dhugaa baanuuf nu abboomeera” jedheera. Kiristiyaanonni dhugaas akkanuma godhaniiru, ammas akkas gochaa jiru.—Hojii Ergamootaa 10:42.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi