Ittiin Baafata
CAAMSAA 2-8, 2016
3 Dargaggootaa—Cuuphamuuf Qophooftaniittuu?
CAAMSAA 9-15, 2016
8 Dargaggootaa—Cuuphamuuf Qophaaʼuu kan Dandeessan Akkamitti?
Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, namoonni gara 250, 000 taʼan waggaa waggaadhaan yommuu cuuphaman arguun baayʼee nu gammachiisa. Namoota tarkaanfii barbaachisaa kana fudhatan keessaa hedduun isaanii dargaggoota yeroo taʼan, tokko tokko immoo umurii waggoota kurnanii keessa illee hin seenne. Yihowaa cina dhaabachuuf qophaaʼoo akka taʼan hubachuuf wanti isaan gargaare maali dha? Cuuphaadhaaf qophaaʼuuf maalfaa godhan? Mata dureewwan qoʼannaa kun lamaan gaaffilee kanaaf deebii kennu.
CAAMSAA 16-22, 2016
13 Tokkummaa Keenya Cimsuu Irratti Hirmaachuu kan Dandeessu Akkamitti?
Yihowaan tokkummaadhaan yoo waliin hojjenne hojii keenya ni eebbisa. Mata dureen kun yaadawwan tajaajila keenya irratti, gumii keessattii fi maatii keessatti tokkummaa qabaachuuf nu gargaaran qabateera.
CAAMSAA 23-29, 2016
18 Yihowaan Saba Isaa Karaa Jireenyaa Irra ni Geggeessa
Yihowaan yoom iyyuu saba isaa ni geggeessa. Mata dureen kun, Waaqayyo yeroo haalawwan jijjiiramanitti qajeelfama isaa kan sirreessu akkamitti akka taʼe ibsa. Akkasumas qajeelfama Yihowaa akka barbaadnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
23 Gumii Kee Keessatti Gargaarsa Gochuu ni Dandeessaa?