LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp16 Lakk. 3 ful. 3
  • Seenaa Beekuu Qabnu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Seenaa Beekuu Qabnu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kitaabni Qulqulluun Nu Bira kan Gaʼe Akkamitti?
    Dammaqaa!—2007
  • A3 Kitaabni Qulqulluun Nu Bira kan Gaʼe Akkamitti?
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • Waaqayyo Kaayyoosaa Nuu Ibseera
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • Dubbiin Waaqayyoo Jijjiirameeraa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
wp16 Lakk. 3 ful. 3

MATADUREE FUULA JALQABAA | KITAABA QULQULLUU—MATA DUREE FUULA JALQABAA

Seenaa Beekuu Qabnu

Namni tokko Kitaaba Qulqulluu baatee shakkiidhaan yommuu ilaalu

Kitaabni Qulqulluun barreeffamoota amantii kam irraa iyyuu adda dha. Kitaabni akka Kitaaba Qulqulluu yeroo dheeraadhaaf ilaalcha namootaa irratti dhiibbaa geessise hin jiru. Karaa biraatiin immoo, kitaabni akka kitaaba kanaa qorannaan irratti godhamee fi qeeqames hin jiru.

Fakkeenyaaf, hayyoonni tokko tokko Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti jiru barreeffamoota jalqabaa irraa sirriitti kan garagalchame taʼuu isaa ni shakku. Piroofessarri qorannoo amantii tokko akkana jedhaniiru: “Barreeffama isa jalqabaa irraa sirriitti garagalchuu keenya mirkanaaʼoo taʼuu hin dandeenyu. Barreeffamoonni garagalchaman dogoggoraan kan guutamani dha; erga barreeffamoonni jalqabaa qophaaʼanii jaarraa hedduu booda kan garagalchaman siʼa taʼu, garaa garummaa baayʼee qabu.”

Warri tokko tokko immoo amantii keessatti guddatan irraa kaʼuudhaan Kitaabni Qulqulluun sirrii taʼuu isaa irratti gaaffii kaasu. Fakkeenyaaf, Faayizal maatiin isaa warri Kiristiyaanota hin taane Kitaabni Qulqulluun, qulqulluu taʼus akka jijjiirame isa barsiisaniiru. Akkana jedheera: “Kanaan kan kaʼe yommuu namoonni waaʼee Kitaaba Qulqulluu natti dubbachuu barbaadan nan shakkan ture. Kitaabni isaanii Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa miti, jijjiirameera jedheen yaada.”

Kitaabni Qulqulluun kan jijjiirame taʼuuf dhiisuu isaa beekuun barbaachisaa dhaa? Mee gaaffilee armaan gadii ilaali: Abdiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran barreeffama isa jalqabaa keessa jiraachuuf dhiisuu isaanii hin beektu taanaan, abdiiwwan nama jajjabeessan kanatti amanuu ni dandeessaa? (Roomaa 15:4) Namoonni Kitaabota Qulqulluu yeroo ammaa jiran yeroo garagalchan dogoggora hedduu raawwataniiru taanaan, hojii, maatii ykn waaqeffannaa ilaalchisee murtoowwan guguddaa gochuuf qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti argaman ni hordoftaa?

Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu jalqabaa kan hin jirre taʼanis, Kitaabota Qulqulluu harkaan garagalchamanii fi kumaan lakkaaʼaman dabalatee, barreeffamoota garagalchaman hedduu wajjin wal bira qabnee ilaaluu dandeenya. Barreeffamoonni harkaan garagalchaman kun utuu hin tortorin kan turan, mormii isaan irra gaʼee fi yaalii qabiyyee isaanii jijjiiruuf godhame irraa kan oolan akkamitti? Badiisa irraa ooluun isaanii Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti jiru sirrii taʼuu isaa irratti amantii akka qabaattu kan godhu akkamitti? Deebii gaaffilee kanaa kutaalee itti aanan keessaa argatta.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi