MATADUREE FUULA JALQABAA | KITAABA QULQULLUU—MATA DUREE FUULA JALQABAA
Kitaabni Qulqulluun Tortoruu Irraa Ooleera
RAKKINA: Barreessitoonni fi garagalchitoonni Kitaaba Qulqulluu yeroo baayʼee paappiirasii fi gogaa irratti barreessu turan.a (2 Ximotewos 4:13) Wantoonni kun Kitaaba Qulqulluu balaadhaaf kan saaxilan akkamitti?
Paappiirasiin salphaatti kan ciccitu, halluu isaan kan gadhiisuu fi kan bososu dha. Qorattoonni Riichaardi Paarkinsanii fi Isteefan Kiwarkee jedhaman akkana jedhaniiru: “Waraqaan isaa yeroo booda ciccitee daaraa taʼa. Mana kuusaa keessa yeroo taaʼu, maraan isaa samuu, jiidhaan tortoruu fi bineensota akka hantuutaatiin nyaatamuu dandaʼa; keessumaa yeroo awwaalamu immoo rirmaan nyaatama.” Paappiirasoonni tokko tokko erga argamanii booda ifa cimaa ykn jiidhaaf waan saaxilamaniif caalaatti dafanii tortoraniiru.
Gogaan paappiirasii caalaa yeroo dheeraa kan turu taʼus, sirriitti yoo qabamuu baate ykn hoʼa cimaa, jiidhaa fi ifaaf yoo saaxilame baduu dandaʼa.b Gogaanis ilbiisotaan ni miidhama. Kitaabni Everyday Writing in the Graeco-Roman East jedhamu, kana irraa kan kaʼe barreeffamoonni bara durii “carraan baduu isaanii balʼaa akka taʼe” dubbateera. Kitaabni Qulqulluun utuu tortoreera taʼee, ergaan isaas wajjiniin bada ture.
KITAABNI QULQULLUUN KAN OOLE AKKAMITTI? Seerri Yihudootaa mootonni hundi ‘macaafa seeraa (kitaabota Kitaaba Qulqulluu jalqabaa shanan) irraa waraqata maramu irratti akka caafsifatan’ ajaja ture. (Keessa Deebii 17:18) Kana malees, garagalchitoonni ogeessota taʼan barreeffamoota baayʼee harkaan waan garagalchaniif, DH.K.B. jaarraa jalqabaatti Kitaabonni Qulqulluu manneen sagadaa guutummaa Israaʼel keessa jiran keessatti, akkasumas Maqedooniyaa ishii fagootti argamtu keessatti illee ni argamu turan! (Luqaas 4:16, 17; Hojii Ergamootaa 17:11) Barreeffamoonni harkaan garagalchamanii fi umurii dheeraa qaban tokko tokko hamma harʼaatti turuu kan dandaʼan akkamitti?
Maraawwan Kitaabaa Galaana Duʼaa, naannoo haala qilleensaa gogaatti okkotee holqa keessa kaʼame keessa jaarraa hedduudhaaf turaniiru
Qorataan Kakuu Haaraa Filiip Komforti jedhaman, “Yihudoonni maraan kitaabaa Kitaaba Qulqulluu akka hin badneef gaanii ykn okkotee keessa kaaʼuun isaanii baramaa ture” jedhaniiru. Kiristiyaanonnis barsiifata kana kan itti fufan fakkaata. Kanaan kan kaʼe, kutaawwan Kitaaba Qulqulluu harkaan garagalchaman okkotee, kutaa dukkanaaʼaa fi holqa keessatti, akkasumas iddoowwan baayʼee gogaa taʼanitti argamaniiru.
BUʼAA ARGAME: Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu harkaan garagalchamanii fi kumaan lakkaaʼaman hamma harʼaatti turuu kan dandaʼan siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko waggaa 2,000 oliif turaniiru. Kitaabni bara durii akka Kitaaba Qulqulluu barreeffamoota harkaan garagalchamanii fi yeroo dheeraa hammanaatiif turan qabu hin jiru.
a Paappiirasiin meeshaa irratti barreessuuf tajaajilu siʼa taʼu, biqiltuu bishaan keessatti biqiluu fi paappiiras jedhamu irraa hojjetama.
b Fakkeenyaaf, Labsiin Bilisummaa Yunaayitid Isteetis inni irratti mallatteeffame gogaa irratti kan barreeffame ture. Erga barreeffamee gara waggaa 250 taʼus, amma barreeffamni isaa gadhiisee hin mulʼatu jechuun ni dandaʼama.