LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w16 Ebla ful. 32
  • Gaaffii Dubbistootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii Dubbistootaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Chaappaawwan Durii Maaliif Fayyadu Turan?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • “Hafuurichi Ofii Isaa Hafuura Keenyaa Wajjin Taʼee Dhugaa Baʼa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Hafuurri Waaqayyoo Hafuura Keenyaa Wajjin Walii Galee Dhugaa In Baʼa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • ‘Nuyi Isinii Wajjin In Dhaqna’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
w16 Ebla ful. 32

GAAFFII DUBBISTOOTAA

“Chaappaa” fi ‘qabdiin’ Kiristiyaanonni dibamoon hundi Waaqayyo biraa fudhatan maali?—2 Qor. 1:21, 22.

Namni tokko qubeelaatti fayyadamee barreeffama tokko irratti supheedhaan chaappaa yeroo rukutu

Bara duriitti, barreeffamni tokko dhugaa taʼuu isaa mirkaneessuuf, qubeelaan chaappaan ittiin godhamu suphee ykn gagaa irratti rukutama ture

Qabdii: Barreeffamni tokko akka jedhetti jechi Afaan Giriikii “qabdii” jedhamee hiikamee fi 2 Qorontos 1:22 irratti argamu, “kallattiidhaan jecha seeraa fi daldalaaf hojjetu” kan argisiisu siʼa taʼu, hiikni isaas “waa bituuf kaffaltii irraa jalaan kaffalamu, qabsiisa kennamu, kaffaltii jalqaba kaffalamuu fi waadaa galamu dha. Kun immoo seera biratti wanta akka wabiitti dhihaatuu fi wanta waliigalteen tokko akka hojjetu godhu dha.” Kiristiyaanota dibamoo wajjin haala wal qabateen immoo, akkuma 2 Qorontos 5:1-5 irratti ibsametti kaffaltii guutuun ykn kennaan isaan argatan, qaama hafuuraa samii irratti argatan kan dabalatu dha. Kennan kun qaama hin duune argachuus ni dabalata.—1 Qor. 15:48-54.

Akka afaan Giriikii ammayyaatti, qubeelaa ittiin wal kaadhimatan argisiisuuf, jechi wal fakkaataan itti hojjetameera. Kun immoo warra akka fakkeenyatti haadha manaa Kiristoos akka taʼanitti ibsaman akka gaariitti kan ibsu dha.—2 Qor. 11:2; Mul. 21:2, 9.

Chaappaa: Bara duriitti chaappaan, abbaa qabeenyummaa, wanti tokko dhugaa taʼu isaa ykn walii galtee tokko raggaasisuuf fayyada ture. Kiristiyaanota dibamoo wajjin haala wal qabateen immoo, qabeenya Waaqayyoo taʼuudhaan, akka fakkeenyaatti hafuura qulqulluudhaan ‘chaappaan isaanitti godhama’ ykn mallattoon isaan irratti godhama. (Efe. 1:13, 14) Haa taʼu malee, chaappaan isaanitti godhamu kun kan mirkanaaʼu yeroo namni sun amanamummaa isaa eegee duʼutti ykn rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura yeroo taʼe tokkotti dha.—Efe. 4:30; Mul. 7:2-4.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi