Ittiin Baafata
WAXABAJJII 27, 2016-ADOOLESSA 3, 2016
3 Walitti Buʼiinsi Yommuu Uumamu Jaalalaan Hiikaa
Cubbuu dhaaleen kan kaʼe, rakkinoonni miira keenya tuqan nu mudatu. Mataa dureen kun, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu yommuu walitti buʼiinsi uumamutti hojii irra ooluu dandaʼan ibsa.
ADOOLESSA 4-10, 2016
8 “Dhaqaatii . . . Saba Hundumaa Keessaa Namoota Barattoota Godhaa”
Mata dureen kun, raajii Yesuus Maatewos 24:14 irratti dubbate yeroo harʼaatti raawwachaa kan jiran Dhugaa Baatota Yihowaa qofa taʼuu isaanii ragaa mirkaneessu qabateera. ‘Namoota kan qaban’ taʼuudhaaf maaltu akka barbaachisus ni ibsa.—Mat. 4:19.
ADOOLESSA 11-17, 2016
13 Murtoowwan Dhuunfaa kan Gootan Akkamitti?
Murtoowwan dhuunfaa yeroo gootu wantuma sirrii sitti fakkaate raawwattaa? Moo utuu isaan taʼanii maal akka godhan warra kaan gaafatta? Mata dureen kun, ilaalcha Yihowaa irratti yoo hundoofne murtoo gaariin kan godhamu maaliif akka taʼe ibsa.
ADOOLESSA 18-24, 2016
18 Kitaabni Qulqulluun Amma Iyyuu Jireenya Keessan Jijjiiraa Jiraa?
Amma amala Kiristiyaana tokko irraa barbaadamu fooyyessuun, jijjiirama cuuphamuu kee dura goote caalaa sitti ulfaachaa jiraa? Mata dureen kun, rakkinni kun kan jiraate maaliif akka taʼee fi Dubbii Waaqayyootti fayyadamuudhaan amalawwan gaggaarii horachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.
ADOOLESSA 25-31, 2016
23 Qophii Yihowaa Irraa Guutummaatti Fayyadamaa
Mata dureen kun, kiyyoo qophiiwwan hafuuraa irraa faayidaa akka hin arganne gochuu dandaʼu nu hubachiisa. Kiyyoo kanaan qabamuu irraa fagaachuu kan dandeenyuu fi qophiiwwan hafuuraa argachuu dandeenyu hunda irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna.