Ittiin Baafata
3 Seenaa Jireenyaa—Anis Fakkeenya Gaarii Taʼuuf Carraaqqii Godheera
SADAASA 28, 2016-MUDDEE 4, 2016
8 “Warra Ormaatti Gaarummaa Argisiisuu hin Dagatinaa”
MUDDEE 5-11, 2016
13 Biyya Biraatti Yeroo Tajaajiltan Karaa Hafuuraa Akka hin Miidhamne Of Eeggadhaa
Waggoota dhihoodhaa asitti gumiiwwan keenya namoota gosa garaa garaa qabanii fi iddoo garaa garaatii dhufaniin guutamaa jiru. Mata dureen inni jalqabaa namoota iddoo biraadhaa dhufanii fi gumiiwwan keenya irratti argamaniif akka yaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa. Mata dureen inni lammaffaan immoo, obboloonni biyya isaaniitii alatti tajaajilaa jiran karaa hafuuraa akka hin miidhamne of eeggachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsa.
MUDDEE 12-18, 2016
21 Amantii Wanta Abdattan Irratti Qabdan Jabeeffadhaa
MUDDEE 19-25, 2016
26 Amantii Waadaawwan Yihowaan Gale Irratti Qabdan Hojiidhaan Argisiisaa
Mata dureewwan kun, hiikawwan Ibroota 11:1 irratti amantiidhaaf kennaman lamaan ibsu. Mata dureen inni jalqabaa, amantiin keenya guddachuu fi cimaa taʼee itti fufuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ibsa. Mata duree inni lammaffaan immoo, amantiin eebbawwan Yihowaan gara fuulduraatti nuuf fidu beekuu qofa akka hin taane nu hubachiisa.