“Warra Ormaatti Gaarummaa Argisiisuu hin Dagatinaa”
“Warra ormaatti gaarummaa argisiisuu hin dagatinaa.” —IBR. 13:2, mil.
1, 2. (a) Yeroo harʼaatti, rakkoowwan akkamiitu namoota orma taʼan mudata? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Phaawulos Ergamaan yaadachiisa akkamii kenne? Kun hoo gaaffiiwwan akkamii kaasa?
WAGGOOTA 30 dura, Oosee[1] inni yeroo sanatti Dhugaa Baatuu Yihowaa hin turre, Gaanaadhaa kaʼee gara Awurooppaa deemee ture. Wanta yaadatu yeroo dubbatu akkana jedheera: “Namoonni baayʼeen akka naaf hin yaanne hubachuuf yeroo natti hin fudhanne. Haalli qilleensaas hamma tokko na rakkisee ture. Yeroon buufata xiyyaaraa sanaa deemuu fi yeroo jalqabaatiif yeroo natti qorru, booʼuun jalqabe.” Ooseen, afaan naannoo sanaa barachuun waan isatti ulfaateef, waggaa tokkoo oliif hojii gaarii argachuu hin dandeenye ture. Maatii isaa irraa fagaatee waan jiruuf kophummaan kan isatti dhagaʼamu taʼuu isaa irra iyyuu, maatii isaa ni yaada ture.
2 Haala akkanaa keessa jirtu utuu taʼee warri kaan maal akka isiniif godhan akka barbaaddan yaadaa. Galma Mootummaatti lammummaa ykn bifa keessan tilmaama keessa utuu hin galchin miira hoʼaadhaan simannaan yommuu isiniif godhamu hin gammaddanii? Kitaabni Qulqulluun, “Warra ormaatti gaarummaa argisiisuu hin dagatinaa” jechuudhaan Kiristiyaanota dhugaa gorsa. (Ibr. 13:2, mil.) Mee gaaffiiwwan armaan gadii haa qorru: Yihowaan namoota orma taʼan akkamitti ilaala? Ilaalcha warra ormaatiif qabnu sirreessuun nu barbaachisuu kan dandaʼu maaliifi? Namoonni biyya biraatii dhufan gumii keenyatti bilisummaan akka itti dhagaʼamuuf isaan gargaaruu kan dandeenyu hoo akkamitti?
YIHOWAAN NAMOOTA ORMA TAʼAN AKKAMITTI ILAALA?
3, 4. Baʼuun 23:9 akka jedhutti sabni Waaqayyoo namoota biyya biraatii dhufan akkamitti ilaaluu qabu turan? Maaliif?
3 Yihowaan saba isaa boojuu warra Gibxii jalaa bilisa erga baasee booda, seerawwan namoota Israaʼeloota hin taanee fi isaanitti makamaniif xiyyeeffannaan addaa akka kenname argisiisan isaaniif kenneera. (Bau. 12:38, 49; 22:21) Yeroo baayʼee namoonni biyya biraatii dhufan buʼaa waan hin arganneef, Yihowaan jaalalaan kakaʼee qophiiwwan tokko tokko isaaniif qopheessee ture. Qophiiwwan kana keessaa tokko mirga qarmii midhaanii funaannachuu ture.—Lew. 19:9, 10.
4 Yihowaan Israaʼelonni namoota biyya biraatii dhufan akka kabajan ajajuu qofa utuu hin taʼin, rakkina isaanii akka kan ofiitti akka ilaalanis isaan yaadachiiseera. (Baʼuu 23:9 dubbisi.) ‘Nama biyya ormaa jirutti wanta dhagaʼamu’ beeku turan. Ibroonni garbummaa jala galuu isaanii dura illee, warri Gibxii sabboonummaadhaan kan kaʼe ykn sababa amantii isaaniitiin halaalatti isaan jibbuudhaan isaan irraa ni fagaatu turan. (Uma. 43:32; 46:34; Bau. 1:11-14) Israaʼelonni jiraattota biyya biraa taʼuudhaan jireenya gaddisiisaa kan dabarsan taʼus, Yihowaan namoota biyya biraatii dhufan “akkuma nama biyyaatti” akka ilaalan isaan irraa eega ture.—Lew. 19:33, 34.
5. Akkuma Yihowaa namoota biyya biraatii dhufaniif yaaduuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
5 Yihowaan yeroo harʼaattis akkuma warra kaaniif yaadu namoota biyya biraatii dhufanii fi gumii keenyatti walgaʼii irratti argamaniifis akka yaadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Kes. 10:17-19; Mil. 3:5, 6) Rakkoowwan isaan mudachaa jiran kanneen akka sanyiidhaan qoodamuu ykn garaagarummaa afaanii irratti kan yaannu yoo taʼe, gaarummaa isaanitti argisiisuu fi miira isaanii hubachuuf karaa barbaanna.—1 Phe. 3:8.
ILAALCHA NAMOOTA ORMA TAʼANIIF QABNU SIRREESSUUN NU BARBAACHISAA?
6, 7. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, jibba sanyii babalʼatee ture moʼuu akka baratan wanti argisiisu maali dha?
6 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, halaalatti nama jibbuu isa Yihudoota gidduutti babalʼatee ture moʼuu barachuu dandaʼaniiru. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, namoonni Yerusaalem keessa jiraatan namoota haaraa reefuu Kiristiyaanota taʼanii fi iddoo garaa garaatii dhufan simatanii turan. (HoE. 2:5, 44-47) Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan kun obboloota isaanii iddoo garaa garaa irraa dhufanitti gara laafina jaalala irratti hundaaʼe argisiisuun isaanii, “keessummoota simachuu,” jechuun, “warra ormaatti gaarummaa argisiisuu” akka taʼe sirriitti hubachuu isaanii kan argisiisu ture.
7 Haa taʼu malee, gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti ture guddachaa yeroo dhufutti, haalli jibbi sanyii akka jiraatu gochuu hin oolle tokko uumamee ture. Yihudoonni Afaan Giriikii dubbatan, dubartoonni isaanii warri abbootiin manaa isaanii jalaa duʼan sirriitti akka hin qabamne dubbachuudhaan guunguman. (HoE. 6:1) Dhimma kanaaf furmaata kennuuf, ergamoonni namni tokko illee akka hin dagatamneef dhiirota torba muudan. Ergamoonni kun obboloota maqaa Giriikii qaban filatan; akkas kan godhanis, dubartoota abbootiin manaa isaanii jalaa duʼan sanaaf yaadanii taʼuu hin oolu.—HoE. 6:2-6.
8, 9. (a) Halaalatti akka nama jibbinu ykn sabboonummaa akka qabnu kan argisiisu maal taʼuu dandaʼa? (b) Wanta akkamii garaa keenya keessaa buqqisnee gatuu qabna? (1 Phe. 1:22)
8 Hubannus hubachuu baannus, aadaan itti guddanne hunda keenya irratti iyyuu dhiibbaa ni godha. (Rom. 12:2) Kana malees, ollaawwan keenya, namoonni wajjin hojjennu ykn barannu, yaadawwan namoota biyya biraatii dhufan, lammummaa biraa qaban ykn bifti isaanii adda taʼe salphisan yeroo dubbatan ni dhageenya taʼa. Ilaalchi sirrii hin taane kun hammam dhiibbaa nu irratti godheera? Akkasumas, namni tokko lammummaa keenyatti yoo qoose ykn tarii wanta aadaa keenya keessa jiru tokko ilaalchisee arbeessee yoo dubbate maaltu nutti dhagaʼama?
9 Pheexiroos ergamaan yeroo namoota Yihudoota hin taane halaalatti itti jibbe qaba ture; taʼus, suutuma suutaan ilaalcha isaa dogoggora taʼe kana garaa isaa keessaa balleessuu barateera. (HoE. 10:28, 34, 35; Gal. 2:11-14) Haaluma wal fakkaatuun, nutis wanti halaalatti akka nama jibbinu ykn sabboonummaa akka qabnu argisiisu xinnoon illee akka nu keessa jiru yoo hubanne, garaa keenya keessaa buqqisnee gatuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna. (1 Pheexiros 1:22 dubbisi.) Hundi keenya iyyuu, fayyinni akka nuuf hin mallee fi lammummaan keenya maal iyyuu yoo taʼe cubbuu akka dhaalle yaadachuun nu barbaachisa taʼa. (Rom. 3:9, 10, 21-24) Kanaaf, namoota kaan akka caallu maaliif nutti dhagaʼama ree? (1 Qor. 4:7) Nutis ilaalcha akkuma Phaawulos isa obboloota isaa warra dibamoo taʼan “isin kana booda keessummaa fi orma miti; kanaa mannaa . . . miseensota maatii Waaqayyoo ti” jechuudhaan gorsee qabaachuu qabna. (Efe. 2:19) Namoota akkaataan guddinaa isaanii nu irraa adda taʼe halaalatti jibbuu irraa fagaachuuf carraaqqii cimaa gochuun keenya, namummaa haaraa akka uffannu nu gargaaruu dandaʼa.—Qol. 3:10, 11.
WARRA ORMAATTI GAARUMMAA ARGISIISUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
10, 11. Boʼaz, akkaataa Ruut ishii nama Moʼaab taate itti qabeen ilaalcha Yihowaan namoota orma taʼaniif qabu akka qabu kan argisiise akkamitti?
10 Boʼaz, akkaataa itti Ruut ishii nama Moʼaab taate qabee wajjin haala wal qabateen, ilaalcha Yihowaan warra ormaatiif qabu akka qabu argisiiseera. Boʼaz yommuu maasii isaa isa haamamaa jiru ilaaluu dhufetti, dubartii jabaattee hojjettuu fi namoota midhaan haamaa jiran duubaan qarmii funaannachaa jirtu argee ture. Kana malees Boʼaz, Ruut mirga kan qabdu taʼus qarmii funaannachuuf heyyamsiisuu ishii yeroo dhagaʼu, arjummaadhaan kakaʼee bissii gidduudhaa iyyuu akka funaannattu ishiidhaaf heyyame.—Ruut 2:5-7, 15, 16 dubbisi.
11 Mariin isaan sana booda godhan, Boʼaz waaʼeen Ruutis taʼe haalli rakkisaan ishiin keessa turte akka isa yaaddesse argisiisa. Fakkeenyaaf, dhiironni maasicha keessaa hojjechaa jiran akka ishii hin rakkisneef, garee dubartootaa faana akka taatu godhee ture. Akkuma hojjetoota isaa warra qacaramanii, nyaataa fi bishaan gaʼaa akka argattus godhee ture. Kana malees Boʼaz, wanta dubartii hiyyeettii biyya biraatii dhufte kana salphisu dubbachuu mannaa, ishii jajjabeesseera.—Rut. 2:8-10, 13, 14.
12. Gaarummaan, namoota haaraa biyya biraatii dhufan irratti dhiibbaa gaarii akkamii geessisuu dandaʼa?
12 Boʼaz Ruutitti gaarummaa argisiisuuf kan kakaʼe, waan ishiin amaatii ishii Naaʼomiidhaaf jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisteef qofa utuu hin taʼin, Yihowaa waaqeffachuuf murteessuun ishiis waan isa gammachiiseef ture. Gaarummaan Boʼaz argisiise, Yihowaan dubartii ‘bobaa Waaqayyo gooftaa Israaʼel jalatti kooluu galuu’ filatte kanatti jaalala amanamaa akka argisiise kan mulʼisu ture. (Rut. 2:12, 20; Fak. 19:17) Yeroo harʼaattis, gaarummaan keenya “akaakuun namootaa hundi” dhugaa akka baratanii fi Yihowaan hammam akka isaan jaallatu akka hubatan isaan gargaaruu dandaʼa.—1 Xim. 2:3, 4.
Namoonni haaraan gara Galma Mootummaa keenyaa yeroo dhufan miira hoʼaadhaan nagaa ni gaafannaa? (Keeyyata 13 fi 14 ilaali)
13, 14. (a) Galma Mootummaatti namoota haaraa nagaa gaafachuuf carraaqqii guddaa gochuu kan qabnu maaliifi? (b) Namoota aadaa kan biraa qabanitti dhihaachuun yoo sitti ulfaate maal gochuu dandeessa?
13 Namoonni haaraan biyya biraatii dhufan gara Galma Mootummaa keenyaa yommuu dhufan miira hoʼaadhaan nagaa isaan gaafachuudhaan gaarummaa isaanitti argisiisuu ni dandeenya. Namoonni biyya isaanii dhiisanii baʼan yeroo tokko tokko akka qaanaʼanii fi kophaa taʼuu akka barbaadan hubanneerra taʼa. Akkaataa guddinaa isaaniitiin ykn iddoo hawaasa keessatti qabaniin kan kaʼe, sanyiin ykn lammummaan isaanii kan warra kaaniitii gadi akka taʼe itti dhagaʼama taʼa. Kanaafuu, dursa fudhachuudhaan gaarummaa isaanitti argisiisuu fi miira hoʼaadhaan isaan simachuu qabna. Appilikeeshiniin JW Laanguweej jedhamu afaan keessaniin kan argamu yoo taʼe, namoota haaraa qooqa afaan ittiin hiikkataniin nagaa gaafachuu barachuuf isin gargaaruu dandaʼa.—Filiphisiiyus 2:3, 4 dubbisi.
14 Nama aadaa biraa qabu tokkotti dhihaachuun isinitti ulfaachuu dandaʼa taʼa. Miira akkanaa kana moʼuuf, tarii waaʼee keessan itti himuu dandeessu. Utuu baayʼee hin turin, garaagarummaa dhugumaan jirus taʼe sammuun keessan uume caalaa wanta wal isin fakkeessu hedduu akka qabdan, akkasumas aadaan kam iyyuu ciminas taʼe dadhabina mataa isaa akka qabu hubattu.
HUNDI ISAANII IYYUU BILISUMMAAN AKKA ITTI DHAGAʼAMU GARGAARAA
15. Namoota haaraa biyya baraa jiran caalaatti hubachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
15 Warri kaan gumii keessatti bilisummaan akka itti dhagaʼamu gargaaruuf, ‘Utuun biyya alaa jira taʼee, namoonni akkamitti akka na qabanin barbaada ture?’ jedhaa of gaafadhaa. (Mat. 7:12) Namoota haaraa biyya baraa jiran obsaan qabaa. Jalqaba irratti, akkaataa isaan itti yaadan ykn wanta isaan godhan sirriitti hubachuu hin dandeenyu taʼa. Haa taʼu malee, aadaa keenya akka fudhatan isaan irraa eeguu mannaa, eenyummaa isaan qabaniin maaliif isaan hin simannu?—Roomaa 15:7 dubbisi.
16, 17. (a) Namoota aadaa kan biraa qabanitti dhihaachuuf karaawwan kamiin dursa fudhachuu dandeenya? (b) Namoota biyya biraatii gara gumii keenyaa dhufaniif gargaarsa akkamii gochuu dandeenya?
16 Waaʼee iddoo dhalootaa ykn aadaa namoota biyya biraatii dhufanii yoo baranne, isaanii wajjin walii galuun salphaa nuuf taʼuu dandaʼa. Waaqeffannaa maatii keenya irratti waaʼee namoota gumii ykn naannoo keenyaaf haaraa taʼanii beekuuf qorannaa gochuu ni dandeenya taʼa. Karaa biraan namoota biyya biraatii dhufanitti dhihaachuuf nu gargaaru, mana keenyatti nyaata isaan afeeruu dha. Yihowaan ‘namoota saboota Waaqayyoo hin taaneef balbala amantii baneera.’ Nuti hoo namoota orma taʼanii fi “amantiidhaan nutti firoomaniif” balbala keenya banuu hin qabnuu?—HoE. 14:27; Gal. 6:10; Iyo. 31:32.
Namoota haaraa biyya biraatii dhufan arjummaadhaan mana keenyatti ni simannaa? (Keeyyata 16 fi 17 ilaali)
17 Maatiiwwan biyya biraatii dhufanii wajjin yeroo dabarsuudhaan, carraaqqii isaan aadaa keenyaa wajjin wal baruuf godhan hubachuu dandeenya. Haa taʼu malee, afaan barachuuf gargaarsi akka isaan barbaachisu ni hubanna taʼa. Gara waajjiraalee naannoo keenyatti argamanii fi mana ykn hojii gaarii akka argatan isaan gargaaruu dandaʼanitti isaan geessuu hoo ni dandeenyaa? Gama kanaan dursa fudhannee gargaarsa gochuun keenya, obboleessa ykn obboleettii keenya tokko irratti jijjiirama guddaa fiduu dandaʼa.—Fak. 3:27.
18. Yeroo harʼaatti namoonni biyya biraatii dhufan kabajaa fi galateeffannaa qaban argisiisuu irratti fakkeenya eenyuu hordofuu dandaʼu?
18 Namoonni biyya biraatii dhufan aadaa biyya haaraa sanaa wajjin wal baruuf wanta isaanii dandaʼame hunda gochuu akka barbaadan beekamaa dha. Gama kanaan Ruut fakkeenya gaarii taati. Jalqaba irratti, qarmii funaannachuuf heyyamsiisuudhaan aadaa biyya sanaatiif kabaja akka qabdu argisiisteetti. (Rut. 2:7) Warri kaan ishii gargaaruuf dirqamni akka isaan irra jirutti yaaddee, mirga argatte kana akka laayyootti hin ilaalle. Lammaffaa irratti immoo, gaarummaa ishiitti argisiifameef yeruma sana galateeffatteetti. (Rut. 2:13) Obboloonni iddoo biraatii dhufan amalawwan gaarii akkanaa argisiisuun isaanii, jiraattonni biyyichaa fi obboloonni isaanii caalaatti akka isaan kabajan gochuu dandaʼa.
19. Namoota orma taʼanii fi nu gidduutti argaman simachuuf sababii akkamii qabna?
19 Yihowaan gaarummaa isaa isa guddaadhaan kakaʼee, namoonni biyya hundumaatti argaman misiraachicha akka dhagaʼan heyyamuun isaa baayʼee nu gammachiisa. Tarii namoonni tokko tokko bakka dhalootaa isaaniitti carraa Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ykn bilisummaadhaan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin marii gochuu hin arganne taʼa. Ammaa garuu nuu wajjin marii gochuuf carraa waan argataniif, nu gidduutti ormummaan akka isaanitti hin dhagaʼamne gochuu hin qabnuu ree? Wanta jireenyaaf isaan barbaachisu ykn wantoota kaan gochuudhaan isaan gargaaruu kan hin dandeenye yoo taʼe illee, gaarummaa isaanitti argisiisuun keenya jaalala Yihowaan isaaniif qabu argisiisa. Kanaafuu, ‘Waaqayyoon kan fakkaannu’ waan taaneef, namoota orma taʼanii fi nu gidduutti argaman simachuuf wanta nuu dandaʼame hunda haa goonu.—Efe. 5:1, 2.
^ [1] (keeyyata 1) Maqaan isaa jijjiirameera.