LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 5 ful. 3
  • Maleekonni Jireenya Kee Irratti Dhiibbaa Gochuu Dandaʼuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maleekonni Jireenya Kee Irratti Dhiibbaa Gochuu Dandaʼuu?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maleekaa Dhuunfaatti Si Eegu Qabdaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Ergamoota—“hafuurota Nama Tajaajilan”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Fakkeenya Maleekota Amanamoo Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Gargaarsa Ergamoota Waaqayyoorraa Argamu
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 5 ful. 3
Hiriyoonni gaaʼelaa tokko Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii dubartii tokko yommuu jajjabeessan

MATA DUREE FUULA JALQABAA | KITAABNI QULQULLUUN WAAʼEE MALEEKOTAA MAAL JEDHA?

Maleekonni Jireenya Kee Irratti Dhiibbaa Gochuu Dandaʼuu?

Kuraasaaʼoo keessa kan jiraatan Keeneetii fi Filomenaan gaaf tokko Dilbata waaree booda, hiriyoota gaaʼelaa Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisan tokko gaafachuu dhaqan.

Keeneeti akkana jedheera: “Yommuu achi geenyu, manni isaanii cufamaa siʼa taʼu, konkolaataan isaaniis hin jiru ture. Haa taʼu malee, wanti taʼe tokko haadha manaa sanaaf akkan bilbilu na kakaase.”

Dubartiin kunis bilbila erga kaastee booda, abbaan manaa ishii bakka hojii akka jiru natti himte. Keeneetii fi Filomenaan achi jiraachuu isaanii yommuu bartu garuu gadi baate balbala banuudhaan akka ol seenan isaan afeerte.

Isaaniis yeruma sana akka ishiin booʼaa turte hubatan. Keeneeti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu sana kadhannaadhaan erga jalqabee booda dubartittiin ammas booʼuu jalqabde. Kanaafuu Keeneetii fi Filomenaan maaltu akka ishii mudate gaarummaadhaan ishii gaafatan.

Dubartiin kun guyyaadhuma sana waaree booda, of ajjeesuuf yaaddee, abbaa manaa ishiitiif yaadannoo barreessaa utuu jirtuu bilbila Keeneeti kaasuuf akka addaan kutte ibsite. Achiis dhiphina sammuu akka qabdu kan isaanitti himte siʼa taʼu, isaanis Kitaaba Qulqulluu irraa yaadawwan nama jajjabeessan tokko tokko ishiidhaaf dubbisan. Jajjabinni kenname kun lubbuu baraareera.

Keeneeti, “Dubartii dhiphina guddaa keessa jirtu kana akka gargaarru waan nuu heyyameef, keessumaa bilbila sana akka bilbillu karaa maleekaa tokkoo ykn karaa hafuura qulqulluu isaa waan nu qajeelcheef Yihowaa ni galateeffanna” jedheera.a

Keeneetii fi Filomenaan Waaqayyo karaa maleekaa tokkoo ykn karaa hafuura qulqulluu, jechuunis humna isaa isa hojii irra jiruun dhimma kana keessa akka seene yaaduun isaanii sirrii dhaa? Moo Keeneeti yeroo sana kan bilbile akkuma carraa taʼee ti?

Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taanee dubbachuu hin dandeenyu. Waaqayyo karaa hafuuraa namoota gargaaruuf maleekota isaatti akka fayyadamu garuu beekna. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo Filiphos inni Wangeela labsu abbaa taayitaa lammii Itoophiyaa qajeelfama hafuuraa barbaadaa ture tokko akka gargaaru maleekaa isaa tokkotti fayyadame qajeelfama akka isaaf kenne ni dubbata.—Hojii Ergamootaa 8:26-31.

Dhaabbileen amantii adda addaa namoonni uumamawwan hafuuraa humna guddaa qaban, kanneen gara laafeyyii taʼanii fi fedhii Waaqayyoo ni raawwatu ykn dhuunfaatti nu eeguu jedhanii yaadanitti akka amanan isaan jajjabeessu. Namoonni hedduun maleekonni jiraachuu isaanii qofa utuu hin taʼin, karaa taʼe tokkoon jireenya isaanii irratti dhiibbaa gaarii akka godhan amanu. Namoonni hedduun kaan garuu, maleekonni jiraachuu isaanii iyyuu hin amanan.

Maleekonni dhuguma jiruu? Kan jiran yoo taʼe eessaa dhufan? Waaʼee maleekotaa dhugaan jiru maali dha? Jireenya kee irratti dhiibbaa gochuu dandaʼuu? Mee kana ilaalchisee ragaa jiruu haa qorannu.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo isa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru dha.—Faarfannaa 83:18, NW.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi