LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 5 ful. 6
  • Maleekonni Hamoon Jiruu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maleekonni Hamoon Jiruu?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ergamoota—“hafuurota Nama Tajaajilan”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Fincila Samii Irratti Kaʼe
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 5 ful. 6
Maleekota hamoo ykn jinniiwwan

MATA DUREE FUULA JALQABAA | KITAABNI QULQULLUUN WAAʼEE MALEEKOTAA MAAL JEDHA?

Maleekonni Hamoon Jiruu?

Eeyyee, maleekonni hamoon jiru. Garuu eessaa dhufan? Waaqayyo maleekota kan uume mirga filannoo akka qabaatan taasisee akka taʼe yaadadhu. Dhiirrii fi dubartiin jalqabaa, jechuunis Addaamii fi Hewwaan uumamanii yeroo muraasa booda, uumamni hafuuraa mudaa hin qabne tokko mirga filannaa isaatti karaa sirrii hin taaneen fayyadamee lafa irratti fincilli akka kaʼu godhe. Achiis Addaamii fi Hewwaan Waaqayyo irratti fincila akka kaasan gochuu dandaʼe. (Uumama 3:1-7; Mulʼata 12:9) Kitaabni Qulqulluun uumamni hafuuraa kun fincila kaasuu isaa dura samii irratti maqaan isaa eenyu akka tures taʼe sadarkaan inni qabu maal akka ture hin dubbatu. Fincila erga kaasee booda garuu Kitaabni Qulqulluun Seexana, jechuunis “mormituu,” akkasumas Diiyaabilos, jechuunis “Maqaa balleessituu” jedhee isa waamuun isaa kan isaaf malu dha.—Maatewos 4:8-11.

Kan nama gaddisiisuu garuu, fincilli kaʼe sun achumatti hin dhaabanne. Bara Nohittis maleekonni lakkoofsi isaan hammana hin jedhamne, ‘bakka jireenyaa isaanii isa sirrii dhiisaniiru,’ jechuunis bakka maatii Waaqayyoo isa samii keessatti qaban dhiisaniiru. Gocha kaayyoo itti uumaman irraa adda taʼe, jireenya mancaʼaa fi gadhiisii taʼe jiraachuuf jecha gara lafaa dhufanii qaama foonii uffatan.—Yihudaa 6; Uumama 6:1-4; 1 Pheexiros 3:19, 20.

Maleekota hamoo kana irra maaltu gaʼe? Waaqayyo hammina lafa irraa balleessuuf guutummaa addunyaa irratti bishaan badiisaa yommuu fidetti, qaama hafuuraa uffatanii gara addunyaa hafuuraatti deebiʼan. Waaqayyo garuu, maleekonni ulfina isaanii dhaban kun gara ‘aangoo isaanii isa jalqabaatti’ akka deebiʼan isaaniif hin heyyamne. Kanaa mannaa, Inxoroxos keessatti isaan darbateera; jechi kun sadarkaa isaanii irraa buʼanii, “dukkana [hafuuraa] cimaa” keessa akka jiran argisiisa. (Yihudaa 6; 2 Pheexiros 2:4) Jinniiwwan kun, Seexanni inni “mootii jinniiwwanii” taʼee fi ‘maleekaa ifaa fakkaachuuf of jijjiiru’ akka isaan toʼatu heyyamaniiru.—Maatewos 12:24; 2 Qorontos 11:14.

Kitaabni Qulqulluun Mootummaan Masiihichaa inni samii irraa bulchu bara 1914⁠tti akka hundeeffame barsiisa.a Taʼee seena qabeessa kana booda, Seexannii fi jinniiwwan isaa samii irraa darbatamuudhaan sochiin isaanii naannoo lafa irratti qofa daangeffameera. Hamminni hedduu fi jireenyi gadhiisiin addunyaa irratti babalʼatee jiru, aariidhaan dhiibbaa hamaa geessisaa akka jiran ragaa taʼa.—Mulʼata 12:9-12.

Haa taʼu malee, jireenyi gadhiisii fi hammeenyi babalʼachuun isaa, dhiheenyatti bulchiinsi isaanii inni sodaachisaan akka balleeffamu mirkaneessa. Yeroo dhihootti, uumamawwan hafuuraa namoota hacuucaa jiran kun sochiidhaan ala taʼu. Mootummaan Waaqayyoo lafa ishii jannata taatu waggaa 1,000f erga bulchee booda, hafuuronni hamoon kun yeroo dhumaatiif ilmaan namootaa akka qoraniif yeroo gabaabaan isaaniif kennama. Achiis bara baraaf balleeffamu.—Maatewos 25:41; Mulʼata 20:1-3, 7-10.

a Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 8⁠ffaa ilaali. Weeb saayitii www.jw.org/om irrattis ni argama.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi