LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 6 ful. 4-6
  • Carraaqqii Kennaa Hunda Caalu Kennuuf Godhamu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Carraaqqii Kennaa Hunda Caalu Kennuuf Godhamu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Kennaan Hanga Harʼaatti Argadhe Keessaa Isa Hunda Caalu Dha”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Kennaan Waaqayyoo Inni Hunda Irra Caalu Gatii Guddaa Kan Qabaate Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Kennaa Isa Kennaa Hundumaa Irra Caalu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 6 ful. 4-6
Wantoota akka kennaatti kennamuu dandaʼan

MATA DUREE FUULA JALQABAA | KENNAAN HUNDA CAALU MAALI DHA?

Carraaqqii Kennaa Hunda Caalu Kennuuf Godhamu

Kennaa nama tokkoof taʼu barbaadanii argachuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Sababiin isaas, gatiin kennaan sun qabu nama kennaa sana fudhatuun madaalama. Kennaan tokko nama fudhatu tokkoof kan hunda caalu taʼu illee, isa kaaniif garuu akkas taʼuu dhiisuu dandaʼa.

Fakkeenyaaf, dargaggeessa umurii waggoota kurnanii keessa jiruuf meeshaan elektirooniksii ammayyaa kennaa gaarii taʼe itti dhagaʼamuu dandaʼa. Namni gaʼeessi tokko immoo, kennaa maatii dhalootaa dhalootatti darbuuf bakka guddaa kennuu dandaʼa. Aadaa tokko tokko keessatti, kennaan dargaggoonnis taʼan maanguddoonni filatan qarshii siʼa taʼu, innis waan garaa isaanii akka ittiin godhatan isaan dandeessisa.

Rakkisaa taʼus, namoonni hedduun kennaa hunda caaluu fi nama jaallatan tokkoof taʼu barbaachuu isaanii hin dhiisne. Kennaa akkasii argachuun kan dandaʼamu yeroo hunda taʼu baatus, wantoota tokko tokko sammuutti qabachuun carraan kennaa gaarii argachuuf goonu akka dabalu godha. Wantoota nama kennaa fudhatu tokko gammachiisuuf gumaacha gochuu dandaʼan afur haa ilaallu.

Wanta namni kennaa fudhatu sun barbaadu. Namni Beelfaast, Kaaba Aayerlaandi keessa jiraatu tokko yeroo umuriin isaa waggaa 10 ykn 11 turetti, biskileetii fiigicha ittiin dorgoman kennameef kennaa hunda caalu akka ture dubbateera. Maaliifi? “Sababiin isaas, baayʼee na barbaachisa ture” jedhee ibseera. Wanti inni dubbate kun, kennaan tokko iddoo guddaa qabaachuu kan dandaʼu, fedhii nama kennameef sana irratti kan hundaaʼe akka taʼe argisiisa. Kanaaf, waaʼee nama kennaa kennuufii yaadde sanaa hubadhu. Wanti namni tokko iddoo guddaa kennuuf, yeroo baayʼee fedhii isaa irratti dhibbaa waan geessisuuf wanta inni iddoo guddaa kennuuf beekuuf yaali. Fakkeenyaaf, akaakoliin yeroo baayʼee maatii isaanii wajjin yeroo dabarsuuf iddoo guddaa kennu. Hamma dandaʼametti ijoollee isaanii fi ijoollee ijoollee isaanii wajjin yeroo hedduu wal arguu barbaadu. Akaakolii dabalatee, yeroo maatiin waliin bashannanu isaaniif kennaa hunda caalaa isaan gammachiisu taʼuu dandaʼa.

Fedhii nama tokkoo beekuuf, akka gaariitti dhaggeeffachuun baayʼee barbaachisaa dha. Kitaabni Qulqulluun, “Dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa” jedhee nu jajjabeessa. (Yaaqoob 1:19) Guyyaa guyyaatti michoota ykn firoota keessanii wajjin yommuu haasoftan, wanta isaan jaallatanii fi jibban dubbii isaanii irraa hubachuuf akka gaariitti dhaggeeffadhaa. Akkas taanaan, kennaa isaan jaallatan isaanii kennuuf carraa gaarii qabaachuu dandeessu.

Wanta namni kennaan kennamuuf sun isa barbaachisu. Namni kennaan sun kennamuuf, kennaa xinnoo taʼu illee waan isa barbaachisu taanaan iddoo guddaa kennuufii dandaʼa. Haa taʼu malee, wanta nama tokko barbaachisu beekuu kan dandeessu akkamitti?

Karaa salphaan beekuun itti dandaʼamu, wanta isa barbaachisu ykn wanta inni barbaadu gaafachuu dha. Haa taʼu malee, kun hamma tokko gammachuu namoota kennaa kennan hedduu kan hirʼisu dha; sababiin isaas namoonni kennaa isaaf taʼa jedhanii yaadan akka tasaatti kennanii nama fudhatu sana ajaaʼibsiisuu barbaadu. Kana malees, namoonni tokko tokko wanta jaallatanii fi jibban bilisaan kan dubbatan taʼus, yeroo baayʼee garuu wanta isaan barbaachisu akka dhimma dhuunfaatti ilaalu.

Kanaaf, kan hubattan taʼaa, akkasumas haala nama sanaatiif xiyyeeffannaa addaa kennaa. Namni sun dargaggeessa ykn shamarree, maanguddoo, qeentee, gaaʼela kan qabu, gaaʼela kan hiike, hiriyaan gaaʼelaa kan jalaa duʼe, qacaramee kan hojjetu ykn sooruma kan baʼe dhaa? Taanaan wanta nama sanaaf barbaachisu kennuuf yaadaa.

Gad fageessanii hubachuun dandeettii dhimma tokko irra keessa qofa utuu hin taʼin gad lixanii keessa isaa ilaaluu dha. Wanta nama kennaa kennuufii yaadde barbaachisu gad fageessitee hubachuuf, namoota haala wal fakkaatu keessa turan kaan gaafadhu. Fedhii addaa namoota kaan biratti balʼinaan hin beekamne sitti himuu dandaʼu. Kana yaadatti qabachuudhaan, kennaa warri kaan hin yaannee fi wanta nama sanaaf barbaachisu guutu kennuu dandeessa.

Yeroo isaa. Kitaabni Qulqulluun, “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu maal maal baʼeessa!” jedha. (Fakkeenya 15:23) Caqasni kun yeroon nuyi waan tokko itti dubbannu jijjiirama guddaa fiduu akka dandaʼu argisiisa. Gochi keenyas akkasuma. Akkuma dubbiin yeroo sirrii taʼetti dubbatame nama dhaggeeffatu baayʼee gammachiisuu dandaʼu, kennaan nuti yeroo sirrii taʼetti ykn yeroo barbaachisaa taʼetti kenninus isa fudhatu guddaa gammachiisa.

Michuun keessan tokko gaaʼela godhachuuf jedha. Dargaggeessi tokko mana barumsaatii eebbifamuuf jedha. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko dhihootti mucaa argachuuf eeggachaa jiru. Haalawwan olitti ibsaman kun, yeroowwan hedduu kennaan itti kennamu keessaa muraasa isaanii ti. Namoonni tokko tokko waggaa dhufu keessatti yeroowwan addaa akkasii kana galmeessanii qabachuun gaarii akka taʼe hubataniiru. Karaa kanaan dursanii kennaa gaarii haala adda addaatiif taʼan qopheeffachuu dandaʼu.a

Kennaa kan kennitu yeroo addaa tokko tokko qofatti daangessuu akka hin qabne beekamaa dha. Yeroo kam iyyuu kennuudhaan gammachuu argachuu dandeenya. Haa taʼu malee, yeroon of eeggannoo gochuu itti qabnu jira. Fakkeenyaaf, utuu sababii hin qabaatin namni tokko dubartii tokkoof kennaa yoo kenne, kennaan kun caalaatti ishii beekuu akka barbaaddu kan argisiisu akka taʼe gootee yaaduu dandeessi. Kennaa kana kan kenne kana yaadee yoo taʼuu baate, kennaan akkasii dogoggoraan hubatamuu ykn haala rakkisaa uumuu dandaʼa. Kunis yaada kan biraa barbaachisaa taʼe, jechuunis wanta kennaa kennuuf nama kakaasu qorachuun gaarii akka taʼe ibsa.

Wanta kennaa kennuuf nama kakaasu. Akkuma fakkeenyi armaan olii ibsutti, namni kennaan kennameef sun sababii kennaan sun itti kennameef dogoggoraan hubachuu akka dandaʼu yaaduun gaarii dha. Karaa biraatiin immoo, namni kennu sun wanta kennaa sana kennuuf isa kakaase qoruu qaba. Namoonni harki caalaan yaada gaariidhaan kakaʼanii kennaa kan kennan taʼus, namoonni hedduun waggaa keessatti yeroowwan murtaaʼan tokko tokkotti kennaa kan kennan waan dhiibbaan isaan irratti godhamuuf akka taʼe itti dhagaʼama. Kaan immoo, kennaa kan kennan namoota kaan irra caalmaa akka qabanitti ilaalamuuf ykn dugdi akka isaaniif deebifamu waan barbaadaniifi dha.

Kennaan isin kennitan kakaʼumsa gaariidhaan taʼuu isaa mirkaneessuuf maal gochuu dandeessu? Kitaabni Qulqulluun, “Wanta hojjettan hunda jaalalaan hojjedhaa” jedha. (1 Qorontos 16:14) Kennaa kan kennitan jaalaala dhugaa fi nama sanaaf yaaduudhaan kakaatanii yoo taʼe, kennaan keessan gammachuudhaan kan fudhatamu taʼuu isaa irra iyyuu, isiniifis gammachuu guddaa arjummaa dhugaa irraa argamu akka argattan isin gargaara. Garaadhaa yommuu kennitan, Abbaa keessan isa samii ni gammachiistu. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni Qorontos ishii durii keessa turan, Kiristiyaanota Yihudaa gargaaruuf arjummaa fi gammachuudhaan kennuu isaaniitiif isaan galateeffatee ture. ‘Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu jaallata’ isaaniin jedhee ture.—2 Qorontos 9:7.

Yaadawwan armaan olitti ilaalle xiyyeeffannaa keessa galchuun, kennaa namoota kaan gammachiisu kennuuf gumaacha guddaa gochuu dandaʼa. yaadawwan kunii fi kan biroo ilmaan namootaa kennaa wantoota hunda irra caalu Waaqayyoo qopheesse akka argatan gochuu irratti shoora guddaa taphata. Mata duree itti aanu dubbisuudhaan kennaan guddaan kun maal akka taʼe akka qortan isin afeerra.

a Namoonni hedduun guyyaa dhalootaa fi guyyoota ayyaanaattis kennaa ni kennu. Haa taʼu malee, yeroowwan kun yeroo hunda wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisuu wajjin wal faallessu. Mata duree “Gaaffii Dubbistootaa—Kiristiyaanonni Ayyaana Qillee Kabajuu Qabuu?” jedhuu fi barruu kana irra jiru ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi