LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 2 ful. 4-6
  • Kennaan Waaqayyoo Inni Hunda Irra Caalu Gatii Guddaa Kan Qabaate Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kennaan Waaqayyoo Inni Hunda Irra Caalu Gatii Guddaa Kan Qabaate Maaliifi?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • KENNAA KANA KAN KENNE EENYU?
  • KENNAAN KUN KAN KENNAME MAALIIFI?
  • AARSAAN KAFFALAME MAALI DHA?
  • WANTA BAAYʼEE NU BARBAACHISU KAN NUUF GUUTU
  • Kennaan Hunda Caalu Maalii Dha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Kennaa Isa Kennaa Hundumaa Irra Caalu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Furiin—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caaludha
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Furii—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalu
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 2 ful. 4-6

MATA DUREE FUULA JALQABAA | KENNAA WAAQAYYOO ISA GUDDAA NI FUDHATTAA?

Kennaan Waaqayyoo Inni Hunda Irra Caalu Gatii Guddaa Kan Qabaate Maaliifi?

Kennaan tokko siif gatii guddaa akka qabaatu kan taasisu maali dha? Qabxiiwwan afur caqasuun ni dandaʼama: (1) kennaa sana kan siif kenne eenyu? (2) kennaan sun kan siif kenname maaliifi? (3) kennaa sana kennuuf aarsaan kaffalame maali dha? (4) kennaan sun wanta dhugumaan si barbaachisu kan guutu dhaa? Wantoota kana irratti gadi fageenyaan yaaduun keenya, dinqisiifannaa furichaaf jechuunis, kennaa Waaqayyoo isa hunda irra caaluuf qabnu guddifachuuf nu gargaara.

KENNAA KANA KAN KENNE EENYU?

Teessoo Yihowaa

Kennaawwan tokko tokko nama aangoo qabu ykn nama ulfina guddaa kenninuuf irraa waan nuu kennameef iddoo guddaa kennina. Isaan kaan immoo, yoo gatii xinnoo qabaatan iyyuu, miseensa maatii keenyaa baayʼee jaallannu ykn michuu keenya amannu irraa waan nuu kennamaniif ni mararfanna. Kennaan Raasil, Joordaaniif kennanii fi mata duree darbe irratti caqasame kana kan argisiisu dha. Yaanni kun kennaa furiitiif ni hojjeta kan jennu akkamitti?

Tokkoffaa, Kitaabni Qulqulluun, “Nuti karaa isaa jireenya akka argannuuf Waaqayyo tokkicha Ilma isaa gara addunyaatti erge” jedha. (1 Yohaannis 4:9) Dhugaan kun, kennaan kun dhugumaan gatii guddaa akka qabaatu isa godha. Waaqayyo caalaa qaamni aangoo qabu hin jiru. Waaqayyoon ilaalchisee faarfataan Ibricha taʼe tokko, “Maqaan kee ‘Isa Jiraataa’ [“Yihowaa,” NW] akka ta’e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru taʼuu kees haa beekan!” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 83:18) Kana caalaa qaama iddoo ol aanaa qabu irraa kennaa argachuu hin dandeenyu.

Lammaffaa, Waaqayyo “Abbaa keenya” dha. (Isaayaas 63:16) Akkamitti? Jireenya nuuf kenneera. Dabalataan, akkuma abbaan gaariin tokko ijoollee isaatiif godhu, amanamummaadhaan nu kunuunsa. Saba isaa warra bara durii turan tokko tokko Efreemitti fakkeessuudhaan, “Efreem ilma koo isa jaallatamaa dhaa? Inni mucaa ana gammachiisuu dhaa? . . . Garaan koo isaaf in gadda, isaafis nan ooʼa” jedhee ture. (Ermiyaas 31:20) Waaqayyo, waaqeffattoota isaa yeroo harʼaa jiraniifis akkanuma itti dhagaʼama. Inni Uumaa keenya isa hundumaa dandaʼu qofa utuu hin taʼin, Abbaa fi Michuu keenya isa amanamaa dha. Kun, kennaan inni nuuf kennu kam iyyuu hundumaa irra kan caalu akka taʼu hin godhuu?

KENNAAN KUN KAN KENNAME MAALIIFI?

Yesuus Kiristoos

Kennaawwan tokko tokko dirqamaan utuu hin taʼin jaalala onnee irraa maddeen waan kennamaniif iddoo guddaa qabu. Qaamni haala ofittummaa irraa walaba taʼeen kennaa kennu, gaarummaa isaa kanaaf dugdi akka isaaf deebifamu hin eegu.

Waaqayyo waan nu jaallateef ilma isaa dabarsee nuuf kenneera. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Nuu wajjin haala wal qabateen jaalalli Waaqayyoo karaa kanaan mulʼateera; . . . Waaqayyo tokkicha Ilma isaa gara addunyaatti erge.” Kana kan godhe maaliifi? “Nuti karaa isaa jireenya akka argannuuf” jedhee ti. (1 Yohaannis 4:9) Waaqayyo kana gochuuf dirqamni isa irra jira turee? Gonkumaa! ‘Furiin Yesuus Kiristoos kaffale’ “gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa” kan argisiisu dha.—Roomaa 3:24.

Kennaan Waaqayyoo kun, ‘gaarummaa guddaa’ kan taʼe maaliifi? Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo utuu nuti cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf jedhee akka duʼu gochuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera” jechuudhaan ibsa. (Roomaa 5:8) Jaalalli ofittummaa irraa walaba taʼe, Waaqayyo warra dadhaboo, warra isaan gargaaru kan hin qabnee fi ilmaan namootaa cubbamoo taʼan akka gargaaru isa kakaaseera. Jaalalli kun hojii keenyaan kan argamu ykn deebisnee kaffaluu kan dandeenyu miti. Kennaan isaa kun, seenaa keessatti karaa jaalala isaa itti ibse isa hunda irra caalu dha.

AARSAAN KAFFALAME MAALI DHA?

Yesuus muka dhiphinaa irratti fannifamee

Kennaawwan tokko tokko namni kennaa sana kenne aarsaa guddaa waan itti kaffaleef iddoo guddaa qabu. Namni kennaa nuuf kennu sun kennaa iddoo guddaa kennuuf tokko aarsaa godhee yeroo nuuf kennu, kennaa sana baayʼee dinqisiifanna.

Waaqayyo, ‘Ilma isaa isa tokkicha nuuf kenne.’ (Yohaannis 3:16) Inni qaama kana caalaa jaallatuu fi nuuf kennuu dandaʼu hin qabu. Yeroo Waaqayyo bara dheeraadhaaf uumama cufa uumaa turetti, Yesuus isaa wajjin hojjechaa fi ‘fuula isaa duratti gammadaa ture.’ (Fakkeenya 8:30) Yesuus, ‘Ilma Waaqayyoo isa jaallatamaa’ fi “fakkaattii Waaqayyoo isa ijaan hin argamnee” ti. (Qolosaayis 1:13-15) Qaamota yaaduu dandaʼan kana lamaan caalaa hariiroo cimaa kan qabu hin jiru.

Taʼus, Waaqayyo ‘Ilma isaatiif illee hin hille.’ (Roomaa 8:32) Yihowaan waan qabu keessaa isa hunda caalu nuuf kenneera. Kennaan kana caalaa gatii isa baasise hin jiru.

WANTA BAAYʼEE NU BARBAACHISU KAN NUUF GUUTU

Kennaawwan tokko tokko wanta dhugumaan nu barbaachisu, keessattuu wanta atattamaan nu barbaachisu waan nuu guutaniif iddoo guddaa isaaniif kennina. Fakkeenyaaf, yeroo yaalii fayyaa cimaa taʼe gochuuf qarshii dhabdanitti namni tokko fedhii isaatiin utuu isiniif kaffalee nama sana hammam galateeffattu! Kennaan sun gatii guddaa kan qabu mitii?

“Akkuma namoonni hundi karaa Addaam duʼan, karaa Kiristoos namoonni hundi ni jiraachifamu.” (1 Qorontos 15:22) Nutis sanyii Addaam waan taaneef, hundi keenya ni ‘duuna’; dhukkubaa fi duʼa irratti injifannoo argachuu ykn Waaqayyoo wajjin araaramuu fi isa duratti yakkamtoota taʼuu irraa bilisa taʼuu hin dandeenyu. Akkasumas nuti namoota iddoo guddaa hin qabne waan taaneef, ofiin of ‘jiraachisuus’ taʼe warra kaan ‘jiraachisuu’ hin dandeenyu. Kitaabni Qulqulluun, “Dhuguma iyyuu namni nama furu, yookiis gatii furee sanaa Waaqayyoof baasuu dandaʼu hin jiru. Gatiin furee lubbuu isaanii sonaan guddaa dha” jedha. (Faarfannaa 49:7, 8) Gatii furiidhaaf kaffalamu kaffaluu waan hin dandeenyeef, gargaarsi baayʼisee nu barbaachisa. Gargaarsa hin argannu taanaan, gatii kan hin qabne taana.

Namoota sanyii fi umurii garaa garaa irra jiran

Yihowaan, jaalala isaa isa guddaa irraa kan kaʼe, fedhii isaatiin gatii “yaalii fayyaa” lubbu baraarsaa taʼe waan nuu kaffaleef, karaa Yesuus, “namoonni hundi ni jiraachifamu.” Furiin kun kana kan raawwatu akkamitti? “Dhiigni Ilma isaa, dhiigni Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.” Eeyyee, dhiiga Yesuus isa dhangalaʼetti yoo amanne, dhiifama cubbuu fi jireenya bara baraa argachuuf karaa nuu bana. (1 Yohaannis 1:7; 5:13) Furiin michoota keenya warra duʼaniif maal godha? “Akkuma duuti karaa nama tokkoo dhufe, duʼaa kaʼuun warra duʼaniis karaa nama tokkoo [karaa Yesuus] dhufa.”—1 Qorontos 15:21.a

Aarsaa Yesuus caalaa, kennaan qaama aangoo guddaa qabu irraa ykn jaalala guddaa irraa kaʼuudhaan kenname hin jiru. Qaamni hamma Yihowaa gatii baasuudhaan kennaa nuu kenne kan biraan hin jiru. Akkasumas, kennaan aarsaa isa cubbuu fi duʼa jalaa walaba nu baase caalaa rakkoo keenya isa guddaa nuu furu hin jiru. Eeyyee, kennaan furii isa gatii isaa shallaguun hin dandaʼamne sanaan qixxaachuu dandaʼu hin jiru.

Waaʼee aarsaa Yesuusii fi akkamitti faayidaa irraa argachuu akka dandeessu caalaatti barachuuf viidiyoo gababaa Duʼa Yesuus Yaadadhaa jedhu www.jw.org/om irraa ilaali. WANTOOTA QOPHAAʼAN > VIIDIYOO jalaa argachuu dandeessa. Dabalataanis, koodii kana moobaayilii keetiin dubbisiisuu dandeessa.

a Kaayyoo Waaqayyo warra duʼan duʼaa kaasuuf qabu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluu maal Barsiisa? jedhamu isa Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi www.jw.org/om irratti argamu boqonnaa 7 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi