LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 49
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Faarfannaa

      • Qabeenyatti amanamuun gowwummaa dha

        • Namni nama kan biraa furuu hin dandaʼu (7, 8)

        • Waaqni Awwaala keessaa ni fura (15)

        • Qabeenyi duʼa irraa nama oolchuu hin dandaʼu (16, 17)

Faarfannaa 49:ibsa jalqaba boqonnaarra jiru

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 20:19

Faarfannaa 49:1

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “sirnichaa.”

Faarfannaa 49:2

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Ilmaan sanyii namootaas taʼan ilmaan namaa.”

Faarfannaa 49:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 143:5

Faarfannaa 49:5

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “dogoggora.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 27:1

Faarfannaa 49:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 8:17, 18; Fak 18:11
  • +Er 9:23; 1Xi 6:17

Faarfannaa 49:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 11:4; Mat 16:26

Faarfannaa 49:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “awwaala.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 89:48

Faarfannaa 49:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lal 2:16; Rom 5:12
  • +Fr 39:6; Fak 11:4; 23:4; Lal 2:18; Luq 12:19, 20

Faarfannaa 49:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 39:5; Yaq 1:11
  • +Fr 49:20

Faarfannaa 49:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 12:19, 20

Faarfannaa 49:14

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Siʼooliif,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

  • *

    Ykn., “Siʼooltu,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mil 4:3
  • +Fr 39:11
  • +Iyo 24:19
  • +1Sa 2:6; Iyo 7:9

Faarfannaa 49:15

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “harka.”

  • *

    Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

  • *

    Ykn., “lubbuu koo.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 33:28; Fr 16:10; 30:3; 86:13

Faarfannaa 49:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 1:21; Lal 5:15; 1Xi 6:17
  • +Isa 10:3

Faarfannaa 49:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu isaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 12:19
  • +Fak 14:20

Faarfannaa 49:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 49:12

Yaada Wal Simu

Far. 49:ibsa jalqaba boqonnaarra jiru2Se 20:19
Far. 49:3Fr 143:5
Far. 49:5Fr 27:1
Far. 49:6Kes 8:17, 18; Fak 18:11
Far. 49:6Er 9:23; 1Xi 6:17
Far. 49:7Fak 11:4; Mat 16:26
Far. 49:9Fr 89:48
Far. 49:10Lal 2:16; Rom 5:12
Far. 49:10Fr 39:6; Fak 11:4; 23:4; Lal 2:18; Luq 12:19, 20
Far. 49:12Fr 39:5; Yaq 1:11
Far. 49:12Fr 49:20
Far. 49:13Luq 12:19, 20
Far. 49:14Mil 4:3
Far. 49:14Fr 39:11
Far. 49:14Iyo 24:19
Far. 49:141Sa 2:6; Iyo 7:9
Far. 49:15Iyo 33:28; Fr 16:10; 30:3; 86:13
Far. 49:17Iyo 1:21; Lal 5:15; 1Xi 6:17
Far. 49:17Isa 10:3
Far. 49:18Luq 12:19
Far. 49:18Fak 14:20
Far. 49:20Fr 49:12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Faarfannaa 49:1-20

Faarfannaa

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Faarfannaa.

49 Isin saboonni hundi, kana dhagaʼaa.

Isin jiraattonni addunyaa* hundi xiyyeeffannaa kennaa;

 2 Inni xinnaanis taʼe inni guddaan,*

Inni sooressis taʼe inni hiyyeessi xiyyeeffannaa haa kennu.

 3 Afaan koo ogummaa dubbata,

Wantin garaa kootti xiinxalus+ hubannaa argisiisa.

 4 Mammaaksaaf xiyyeeffannaa nan kenna;

Baganaadhaanis hibboo koo nan ibsa.

 5 Yeroo rakkinaatti,

Yommuun hammina* namoota na garagalchuuf yaalii godhaniin marfamutti kanan sodaadhu maaliifi?+

 6 Warri badhaadhina isaaniitti amanaman,+

Akkasumas warri qabeenya isaanii isa guddaatti of jajan,+

 7 Tokkoon isaanii illee matumaa nama kan biraa furuu

Yookiin isaaf jecha Waaqayyoof furii kennuu hin dandaʼan;+

 8 (Gatiin furii lubbuu isaanii baayʼee miʼaa dha,

Yoom iyyuu taanaan humna isaaniitii oli);

 9 Inni bara baraaf akka jiraatuu fi boolla* akka hin argineef furii kennuu hin dandaʼan.+

10 Isaan namoonni ogeeyyiin illee akka duʼan,

Inni gowwaanis taʼe inni hubannaa hin qabne waliin akka badan,+

Qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisanii deemuuf akka dirqaman ni ilaalu.+

11 Manneen isaanii bara baraaf,

Dunkaanonni isaaniis dhalootaa hamma dhalootaatti akka turan keessa isaaniitti ni hawwu.

Qabeenya isaaniis maqaa ofii isaaniitiin moggaasu.

12 Namni garuu kabajamaa taʼus bara baraaf hin turu;+

Inni bineensota badan irra hin wayyu.+

13 Daandiin gowwootaa,+

Daandiin warra isaan duukaa buʼanii fi dubbii isaanii isa duwwaatti gammadaniis kana dha. (Seelaa)

14 Isaan akka hoolaatti Awwaalaaf* ramadamaniiru.

Duuti isaan ni tiksa;

Namni qajeelaan ganama isaan ni bulcha.+

Tarkaanfiin isaanii hundi ni bada;+

Mana mootummaa utuu hin taʼin Awwaalatu*+ mana isaanii taʼa.+

15 Waaqayyo garuu humna* Awwaalaa* jalaa na* fura,+

Inni na simata. (Seelaa)

16 Namni tokko sooressa waan taʼeef,

Simboon mana isaatiis waan dabaleef hin sodaatin;

17 Sababiin isaas, inni yommuu duʼu homaa fudhatee deemuu hin dandaʼu;+

Simboon isaas isaa wajjin gad hin buʼu.+

18 Inni bara jireenyaa isaatti of* gammachiisa.+

(Yommuu sooromtu namoonni si jaju.)+

19 Dhuma irratti garuu dhaloota abbootii isaa wajjin taʼa.

Isaan matumaa deebiʼanii ifa hin argan.

20 Namni kana hin hubanne kabajamaa taʼus,+

Bineensota badan irra hin wayyu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi