Baafata Mata Duree
3 Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Turkii
HAGAYYA 28, 2017–FULBAANA 3, 2017
7 Qabeenya Isa Dhugaa Barbaadaa
Mata dureen kun qabeenya keenyatti fayyadamuudhaan samii irratti ‘michoota horachuun’ kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsa. (Luq. 16:9) Akkasumas sirna daldalaa addunyaa kanaa sassataan guutame kanaaf garboota taʼuu irraa of eeguu fi hamma nuuf dandaʼametti guutummaatti Yihowaa tajaajiluu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.
FULBAANA 4-10, 2017
12 “Warra Booʼanii Wajjin Booʼaa”
Kiristiyaanni tokko nama jaallatu duʼaan dhabuu isaatiin gadda isa irra gaʼu damdamachuu kan dandaʼu akkamitti? Yihowaan karaa Yesuus Kiristoos, karaa Kitaaba Qulqulluu fi karaa gumii Kiristiyaanaa jajjabina nu barbaachisu nuu kenna. Mata dureen kun of jajjabeessuus taʼe warra gaddan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.
FULBAANA 11-17, 2017
17 “Yaahiin Jajadhaa!”—Maaliif?
Faarfannaan 147 sabni Waaqayyoo Yaahiin akka jajatan irra deddeebiʼee jajjabeessa. Faarfatichi akkasitti irra deddeebiʼee Waaqayyo akka jajamu kan barbaade waaʼee Yihowaa maaltu isa dinqisiiseetu? Mata dureen kun waaʼee kana ibsa; nutis Waaqa keenya jajachuuf fedhii akkasii qabaachuu kan qabnu maaliif akka taʼe ibsa.
FULBAANA 18-24, 2017
22 Yihowaan ‘Akeeka Kee Hundumaa Siif haa Raawwatu!’
Dargaggoonni hedduun hinaaffadhaan tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachaa jiru. Ati hoo fedhiin kee kanaa? Mata dureen kun gorsa Kitaaba Qulqulluu gaarii gara fuulduraatiif karoora gammachiisaa fi milkaaʼaa taʼe baafachuuf si gargaaru qabateera.