Gaaffii Dubbistootaa
Gabaasni seenaa Yesuus Maatewosii fi Luqaas irra jiru adda adda kan taʼe maaliifi?
Gabaasni Maatewos taʼeewwan Yoseefii wajjin wal qabatan irratti kan xiyyeeffatu dha. Innis, yeroo jalqaba Maariyaam akka ulfoofte dhagaʼetti miira Yoseefitti dhagaʼame, dhimma sana ilaalchisee wanta maleekaan tokko abjuudhaan isaaf ibsee fi Yoseef ibsa kana fudhachuu isaa dubbata. (Mat. 1:19-25) Itti fufuudhaanis, Maatewos waaʼee abjuu Yoseef isa maleekaan gara Gibxiitti akka godaanu itti hime, maatii isaa wajjin baqachuu isaa, abjuu isaa isa maleekaan tokko gaara biyya Israaʼelitti akka deebiʼu itti hime, achiis deebiʼuu isaa fi maatiin isaa Naazireet keessa akka jiraatan murteessuu isaa ibseera. (Mat. 2:13, 14, 19-23) Boqonnaawwan jalqabaa lamaan Wangeela Maatewos keessatti maqaan Yoseef siʼa kudhan, maqaan Maariyaam garuu siʼa shan qofa caqasame.
Karaa biraatiin immoo, gabaasni Luqaas caalaatti waaʼee Maariyaam irratti xiyyeeffata. Maleekaan Gabriʼel jedhamu dhufee Maariyaamiin akka daawwate, fira ishii kan taate Elsaabexiin gaafachuu akka dhaqxee fi galata ishiin Yihowaadhaaf dhiheessite kan of keessatti qabate dha. (Luq. 1:26-56) Kana malees, Luqaas gidiraa gara fuulduratti Yesuus irra gaʼu ilaalchisee wanta Simiʼoon Maariyaamitti dubbate ibseera. Yeroo Yesuus waggaa 12 turetti maatiin ishii mana qulqullummaa akka dhaqanii fi wanta Maariyaam dubbatte kan barreesse taʼu iyyuu, waaʼee Yoseef hin caqasne. Luqaas itti dabaluudhaan, wantoonni raawwataman kun Maariyaamiin baayʼee akka yaaddessan dubbateera. (Luq. 2:19, 34, 35, 48, 51) Wangeela Luqaas boqonnaa lamaan jalqabaa keessatti, maqaan Maariyaam siʼa 13 kan caqasame yommuu taʼu, maqaan Yoseef garuu siʼa 4 qofa argama. Kanaaf, Maatewos kan ibse wantoota Yoseefiin yaaddessanii fi waan inni raawwate siʼa taʼu, Luqaas garuu balʼinaan kan barreesse gaʼee Maariyaam qabduu fi wantoota ishii mudatan ture.
Haaluma wal fakkaatuun, hidda dhalootaa Yesuus ilaalchisee ibsi barreessitoonni Wangeelaa kun lamaan kennan garaa garummaa qaba. Maatewos hidda dhalootaa Yesuus karaa Yoseef ibsuudhaan, Yesuus inni Yoseef guddise mootummaa Daawit dhaaluuf karaa seeraa mirga akka qabu gabaaseera. Maaliif? Sababni isaas Yoseef karaa Solomoon sanyii ilma Daawit Mootichaa waan tureefi dha. (Mat. 1:6, 16) Haa taʼu malee, Luqaas hidda dhalootaa Yesuus karaa Maariyaam ibsuudhaan, inni “karaa foonii” mootummaa Daawit dhaaluuf mirga dhalootaa akka qabu ibseera. (Rom. 1:3) Maaliif? Sababiin isaas, Maariyaam karaa Naataan isa ilma Daawit taʼeen sanyii Daawit Mootichaa waan taateefi. (Luq. 3:31) Maarree Luqaas yeroo waaʼee hidda dhalootaa Maariyaam tarreessu intala Eelii akka taate utuu hin ibsin kan hafe maaliifi? Sababiin isaa hiddi dhalootaa kan lakkaaʼamu karaa dhiirotaa waan tureefi dha. Kanaaf, Luqaas Yoseefiin akka ilma Eelii taʼetti yeroo ibsu, Yoseef soddaa Eelii akka taʼetti hubatama ture.—Luq. 3:23.
Hiddi dhalootaa Yesuus Maatewosii fi Luqaas tarreessan, Yesuus Masiihii isa raajiidhaan dubbatame akka taʼe ifatti mirkaneessu. Waaʼeen hidda dhalootaa Yesuus baayʼee beekamaa waan taʼeef, Fariisonnis taʼan Saduqoonni illee matumaa haaluu hin dandeenye. Yeroo harʼaatti, gabaasni Maatewosii fi Luqaas waaʼee hidda dhalootaa Yesuus barreessan, kutaa buʼuura amantii keenyaa fi abdiin Waaqayyo kenne dhugaa taʼuu isaa kan mirkaneessu dha.